Koronaavaayiras: Daldaltoonni saal-qunnamtii egeree isaaniif sodaachaa jiru

Isteellee Luqaas kutaa ciisichaashee keessatti ijaan lafa ilaalaa

Madda suuraa, Estelle Lucas

Barri ammaa kun walirraa fageenya eeggachuu dirqama taasiseera. Daldalawwaniifi tajaajilawwan carraa namoonni walitti siquun wal tutuquu uuman cufamaniiru.

Keessumaa ammo wantonni barbaachisummaan isaanii hangas mara hin ta'iin erga cufamanii ji'oonni lakkaa'amaniiru.

Fakkeenyaaf, sababa kanaan dubartoonni muka bultoo isaanii daldala saal-qunnamtii godhatan rakkoo hamtuu keessa warra gale keessatti argamu.

Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa kana mana cufachiisee manneen qaama qullaa keessatti shubbisaan, manneen dhugaatiifi warren daldala saal-qunnamtiitiin bulan erga karra cufatanii bubbuleera.

Dubartoonni daldala saal-qunnamtiin jiraatan madda galii isaanii dhabanii halkan tokkittiitti harka qullaa hafan.

Isteel Luqaas waggoota 10n darban keessa magaalaa Meelboorn keessatti daldala saal-qunnamtiitiin jireenyashee gaggeeffataa jirti.

Haata'u malee, koronaavaayirasiin dhufee addunyaa akka hin jirre godhe, jireenyashees hedduu hammeesse. Maamiltoonni waggoota dheeraadhaaf keessummeessaa turtes ishee dgatan.

Daldaltuu saal-qunnamtii Isteellee Luqaas kutaa ciisichaashee keessatti yeroo bilbila harkaashee ilaaltu

Madda suuraa, Estelle Lucas

"Ji'a ja'aaf hojii malee ture jechuun maamiltoota koo dhabeera jechuudha," jetti.

Isteel hin sobdu. Weerara koronaavaayirasii dura galiin koo ol aanaa ture jetti. Bakka magaalaa Meelboorn keessatti argamu tokkotti mana ijaarratteetti. Amma garuu maddi galiishee cufameera.

Hojiishee karaa toora inteneetii itti fufsiisuu yaaddulleen akka Kanaan duraa ta'uufiif hin dandeenye.

"Maamiltoota koo karaa toora interneetaa argachuudhaaf yaaleen ture. Haata'u malee, tekinooloojiin nama hundaaf galeera jechuun hin danda'amu.

Maamiltoonni koo tokko tokkoyyu ammo bilbila isaanii sirnaan fayyadamuullee hin danda'an."

Manneen nyaataafi kaaffeewwan deebiyanii banamuu eegalanilleen, daldalii saal-qunnamtii garuu ammallee akkuma itti dukkanaa'etti jira.

Rakkoon biraa daldala saal-qunnamtiif yaaddoo uume namoonni qaama isaanii tuttuqsiisuudhaaf wal amanuu dhabuudha.

Dubartoota hojii saal-qunnamtiin jiraataniif kun mataa dhukkubbii ta'eera.

"Hojiin ani itti bobba'ee jiru kun garamitti akka baasu hin beekne. Yeroon hojii kana jalqabu baayyeen rakkadhee ture. Amma akkas ta'innaa jedheen sodaadha.

Hojiimti kuniyyu osoo deebiyee maamiltoonni koo ni jiruufi hin jiranii isaanii hin beeku. Walumaagalatti garuu wanti hundumtuu nama sodaachisa."

"Nazma"

Mootummaan Awurstiraaliyaa sababa Covid-19 warreen manni galii isaanii jalaa dhaabbateef gargaarsa maallaqaa taasisaa jira.

Haata'u malee, gargaarsa sana argachuudhaaf ammoo nagahee gibira ittiin kaffalaa turame dhiyeessuun dirqamadha.

Kun ammoo dubartoota daldla saal-qunnamtiitti bobba'aniifi maqaan isaanii galmee gibiraa seera qabeessarratti hin galmaa'iiniif danqaa guddaadha.

Dubartoonni saal-qunnamtiin jiraatan rakkachaa jiran warra Awustiraaliyaa qofaa miti. Dubartoonni biyyoota hedduu keessa hojii Kanaan jiraatan rakkoo walfakkaataatu isaan mudachaa jira.

Hojjettuun Yunvarsiitii Leester Tiilaa Saandars, mootummaan warren waraqaa seera qabeessa qabaniifi galma'aniif malee kanneen hojii al-idileetti bobba'aniif tumsa gochuuf hayyamamaa miti jechuun momiti.

Warri hojii saal-qunnamtiitti bobba'an rakkoon itti hammaatteetti. Kanaaf, isaan dabalatee mootummaan lammileen hojii al-idileetti bobba'aniif akka yaadu dhaabileen mirgoota namoomaaf dhaabbatan cimsanii falmaa jiru.

Laas Veegaas keessatti namoota saal-qunnamtiitti bobba'aniif maallaqni dolaara 19,300 walitti qabuu danda;aniiru.

Kana jechuun Birrii miliyoona walakkaatiin ol jechuudha. Xaaliyaan keessatti ammo warren hojii saal-qunnamtiin jiraataniif Yuroo 21,700 sassaabaniiru. Kun ammo Birrii kuma 820 jechuudha.

Tokko tokko ammoo fayyaa isaanii balaadhaaf saaxilaniidhuma hojjechaa jiru. Darbee darbee yeroo mana isaaniitiin alatti argamanis addabbii maallaqaatiin adabamu.

Falmituun mirga namoomaa Niikii Adaams, UK keessatti dubartoonni daldla saal-qunnamtiitti bobba'an baayyeen isaanii haadholii ijoolleeti jetti.

Kun biyyoota Aqurooppaafi Ameerikaa keessatti.

Biyyoota guddachaa jiran hedduu keessattis dubartoonni hojii daldala saal-qunnamtiitiin kan jireenya isaanii gaggeeffatan hedduudha. Ofi jiraachisuurrallee darbanii kan maatii ittiin jiraachisan baayyeedha.

Biyya Baangilaadish keessatti mandaraa Duwaalaatiidaa jedhamtu tokko dubartoonni daldala saal-qunnamtiidhaan bulan itti heddummaatan poolisiidhaan eegamu.

Ba'uus ta'e galuun rakkisaa ta'eera. Gandi sun akka addunyaatti bakkeewwan daldalli saal-qunnamtii itti gaggeefaman keessaa isa guddichadha jedhama.

Mandaraa sana keessa dubartoota saal-qunnamtiin bulan 13,000 fi daa'imman 400 akka jiraatan himama.

Dubartii Baangilaadish ganda Daawulaatiidaa hojii saal-qunnamtiin jiraattu

Mootummaan yeroo mandaraa sana cufetti galii daldala saal-qnnamtii akka cufe hin hubanne kan jedhan hedduudha.

Ammatti hedduun jiraattota mandara Sanaa waan lubbu oolchii gamaafi gamasiin itti darbatamtuun jiraachaa jr

Maqaa ishee isa sirrii himachuu kan hin barbaanneefi haadha ijoollee sadii Naazimaan, waanta nyaannu hin qabnu, hojiis hin qabnu waan ta'eef maaltu akka nu liqimsuyyu hin beeknu jetti.

"Hojjechuudhaaf barbaadullee garuu yoo vaayirasichi na qabe ammoo maalan godha kan jedhuun yaaddoon ana ajjeesuufidha."

Sadarkaa addunyaatti qormaanni guddaa namoonni hojii daldala saal-qunnamtiitti bobba'anii inshuraansii fayyaa dhabuudha.

Keessattii ammo namoonni vaayirasii HIV/AIDS waliin jiraatan inshuraansii fayyaa yoo hin qabaatiin rakkoon isaa caalaa hammaataadha.

Dubartoota hojii saal-qunnamtiin jireenya isaanii gaggeeffataniif fuuldura isaanii caalaa yaaddessaa kan taasisu, hojiin kun dandamatee bakka isaa duriitti deebiyuudhaaf yeroon ni hafa jedhamaa jiraachuu isaati.

Weerarri koronaavaayirasii tasgabbaa'ee jireenya bakka isaa duraaniitti osoo deebiyeellee, amantaa dhabuun waan jiraatuuf dubartoota saal-qunnamtiin bulan bira deemuun rakkisaa ta'uu mala.iu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa