MM Abiy Ahimad: ‘Yeroon dabalataa Manni Maree Federeeshinii kenne nageenya ummataafi’

Ministirri Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhiibbaa Covid-19 ittisuuf hunduu akka gahee isaa gumaachu waamicha dhiheessaniiru

Manni maree Federeeshinii turtiin aangoo mootummaa akka dheeratu wanti murteesse 'nageenya ummataaf [kabachiisuuf] malee yeroo dabalataa paartileefis ta'e mootummaa kenname miti' jechuun dubbatan.

Erga murteen dheengadda, gaafa Roobii, Manni Maree Federeeshinii murteesse as yaada kennaniin adeemsa keessa darbe jajaniiru.

Guyyaa har’aa ergaa fuula Fesbuukii isaanii irratti gadhiisaniin adeemsi mana maricha waan kana dura hin baramnedha jedhan. ‘’Dimookiraasiin biyya keenyaa of fooyyeessaa deemaa akka jiru ifatti agarsiiseera’’ jedhan.

'‘Yoo sirriitti hubanne, carraan kuni akka biyyaatti dimookiraasiitti madaquu akka dandeenyu carraa guddaa tarkaanfii tokko fuula duratti nu dabarsedha jechuun danda’ama.’’

Yaadni Ministira Muummee kuni yeroo paartileen mormituu muraasa murtee Mana Maree Federeeshiniin mormii isaanii ibsanii booda kan dhagahamedha. Dubbii isaaniinis paartilee waliin mariin akka itti fufu himan.

Hunda caalaa murteen kuni xiyyeeffannoo mootummaa ittisa koronaavaayirasii irratti akka ta’u gargaara jechuunis dubbatan.

MM Abiy maal jedhan?

Erga Manni Maree Federeeshinii turtii aangoo mootummaa erga dheeressee booda paartileen mormituu mormanis ta’e murtii kana deeggaran ni jiru.

MM Abiy ‘’Wanti biyyaaf jedhamee dalagamuu ummataafi. Ummatni osoo hin jiraatin wanti ummataaf taasifamu hin jiru’’ jechuun murteen tibbanaa barbaachisaa akka ta'e akeekanii dubbataniiru.

‘Yeroon dabalataa Manni Maree Federeeshinii kenne nageenya ummataaf [kabachiisuu] yeroo kenname malee yeroo paartileef yookiin mootummaaf kenname miti’ jechuun himaniiru.

‘Paartilee waliin marii itti fufna’

Waggoota dheeraa booda qabsoo karaa nagaatti kan deebi’e Addi Bilisummaa Oromoo fi Kongirasiin Federaalistii Oromoo ibsa baasaniin aangoo mootummaa dheerate murtii ‘olaantummaa qaama tokkoon murtaa’edha’ jechuun mormaniiru.

Durumaa paartileen lamaan adeemsa 'heera hiikuu' mootummaan hordofe mormaa turan.

Paartilee lamaan alatti Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) murtee tibbanaa qeequun madda rakko nageenyaa ta’u akka danda’u ibseera. Paartileen kunneen mootummaan paartilee mormituu waliin marii akka taa’u gaafataniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad ergaa isaanii har’aan paartilee mormituu waliin marii akka itti fufan himan.

‘’Dimookiraasiin akka cimuufi waliigalteen biyyaalessaa cimee akka itti fufu paartiin biyya bulchu fuuladuratti dhimmoota ijoo biyyaalessaa irratti paartilee waliin mari’achuun waliin dalaguu itti fufa’’ jedhaniiru.

‘Ilaalchi keenya tokko ta’us dhiisu biyyi qabnu garuu tokkodha’ kan jedhan Ministirri Muummee Abiy ‘hiree fulduraa biyyattii dhimmoota murteessan irratti’ paartilee waliin marii akka itti fufan dubbatan.

‘Covid-19 ganna cimuu mala’

Itoophiyaa keessa erga koronaavaayirasiin seenee ji'a sadii ta'eera. Keessumaa baatii tokko darbe hammi namoota koronaavaayirasiin qabamanii haalaan dabalaa jira.

Qorannoo Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa gaggeessen ji’a tokko darbeefi ji’oota duraan lama hammi namoota vaayirasichi irratti argame yoo ilaalamu kan booda kanaa dachaa 10’n dabaleera jedheera.

MM Abiy ‘‘ganna dhufu lakkoofsi kana caaluu akka malu tilmaamama’ jechuun himaniiru.

Kanaanis, paartilee mormituufi qaamoleen kaan dhimma koronaavaayirasii ittisuufi dhiibbaa inni fiduu danda’u xiqqeessuu keessatti akka qooda fudhatan waamicha dhiheessaniiru.

‘Hojiin tokko qaama tokkoof qofaatti yeroo kennamu miti ‘ kan jedhan MM Abiy dhiibbaa vaayirasichi fidaa jiru hanqisuuf hunduu itti gaafatamummaa qaba jechuun himan.

Kunis, to’annoo vaayirasichaa, dhiibbaa diinagdeefi hawaasummaa fiduu malu, hanqina midhaan nyaataa mudatuu malu, birmadummaa biyyaa eeguufi, filannoo haqaafi amanamaa akka taasifamuf qophii taasifamuu keessatti hunduu gahee isaa akka gumaatu waamicha dhiheessaniiru.

Filannoon maaliif darbe?

Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufani as filannoon yeroo duraaf baatii Hagayyaa keessa taasifamuuf yaadamee ture.

Yeroon suni boodarra ganna keessa yaadni jedhu waan ka’ef ji’uma sana keessa guyyoota muraasa akka achi siqu ta’e.

Kanuma keessa garuu ji’a sadii dura sadarkaa addunyaatti weerarri koronaavaayirasii biyya seennaan Boordiin Filannoo adeemsa qophii filannoo adeemsisuu akka hin dandeenye ibse.

Dhimma kana irratti kan mari’ate paarlaamaan Itoophiyaa yaada Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhiheesse raggaasisuun filannoon yeroo biraaf akka darbu ta’e.

Manni Maree Federeeshinii maal murteesse?

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa hanga weerarri koronaavaayirasii yaaddoo ta'ee itti fufetti aangoon mootummaa akka dheeratu murteesseera.

Yaada Gumii calallii seeraa bu'uura godhachuun murteewwan ijoo lamatu murtaa'e.

Kan jalqabaa hanga weerarri koronaavaayirasii biyyattiif yaaddoo ta'ee jirutti manneen maree federaalaa fi naannolee hundi hojii isaanii akka itti fufan kan jedhudha.

Kana jechuun manneen maree kanneeniin kan filataman MM fi bulchitoota naannolee hundaa fi kaabineen isaanii aangoorra turu jechuudha.

Qabxiin lammataa ammoo weerarri koronaavaayirasii yaaddoo ta'uu dhabuun isaa dhaabbilee fayyaan erga mirkanaa'e kunis paarlaamaan erga ragga'ee booda filannoon yeroo baatii 9 hanga waggaa 1 hin caalle keessatti akka raawwatamu kan jedhudha.

Silaa bulchiinsi amma aangoorra jiru A.L.I baatii Fulbaana bara 2013 keessa turtiin isaa goolabama ture.

Furmaata heeraafi siyaasaa

Mootummaan gorsa ogeeyyiin seeraa dhiheessan bu’uura godhachuun yeroo weerara koronaavaayirasii kana filannoo gaggeessuuf filmaata afur kaa’e.

Paartileen mormituu immoo heeraan osoo hin taane furmaata siyaasaatu barbaachisa jechuun adeemsa mootummaa kan morman turani. Garuu, hundatu morme jechuu miti.

Mootummaan immoo ‘’furmaata siyaasaa’’ wanti paartileen jedhan ‘’qoodinsa aangooti’’ jechuun ‘bu’uura heeraa hinqabu’ jedhee ture.

Kanuma keessa filmaata afur mootummaan dhiheesse keessaa paarlaamaan hiikkaa heeraa gaafachuu kan jedhu filachuun Manni Maree Federeeshinii ji’a tokko keessa hiika akka itti barbaadu gaafate.

Koreen Mana Maree Fedeereshinii jala jiru dhimma kana irratti ogeeyyii seeraafi fayyaa akkasumas heerri Itoophiyaa ammaa gaafa bahe kanneen qooda fudhatan waliin mari’ateera.

Adeemsa Koree Calallii Seeraa irratti paartileen tokko tokkoofi ogeeyyiin gaaffii kaasan turan.

Hiikkaa heeraa koreen kuni dhiheesse bu’uura godhachuun Roobii darbe Manni Maree Federeeshinii aangoon mootummaa akka dheeratu murtesseera.

Waggoota 27 darbanif siyaasa Itoophiyaa keessa olaantummaan kan gaggeessaa ture Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) garuu filannoon yeroo isaa eeggate taasifamu qaba jechuun morma.

Jalqaba torban kanaas, Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aadde Keeriyaa Ibraahim filannoon darbuu isaa mormuun fedhiin aangoo gadhiisuu isaanii ibsuun ni yaadatama.