Koronaavaayiras: 'Namoonni Covid-19n qabamusaanii baruun miliqan yaaddoo uumaa jiru'

Nama saamuda fudhate

Tatamsa'ina dhibee Covid-19 too'achuuf jecha naannoo Oromiyaas ta'e naannolee birootti namoota shakkiin adda baafamaniin alatti calallii addaa (Screening) dhaan manneen jireenyaa, imaltoota fi hospitaalattis namootarraa saamudni ni fudhatama.

Erga bu'aan qorannoo barameen booda keessatti adeemsiifi danqaan namoota vaayirasichi irratti argame battalatti argachuun bakka addaa tursiisuuf maala akka fakkaatu oggeessota dubbifneera.

Hojii gaggeessaa Koolleejjii Fayyaa fi Hospitaala Adaamaa Dr. Mokonnin Fayyisaa Hospitaalichi namoota yaala birootiif dhufan mallattoo kan agarsiisanis ta'e kan hin agarsiisne guyyaatti nama 25 irraa saamuda fudhannee qorachifna jedhan.

"Namoota saamuda irraa fuune kana ragaa isaanii qabannee dhibee isaanii akka yaalaman goona. Kan xumuranis gara mana isaanii akka galan ta'u. Kunis hawaasa keessa maaltu jira kan jedhu beekuuf ni fayyada," jedhan.

Dandeettii amma jiruun namni tokko saamuda kennee bu'aan isaa guyyaa tokkoo hanga sadii gidduutti ni baha. Namni saamuda kennee gara manasaa deeme kunis yoo vaayirasichi irratti argamuun barame odeefannoo galmaa'e sanaan bakka inni jiruu fidama jedhan.

Malli calallii tasaa (screening) kun naannolee hundattuu bifa kanaan hojiirra oolaa jira.

Taatee imaltoota hunda bakka tursiisaa galche

Torbee dabarsine kanatti gargaaraan konkolaachisaa warshaa simintoo daangootee ta'e erga saamuda kenneen booda dhimma dhuunfaatiif gara magaala Bahirdaar geejjiba uummataatiin osoo deemuu karaatti bu'aan qorannoo itti himamee ture.

Hospitaala Yunvarsiitii Dabramaarqoos irraa kan dubbifne Dr. Ermiyaas Ababaawu, ta'iin imaltoota otobisii tokko guutuu bakka tursiisa addaa akka galan dirqamsiise kana nutti himaniiru.

"Gargaaraan kun naannoo Oromiyaatti erga saamuda kenneen booda otobisii uummataatiin gara Naannoo Amaaraa dhufaa ture. Vaayirasichi irratti argamuun kan itti himame otobisii kanaan erga magaala Fiichee gahetti.

Ergasii gabateen konkolaatichaa ibsamee eegamee kan namicha gara bakka addaatti fudhatame," jedhan.

Sababa imalaa kanaatiin namootni otobisicha keessa turan hundi torbee lamaaf bakka tursiisa addaa magaalaa Dabramaarqoos galaniiru. Namni dhukkubichaan qabamuun beekame kunis Magaala Bahirdaaritti yaala argachaa jiraachuus himan.

Dhimmi namoota hedduu rakkoof saaxile kuni hanqina hojmaata calallii irraa kan maddudhas jedhu Dr. Ermiyaas.

"Yoo xiqqaate namni saamuda kenne osoo hanga bu'aan isaa baramutti bakka addaa tursiifamee rakkoon akkanaa hin uumamu. Namoonni akkanaa nama baayyee waliin gahuu danda'u waan ta'eef," jedhan.

Namoota vaayirasii koronaatiin qabamanii dhokatan

Hogganaa Itti aanaan Biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti, namootni koronaavaayirasiin irratti argamuu erga beekanii dhokatan yaaddoo guddaa uumaa jiru.

"Namoota akkanaa yeroo saamudni irraa fuudhamu maqaa, bilbilaa fi teessoon isaanii ni galmaaha. Sana booda erga bu'aan isaanii bahee bilbillee itti himna. Jalqaba bilbila kaasanii odeefannoo vaayirasichi irratti argamuu erga baranii booda bilbila cufatu," jedhan.

Irra caalaan namoota haala kanaan dhabamanii konkolaachiftoota Jibuutiirraa deddeebi'an ta'uus himan.

"Namoonni tokko tokko bakkuma jiran dhugaa himanii achii dhaqnee fuuna. Tokko tokko ammoo odeefannoo erga baranii silkii cufatu. Kan bilbila hin cufnes yoo Adaamaa jiraate Maqaleen jira jedha. Yoo Finfinnee jiraate Adaamaan jira jedha. Haala kanaan rakkachaa jirra" jedhan.

Tibbuma kana keessas konkolaachiftoonni jibuutiirraa dhufanii Matahaaraa irratti saamuda kennanii koronaavaayirasiin irratti argame saddeet haala kanaan baduu isaaniis himan.

Namoota gocha akkanaa raawwatan kanneenis tumsa 'Ethio telecom' fi qaamolee nageenyaatiin muraasni too'atamuus himan Obbo Darajjeen.

Buufataaleen fayyaa nama saamuda irraa fuudhan ragaa guutuu barreessanii fudhachuu dhabuudhaan erga bu'aan qorannoo bahee booda namoota kanneen argachuun rakkisaa ta'aa jiraachuunis himameera.

Namoonni erga bu'aa qorannoo baranii miliquun kun dhukkubni Covid-19 sadarkaa hawaasaatti akka babal'atu gochuun yaaddoo guddaa uumaa jiraachuus eeran Obbo Darajjeen.

"Namootni kunneen gara maatii isaaniitti dhokachuuf kan deeman geejjiba uummataatini. Yeroo deeman kanatti nama baayyee faaluu danda'u, kan dhibee kana babal'isaa jiru tokko gochoota akkanaati" jedhan.