Baangiladish: Misirroo hamaamota waliin heerumuuf mana misirrichaa deemte

Madda suuraa, Ujjwal Masud
Misirroon biyya Baanglaadish faallaa aadaa biyyattii dhaabbachuun namoota dhibba hedduu waliin misirricha fudhuuf guyyaa gaa'ilasheetti gara mana musirrichaatti imalte ijoo dubbii taate.
Shamarreen waggaa 19, Khadiza Akter Khushi namoota dhibba heddu waliin ta'uun gara mana abbaa warraashee gara fuula duraatti imalte. Kanas keessummota isheef jecha hinraawwanne; mirga dubartootaaf qabsaa'uuf malee.
Shamarreen kun akka himteettis, kana kan raawatte dubartoota Baanglaadish hundi akka gocha ishee kana hordofan abdachuun.
Gochi ishee kunis aadaa biyyattii keessatti kan jalqabaa ta'un baayyee cimaa ture. Waggoota dheeraaf boiyyattiitti aadaa kana faallaatu raawwatamaa ture. Dhiiratu gara mana intala imala malee shamarreen/ intala miti.
''Dhiirri intala gaa'ilaan yoo fuudhee, dubartoonni maaf dhiirsa isaanii fuudhuu hindandeenye?'' jechuun ture gaafiin kan kaafte misirrittiin.
Haa ta'u malees lamaan isaaniyyuu sodaa keessa galanii turan. Namni tokkoos misirroonniifi maatiinsaanii akka reebaman yaada kennee ture.
Khadiza fi abbaa warraa sheetiif garuu kun dhimma salphaaf mirgaan wal ilaalatu ture.
''Asiitti kan yaadnu waa'ee aadaa miti,'' jechuun BBC'tti himte. ''Dhimmich dhimma mirga dubartootaati. Harra osoo shammaran dhiiratti heruumuuf deemanii, kana booda hinqaana'an.
''Sirriiyyuu miidhaan dhiibaa akka hirratu taasisa, dubartoonnis kabaja ni argattu. Eenyumtuu eenyuun gadii hinjiru.''

Madda suuraa, AFP
Jara gaa'ila dhaabbatan kunneenis ilaalacha jiraachu malu ni beeku. Gaa'illi kunis kan raawwate baayiyyaa biyyattii karaa daangaa Hindiitti guyyaa Sanbata darbee ture.
Waan jarri kunnee raawwatan kanas duree miseensi maatii kamiyyuu hinbarre ture.
Haa ta'u malee firri gurbichaa Taarigul in waggaa 27 dhaquun misirriitti daraaraan simachuu dirqama ture. Isheenis isuma goote. Kan biraa waniti isaan dogogora raawwatan tokkolleen hinjiru.
''Baayyeen mana murtiitti wal fuudha, kaan ammoo masjiidatti. Nuti haala amantaatiin wal fuune,'' jedhaniiru misirroonni.
''Namni gaa'ilicha galmeessuu ture, ragaanis ture. Akkas haalli gaa'illi itti galmaa'u. Nutis kan raawwannee kanuma ture.''
''Waan namoonni yadaniifi jedhan omaa miti. Namoonni kaan adda yaadu danda'u. Garuu hundinu waan barbaade jechu danda'a.''

Aadaan durii mattaan dhaabbate
Akka aadaa biyya kanaatti gurbichatuu fira isaa waliin mana intalaa deemuun gaa'illi itti gaggeefama. Kunis osoo intallii maatii isheetiin nagaatti hinjedhiin dura gurbichi mana intalaatti argama.
Kunis haala gaa'ilaa dur irraa kaasee raawwatamaa tureedha.
Garuu Meherpur keessatti, godina Lixa Baangilaadishiitti waan addaa ta'eetu raawwate. Intalattiitu heerumuuf maatii ishee waliin gara mana mucaa gurbaa dhaqe.
Gummaachi gocha kanaa hubatamuu hindanda'amu ta'a. Dhiirota baayyeef kun akka tuffiitti ilaalama. Tarii namoonni kaan akka arrabsootti ilaalu danda'u.
Kunis mandara xiqoo akkasii dhisiitii Magaalaa Baangiladish keessatulleen raawwatame hinbeeku. Jarri kunneenia cimina guddaa agarsiisuun jireenya gaa'ilaasaanii eegalan.

Ofitti amanummaa isaanii alattis, gochisaanii kun murtee haxxummaati. Baangilaadish baroota dhihoo keessa wal qixxummaa saalaatiif sochii cimaa taasisaa jirti.
Haa ta;u malee ammalleen dhimmootii gurguddootu hafa. Du'aatiin Nusraat Jahan Raafii kan umurii 19 intala amma gaa'illa dhaabbatteen wal fakkaata ture. Isheenis mata dure odeessaalee addunyaa taate turte.
Akkuma yaadatamu waan miidhaa saalaatiif himannaa barsiisaa isheerratti dhiyeeffatteef jiraa abiddaan akka gubbattee ajjeefamtu taasifamte turte.
Haaluma walfakkaatunis, Dhaabbanni motummoota Gamtoomanii (UN) dubartoota gaa'ila qaban harki lama sadii keessaa abbaa warraa isaaniin miidhaan qaamaa irratti raawwatama jedheera.
Sadarkaan dubartoonni gama barnootaan qaban fooyya'insa kan agarsiise ta'ulleen, biyyoota hordoftoonni amantaa isilaamaa keessatti baayyataniitti seerri gaa'ilaa gareewwan mirgaa dubartootaan akka daangeessaafi loogii kan taasisutti qiiqama.
Akkasumas baatii darbe ture manni murtii olaanaa dubartoonni wayita gaa'ilaaf guca guutan dubarummaasaanii kan eegame ta'u mirkannessuu akka qaban kan gaafatu akka hafu kan ta'e. Warri dhiiraa garu wayita gaa'ila dhaabbatan wanti ibsa tokkolleen hinjiru.
Tariqul fi Khadija gaa'illi isaanii wal qixxummaa saalaatiif tarkkaanffii tokko akka ta'u abdatu.
"Gaa'illi keenya ergaa waan warri dhiiraa raawwatan hundaa dubartoonni raawwachu ni danda'u jedhu akka dabarseef abdiin qaba,'' jechuun ture Tariqul Ejjansii oduu AFP tti kan himte.
Yoo ta'u baatanis filannoo isaanitti baayye gammadu. "Cidha kanarrattis gammachuu baayyee argannee,'' jedhe Khadiza.














