Fayyaa: 'Haati warraa koo waggaa 10f dirqamaan na gudeedde'

Miidhaan mana keessaa harki caalaan kan gabaafamu dubartootarraati.
AKka ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomannii (UN) agarsiisutti, dubartootaafi ijoollee durbaa harka sadii keessaa tokko umurii isaanii keessatti miidhaan qaamaa ykn tuttuqqaa/qoccolloon saal-qunnamtii waliin walqabatan isaanirra gahu.
Kan baayyee hin baramiiniifi yaadnillee baayyee irratti hin kennamne ammoo miidhaa abbaa warraafi miseensota maatii dhiira ta'aniidha.
Hawaasa hedduu keessatti miidhaa mana keessaatti dhiirotarra gahu waan akka qaanii guddaa ta'etti ilaalama. Kanarraa kan ka'eenis, dhiironnis himachuu dhiisanii qofaa isaanii rakkoo kana kulkulfachuu filatu.
Namni umuriin isaa dargaggummaa keessa jiru tokko akkamitti akka miidhaa tuttuqqaa saalaa mana keessaatti irra gahaa tureefi akkamiin akka rakkoo kana keessaa itti bahe dhugaa baha.
Namni biyya Yukireenirraa ta'e kun osoo eenyummaa isaa hin beeksisiin seenaa isaa BBCf qoodeera.
Seenaan inni BBCtti hime akka itti aanutti gorsa ogeessotaa fala rakkoo akkasii kana keessaa ittiin bahamu waliin dhiyaateera.
Yeroo jalqabaa koo
Hiriyyaan koo kan shakkitu qabdi ta'ee ani hin beeku. Yeroo diidaan ilaalan wanti martinuu baayyee gaarii fakkaata: fuula ifaatu jira, hiriyyummaa gaariin jira, maallaqni hedduunis ni jira, gammachuunis guutuu ture waan ta'eef ofitti amanamummaa qabna. Waliin ta'uudhaan walakkaa addunyaarra deemneerra.
Yeroo waliin imalaa turretti ishee sodhaachaa hin turre: namoota biroo fuulduratti ana hin miitu turte. Wanti hunda caalaa omurteessaa qofaatti ishee waliin ta'uu dhiisuu ture.

Haati warraa koo duraanii akka waggoota 10f na gudeedaa turte dhiyeenyan hubadhe.
Iraa jedhamti. Iraan dubartii ani jalqaba waliin turedha.
Yeroo wal barru umuriin keenya digdamoota gara jalqabaa keessa turre. Jalqaba isheetu na gaafate.
Maatiin koo ammoo jaalala dubartii waliin akkan jalqabeen atattamaan akkan isaanirraa bahu natti himanii turan.
Kana jechuun, hariiroo jaalalaa dubartii waliin gaafan jalqabe maatii koo dhiisee mana bahuudha jechuudha.
Kun ammoo guyyaa tokkotti waan hunda akka dhabuuti.
Haalichi sodaachisaa ture. Kanaaf, ergan maallaqa gahaa qusachuun qofaa adda bahee jiraachuu danda'ee boodan jaalala jalqabe.
Ofitti amanamummaa gad-aanaa
Kana biratti, harmeen koo ofitti amanamummaa ani qabuufi maal akkan fakkaadhu irratti ni qaanofti ture. Ofitti amanamummaan koo baayyee gad-aanaa ture.
Saal-qunnamtii ani jalqaba raawwadhe Iraa waliin ture. Sana raawwchuus nan fedhan ture. Haata'u malee, sirrii hin turre. Baayyee kan dhukkubbii qabuufi humnaan ta'e ture. Saal-qunnamtiin guyyaa jalqabaa taasifne naannoo sa'aatii shaniif ture. Isaan booda yeroon of ilaalu guutummaan qaama koo hedduu miidhameera.
Dhibee sammuu akka kana irra bahu qabdi ture edaa. Hanga sanyiin dhiiraa (ispermiin) dhuma irratti dhufutti hedduun miidhaman ture. Giddu-galeessaan ammoo saatii tokkoo hanga lamaa tura.
Saal-qunnamtiin silaa itti gammaduudhaaf ture, garuu anaaf gammachuu hin turre. Muuxannoo waanan hin qabneef akkuma sana natti fakkaatee kan isheen jette maran tole jechaa ture.
Garuu gaafa naaf gamu "Lakki"n jedheen. Haata'u malee, isheen isaan dhaabuu ni didde.
Isaan booda ture kan dubbiin kan gara dirqamaan gudeeduutti jijjiirame.

Daandiirra naanna'aan bule
Hojii biizinasii yeroo dheeraatiif biyya alaa deemuun narra ture. Yeroo sanatti, Iraa waliin gargara hafna/nan dhaba sodaa jedhuun akka ana waliin deemtun gaafadhe.
Kana gochuuf ammoo dursine akka wal fuudhuu qabnun gaafadhe.
Isheen garuu waa'ee fuudhaa sana diddee imala biyya alaatti ammoo na faana ta'uu hayyamte.
Yeroon kun yeroo wanti martinuu itti jalqabedha.
Hojii baayyee hojjechuu koorraa kan ka'e ani boqochuun barbaada ture. Isheen garuu saal-qunnamtiif na gaafachuu jalqabde. Si'a takkaa, lama... tole ittiin jedhe.
Isheen ammoo, "ani nan barbaada, ana na feesisa, kanaaf, ati dhufuu qabda. Ani yeroo dheeraan si eega," jetti.
Ani ammoo akkas jechuun deebisuun anarra ture: "Lakki, ani hin barbaadu, ani boqochuun barbaada, ani dadhabeera."
Yeroo sana isheen na rukkutti, ani garuu wantan gochuu danda'u hin turre. Hanga dhiigutti qeensa isheetiin gogaa koo moccorti ture.
Na qunxuuxxi, na qussiti. Gruu fuula koo moccortee godaannisni akka mul'atu hin gootu. Bakka hin mul'anne akka laphee, dugdaafi hirree koorra ammoo baayyee na moccorti ture.
Ani garuu ishee dura hin dhaabbadhu ykn humnaan ofirraa hin ittisun ture, sababiin isaas dubartii dhaanuun miidhaan dogoggora jedhee waanan yaaduuf.
Kun akka warri koo itti na guddisanidha.
Waanan akka xiqqoo ta'eefi dadhabaa jalaa miliquu hin dandeenyeettin yaada. Isheen waan barbaadde ni argatti; yeroo baayyees ana gubbaa korti.

Yeroo tokko baheen hoteela kireeffadhee buluun yale. Akkuman hoteela deemeen warri keessumsiisan afaan dubbachuu waan hin dandeenyeef waan ani jedhe na hubachuu hin dandeenye ture.
Sirees hin arganne, manattis hin galle; isheetti hin deebine. Hanga galmi gabaa guddaan tokko cufamuttin achi keessa nanna'aa tureen, booda magaalaa baheen daandiirra naanna'aa bule. Yeroon sun waqtii Arfaasaa waan tureef akka malee qorra ture. Ani ammoo uffata qorraaf ta'ullee qabadhee hin baane ture.
Yeroo keessa rakkoo infekshinii ujummoo fincaanii, rakkoo gilaandii naannoo qaama wal-hormaataa jiruufi gubaa qaamaan hiradhe. Kun ana irra gahuun garuu Iraa akka dhiistu hin taasifne: waan isheen barbaadde gochuun narraa eegama.
Guyyaan sun dhum-torbee baayyee hamoo ture. Kun kan ta'e Sanbata ganamaafi Dilbata galgala ture. Yukireenitti deebiyuun dura guyyootan lakkaa'e.
Wanti ta'e sun walitti dhufeenya keenyaaf kan dhumaa ta'a jedheen ture - garuu nan dogoggore, akka ani yaade hin taane.

Madda suuraa, Getty Images
'Dhiisuu yaalaan ture garuu hin taane'
Boodarra gara maatii kootiitti deebiyeen Iraa waliiniyyu walirraa cinnee ture. Yeroo baayyee waliin jiraachuun hir'achaa dhufee ture. Garuu carraaqqiin ani ishee waliin gargaruu bahuuf taasise waggootaaf lafarra harkifate.
Wal -lolla; bilbila koo cufadheen ishees bakka kamittiyyu isheen cufa. Ani yoon ishee dhokadheyyu, bakka ani jiru dhuftee balbala ani cufadhe duubatti argamti. Ana waamtee wanti hundumtii ni sirraa'a jechuun waadaa galti.
Anis yeroo hunda garasheettan deebiya. Qofaa ta'u ammoo baayyee nan sodaadha.
Jalqabarratti, isheerraa adda bahuu baayyeen yaale. Isaan booda xiqqeessaa dhufeeen boodarra hin taane. Walfuudhuu qabna jettee osoo addaan hin kutiin na gaafachaa turte; dhumarrattis ani kanan hin barbaadne ta'ullee walfuune.
Iraan waan maratti inaafti: hiriyyoota kootti, maatii kootti. Bakkan deeme maratti yeroo hunda ishee waamuun qaba. "Yeroon konferaansii hirmaadhu ishee waliin ta'uun narra jira. Yeroon hiriyyoota waliin ta'us bakka isheen jirtutti ta'uu qaba. Wanti hunduu ishee waliiniifi bakka isheen jirtutti ta'uu qaba."
Isheen ana malees eessayyu deemuu hin barbaaddu - ani yeroo hunda waliin ta'ee akka ashaangulliitii yeroo hunda ishee taphachiisuun narra jira.

Iraan hojii hin qabdu - natu dhiyeessa, nan bilcheessa, nan qulqulleessas.
Mana guddaa kutaa qulqullinaa lama qabu kireeffannee jiraanna ture. Mana itti qulqullaa'an/boolii isa guddaa dhiiseen isa kan keessummaa fayyadamuun dirqama natti ta'e. Ganama ganama yeroo hunda akka isheen hirriba irraa hin jeeqamneef hanga sa'aatii 3:00-4:00 eeguun dirqama waan natti ta'eef.
Kutaa ciisichaa gara garaa keessa akka rafnuuf murteessite. Kutaan ani keessa rafu ammoo cufaa hin qabu ture. Kanaaf, yeroon barbaadetti qophaa ta'uu hin danda'u.
Yeroo ani 'wanta tokko balleessu' anatti dheekkamuun ana rukutti. Kun guyyaatti takkaa ykn guyyaa lama keessatti takkaa kan mudatudha.
Wanti fedhe uumamus - anumaan balleessaa gooti. Ani dhiiruma akkamii barbaaddi kun jedhee dhaggeeffachuu qofa. Kana waliin akkamiifi maal godhee jiraata kan jedhun yaada.
Ani humna hin qabu waanan ta'eef waan isheen barbaadde raawwachuun akka isheen hin haarre gochuudha. Akkas hin godhu yoo ta'e lafatu bada.
Guyyaa tokko manaa gadi bahee konkolaataa keessa taa'een boo'an ture. Dhuftee osoo ana bira darbaa jirtuu na argite. Yeroo ani gara manaatti deebiyu, dhiifama naan jette garuu amala ishee dhiisuu hin dandeenye.
Wanti martinu bulee bakkumatti deebiya. Wanta barbaadu godhus, hanga barbaade miidhamus wanti jijjiiramu hin jiru.
Anis ofiin guutuudha ofiin hin jedhu. Kana baqachuuf jecha saatii guyyaa ayyaanaa dabalatee sa'aatii 10, 12, 14 hojjechaan ture. Salphaa ture: namoonni tokko tokko ni dhugu - kaan ni hojjetu.

Namoonni miidhaan irra gahu maaliif warra isaan miidhan hin dhiisanii?

Madda suuraa, Press Association
•Namoonni maatii walmiidhan keessatti guddatan amala maatii keessatti guddatanii sana yeroo ofii isaanii maatii qabaatan irra deebiyanii agarsiisu..
•Sodaa qophaa ta'uufi ilaalchawan hin taane baraman: "Hollaan maal jedha?" "Daa'imni maatii lamaan waliin guddachuu qaba."
•Sadarkaa duraarrattis - miidhaa sammuu/qoor-qalbii - hubachuudhaaf rakkisaadha. Kana waan ta'eef, namni miidhaan irra gahe miidhaan irra gahu sun amala isaaf ta'ee haala jiru madaaluun tarkaanfii fudhachuuf dandeettii dhaba.
•Namni miidhaan irra gahaa jiru sun bakka dhaqu kan hin qabne yoo ta'e, maallaqa jireenyaaf barbaachisuuf yoo nama miidhaa isarraan geessisurratti kan hundaa'u ta'e ykn haala salphaatti miidhaaf saaxilamu keessa kan jiru/ttu yoo ta'e/taate (akka ulfa ta'uu, daa'ima reefuu qabaachuu)..
•Yeroo aanga'ootarraa gargaarsa gaafatanitti, dhaga'anii "kun rakkoo maatii keessaati" jedhanii dhiisu.
Gorsi kennaman kunneen Alyona Kryvuliak, dursaa La Strada-Ukraine National Hotline Department,fi Olena Kochemyrovska tiin.

Ani dubbachuu jalqabe dhaabuullee hin dandeenye'
Hala kana fakkaatu keessa yeroo taatu, maaltu akka sirra gahaa jiru hin hubattu. Akkamiin akka keessaa itti baatu hin ilaaltu. Nama kamiyyus dhaga'uu hin barbaaddu. Carraan ittiin kana keessa bahu jirallee jetteeyyu hin yaaddu, abdii kutannaa isa dhumaadha.
Ani wantan hojjechuu hin barbaadne kanan hojjechaa ture sababiin isaa akkan keessa darbetu akkasi. Ani yeroo hunda wanta tokko nama kaaniif 'kennuu' malee ofiif ta'uu kan jedhan hin beeku.
Akkoo koof, maatii koof - Ani yeroo hunda waan hunda hariiroof jecha haarsaa kaffaluun narra jira jedheen yaada ture.
Kanaaf, ani ofii koofi fedhii koo haarsaa godheera - yeroo sanatti akkas gochuun anaaf waan sirrii ta'uu qabu natti fakkaata ture. Kanaaf, wanti hunduu hammaachaa dhufe.
Yeroo jalqabaarratti, ani hin jaallanne ture. Boodarra suuta suutaan garuu yeroo waliin turre keessa waggoota dhumaa sadiifi afur keessa, saal-qunnamtiin miidhaa dhaabbataa sodaachisaa ta'eef ka'umsa ta'e. Kun kan ta'u yeroo Iraan na qabattee na dirqisiiftuttidha.
Yeroo sodaan akkasii anatti uumamu, nan ishee darbadha, nan dhokadha, akkasums nan baqadhan ture. Manaan baqadhee baha ykn yoo xiqqaate kutaa isheen jirtu keesaan baqadha.

Iraan akka waan nuti sababii koorraa kan ka'een rakkoo saal-qunnamtii qabnuutti yaaddi ture. Kanarraa ka'uun turtii waggoota muraasaan booda gara ogeessa dhimma saal-qunnamtiirratti gorsu bira na geessaa turte.
Yeroo ani wanta ani hin jaallane jira jedhaa turetti, ani saal-qunnamtii amma hin barbaadu jedhu, anatu akka madda rakkoo ta'etti natti himama ture. Waa'ee miidhaaafi dirqamaan gudeedamuu koo nan callisan ture.
Kanaaf, wanti nuti ogeessa bira deemnee dhageenyu kun isheef ragaafi himannaa ana irratti dhiyeessituuf mirkaneessituudha. Isaan booda [waa'ee miidhaa] kanan dubbadhe yeroo wal hiikuuf dhiyaannetti ture. Yeroo sanatti ani dubbachuu jalqabee, dhaabuullee hin dandeeye ture.
'Akkamitti akkan gargaarsa argadhee keessaa bahe'
Waqtii Arfaasaa ture, dhibee qaama argansuu [bironkaayitii] na qabee ciiseen ture, gubaan qaama koos naannoo torban lamaaf 39-40C irra gahee ture.
Yeroo kana hunda keessa namni ana ilaale hin turre. Yeroo sanatti ture jireenyi koo akka gatii hin qabne kanan hubadhe. Osoon battaluma sanatti du'eellee namni dhimma koo qabu akka hin jirren hubadhe.
Yeroon sun yeroo ani itti of argedha: sodaachisaa, jibbisiisaafi yeroo itti of jibban ture. Nama tokkotti himuun barbaade, garuu eenyyuttiifi -ykn akkamitti akka ta'e garuu hin beekun ture.
Yeroo tokkon wayita maatiin koo mana hin jirrettan qophaa ta'uu barbaadeen achi deeme.
Osoon interneetii soquun beeksisa karaa foddaa iskiriinii natti mul'ate tokkoon seene. Wanti martinuu eenyummaan isaa karaa hin beekamneen ture toora sanarra kan jiru.
Wanta anarra gahaa ture dubbachuudhaaf yeroon sun isa jalqabaati. Hanga yeroo sanaatti miidhaa mana keessaa ta'uu isaa hin hubanne ture. Saatii sanarraa kaasee ittuma caalaan, "Lakki" jechuun jalqabe.
Jalqaba, waanuma xiqqoodha, callisuurra anaaf "Lakki" jechuun baarbaachisaa ture. Yeroon jabaadhee deebii akkasii deebisuu barbaadu, torbeewwan dhukkubsataa ture sanan deebiyee yaadadha.
Adeemsa keesa gorsa maatiif barbaachisu kan gargaarsa naaf ta'en argadhe. Wayita marii sanatti Iraafi ani lamaan keenyayyu yeroo dubbannu arganne.
Marii sana irratti akka addaan na hin kunne dhorkamte. Yeroon sun yeroo ani jalqabaaf miidhaa anarra gahu itti dubadhedha.
Baayyee haariidhaan dheekkamti ture, dhugaa miti jechuunis waakkatte.
Haata'u malee, isaan booda akka wal hiikuu qabnu yaada dhiyeessite. Ani akkan callisuuf kana jetti malee dhuguma sana ni barbaaddi jedhee hin yaadne. Filannoo biraa akkan hin qabne waanan beeka tureef ittan waliigale.
Waajira tokko keessa hiriira dabareetu ture waan ta'eef gara kan biraa tokko deemne. Akkas jechuun qofaa koon yaada ture: yeroon carraa akkasii kan argadhu kana keessa bahuuf murtee kana taasisuun narra jira.
Akkuma yaadame sanas taasifne.

Yeroon ji'a tokkoo booda waraqaa ittiin wal hiikne fudhadhu dhugaa hin seene. Guyyaan sun guyyaan itti jireenya koo keessatti akka addaatti hundaa ol itti gammadedha.
Erga wal hiiknee booda guyyaa tokko akks jechuun iyyee itti dheekkame: "Ati dirqamaan na gudeedaa turte!"
"Dirqamaan si gudeedaan turee?" " Kanaaf, maaltu ta'aree," jechuun deebiste isheen ammoo.
Maal akkan deebisuuf hin beeku, ammallee waan deebii ta'u hin beeku. Ta'us garuu, maal akka gochaa turte amantee, garuu irra caalaa kolfiteedhuma dhiiste.
Hojii koo addaan kuteen torban muraasaaf maatii kootti deebiyeen isaan waliin ture. Diida keessa bakka ta'ee ana ilaalti jedheen sodaachaa ture.
Guyyaa tokko ammas dhuftee karra rurukkutuu jalqabde; ni dhiitti, iyyitee dheekkamti. Haati koo nan sodaadhe naan jette. Ofitti kolfaan: "Maam.. yaaduuyyu hin qabdun jedhe..."
Hubachuun barbaachisaadha: si ajjeesa
Ragaa walitti hin qabne, nama tokkottis hin himne.
Maatii kootti himuun narra ture, garuu ijoollummaa koorraa jalqabee icciitii qabachuu hin danda'an. Wanta anarra gahaa tures akkamitti akkan hiriyoota kootti himus hin beeku.
Garee wal gargaarsaas barbaadaan ture, garuu Yukireen keessa kan dubartootaa qofatu jira. Dhumarratti, deggarsa walootiif namoota dhaabbatan oonlaayiniirratti Saan Firaansiikootiin argadhe.
Ogeessi xin-samuu kana irratti Yukireen keessatti tajaajilu yeroon jalqaba bira deeme natti qoose: "Wanti akkasii hin raawwatamu, isheen durbadha, atimmoo dhiiradha," jechuun qoose.
Ogeessota ja'a bira jijjiiree deemeen dhima irratti gargaarsa argadhe. Hanga namni tokko harka koo na qabutti ji'a saddeti anatti fudhate.

Dhiironni gargaarsa sammuu/qoor-qalbii akkamiin argatuu?

Madda suuraa, Getty Images
Yukireen keessatti gareewwan gargaarsaa sammuu/qoor-qalbii hawaasa Kilaba Abbootiitti hundeeffamee ture, garuu yeroo dheeraa hin turre jecdha rogeessi Maaksi Leeviin yeroo ibsu. Namni kun akka jedhutti, dhiironni ogeessota xiinsamuu bira deemuudhaaf qophaa'oo miti.
Alyona Kryvuliak ammoo La Strada-Yukireenirraa akkas jedha, yeroo toorri La Strada saatii guutuu hojjechuu jalqabee ture dhiironni gargaarsaaf kan bilniluu jalqaban. Dhiironni saatiiwwan hojii baramaa irratti bilbiluu hin danda'an ture.
Haata'u malee, dhiironni hanga ammaallee dura waa'ee maqaa isaanii dhoksuudhaaf dhimmamu waan ta'eef dhaabbileen ummataa warra akka mana murtii ykn seera raawwachiisanii keessatti mirgoota isaaniif falmachuuf qophaa'oo miti.
Dhiirota miidhaan irra gaheef, miidhaa sammuu isaanirra gahe keessaa bahuudhaaf yeroofi adeemsa dheeraaisaan gaafata jedhu ogeessi xiinsamuu dhimma saal-qunamtiirratti tajaajila gorsaa kennan Yulia Klymenko.
Wanti hawaasa keessatti, "dhiironni hin boo'an" ykn "dhiironni qaamaan jaboodha" jedhamu hin oolchu.
Namni miidhaa saal-qunnamtii, sammuu ykn qaamaan dararame hawaasa keessatti adda ta'uu mala.
Akka Ms Klymenko, maamiltoonni hiraarsa walxaxaa miidhaa gosa garaa garaa keessa darban saalliifi umuriin isaanii kan barbaade ta'eyyu yeroo dheeraatiif 'dandamachuu' isaan barbaachisa.

Mana murtii ishee geessuu yaadeen ture. Abbootiin seeraas akka jedhanitti carraan akka of qusachuu qabdu ajajamuu ni jiraata jedhan.
Amma garuu ani hin barbaadu. Yeroo dheerdhaaf, ani wanta gochaa turte akka amantuufi dhiifama gaafattuuf ture.
Ani hanga ammaallee hojii deemuu hin dandeenye. Ganama ganamayyu siree irraa bu'uun baayyee natti ulfaata.
Wantan jiraadhuuf hin qabu. Waggoota sana hunda maal akkan hojjechaa ture hin beeku.
Akkan hariiroo jaalalaa hin qabaanneefi ijoollee hin godhanne nan beeka. Of nuffeera.
Achi abbaasaa, yeroo hanga kanaa dheeratuuf calliseen ture, kan rakkoo kana irraan na gahes kana ture!
Tarii namni tokko haala walfakkaataa ta'e keessa yeroo ammaa kana jiraachaa jiru ni jiraata waan ta'eef seenaa koo haa dubbisu.
Hubachuun isaaf barbaachisaadha: hin dhaabbatu, wanti sirraa'u hin jiru, burjaaja'insa jireenyaa nama irraa hin deemnedha waan ta'eef si ajjeesa.
Yoo kana hubatte, garuu yoo xiqqaate carraa ni qabda.

















