Sirna gaa'ilaa tiishartii fi jiinsiin raawwatame

Madda suuraa, BIFTU BOLE MEKANE YESUS FB PAGE
Gaaf kaan cidhi guyyaan, baatiin, waggaan hafe jedhamee, maatiinis tahee warri wal-fuudhan 'eenyuun waamnee,eenyuun dhiisnaa', 'dhangaa akkamii qopheessinaa?' konkolaataafi fardeen qixeeffachuufi hamaamota shaggaa tahan qabaachuuf oliif gadi kaatu.
Guyyaan dhiyaachaa yoo dhufu immoo aruuztichi guyyaa adda tahe kanaaf jamaafi misirroo fuulduratti uffannaa simboo kennuufii qopheeffata.
Aruuztittiin waan dibattuufi waan kuullattuu, wandaboo ittiin miidhagdee namatti baatu bitattee ol keewwachuun waanuma barame.
Kan Biiftuufi Oliyaad garuu raajidha.
Inni suufii hin keewwanne, isheen 'veeloo' yookiin qoloo addaa hin uffanne, jamaan gamaa gamasii hin dachaane, dhangaa hin qophoofne, faaggaan konkolaataan hin dhagahamne, balbala qabunis hin turre.
Dilbata darbe,manuma isaaniitii bahanii Waldaa Warra Wangeelaa Biiftuu Boolee Makaan Yasuus Finfinnee iddootti guyyaa sagadatan dhaqan.
Lubni Waldichaa isaan eebbisee, wal qabatani galan. Maaltu kana isin yaachise jennee gaafanneen.
Dargaggeessi ganna 26 Oliyaad Eliyaas barnoota Tiwoolojiidhaan torbee lama dura eebbifame, anaaf Biiftuun hiriyyaan koo waldaa tokkotti, biyya tokkotti waliin guddannee, kaadhimummaan waggaa lama waliin turre,'' jedha.
Waliin hojjechuu, iddoo tokkotti jiraachuu barbaanna malee, ''waa'ee gaa'elaa yeroo haasofnuu, cidhi barbaachisaa dha jennee itti hin amannu turre'' ji'a jaha dura eebbifamne manatti galla jennee murteessinee ''jedha.
Waan addaas gochuu yaannee mitii. Namas, ofis osoo hin rakkisiin yaaddoo malee jireenya keenya jiraachuuf yaadne jedha Oliyaad.
Haa tahu malee,''falmiin baayyee ka'ee turee, booddee ni gaabbitu jechuun maatiin fi hiriyyoonni hamma torbeen tokko hafutti nu rakkisaa turan'' jedha.

Madda suuraa, BIFTU BOLE MEKANE YESUS FB PAGE
''Waldaatti wal argine''
Waldaa amantii isaaniitti gaa'ela kanaaf jedhamee sagantaa addaa qophaa'ee akka hin turreefi sagantaa dargaggootaa idilee guyyichaa erga hirmaataniin booda akka lubni isaan eebbisee fi ganamuma manaa baane akka guyyaa kaanii waldaa deemne jechuun Oliyaad BBC tti hime.
''Yeroo nuti waldaa dhaa gadi baanu, otoo nuti homaa hin bariin, hiriyyoonni keenyi keekii qopheessaniitu keekii murre'' kan jedhu aruuztichi, 'warri eebbi gaa'eelaa' jiraachuu otoo hin beekiin achi turanillee gammadanii, nutimmoo gammachuu isaaniitti gammannes jedheera.
'Surreefi tiishartiin heerumuun attami?'
''Baayyee namatti tolaa, itti yaannee waan gooneef akkan gaddu waanti na godhu hin jiru,'' jetti Biiftuun.
Biiftuun magaalaa Mattuu iddoo hojii idileeshee hojjetturraa, Oliyaadiin eebbisiisuuf Finfinnee dhufte.
Namni haala gaa'ela keenyaa waan addaatti fudhatee''barumsa irraa argadhe'' yoo jedhu immoo caalaattin gammades jetti.
Akkasitti heeruma jettee yaaddee beektaa? jennaan Biiftuun,'' Durumaa ijoollumma kootii kaasee hiriyyootaafi maatii kootti cidha, dhangaa hin barbaaduu, waldaatti abbaa manaa koo wajjin deemeen eebbifama jedheen haasa'a ture''
Tiishartii guyyicha uffatan irrattis (Jesus is my all in all) Iyyasuus waan hundumaa kootii'' kan jedhu yoo tahu, luqqisa Macaafa Qulqulluu kana kan filanneef, gara gaa'ela kanaa yoo dhufnu homaa hin qabnu Waaqayyo immoo jiraachisaa dha uffatas, nyaataas, manas namaaf jennee gaafa yaannu tiisharticha akkasitti maxxansiisuuf murteessine'' jetti aruuztittii Biiftuun.
Biiftuun cidha kanaaf jennee 'meezoo' cabduu hin baasnee waan waldaatti tahes hiriyyoota keenyatu godhe. Cidhaaf jennees qarshiin qusanne hin qabnu turre jetti.

Madda suuraa, BIFTU BOLE MEKANE YESUS FB PAGE
'Jaalala dhugaa....'
Harmeen Oliyaad Adde Zinnaayee Wadaajoo,''Oliyaad barumsayyuu barana eebbifame gatii taheef, gaa'ila isaa simachuun baayyee nutti ulfaaatee, gaa'illi isaanii immoo aaadaafi waan jiru wajjin fudhachuun nu rakkisee ture jedhu.
''Gaa'elli jarri itti galuu jiran garuu maali irrattiyyuu kan hin hundoofne jaalala dhugaa waan taheef maatii wajjin mari'annee cinaa isaanii dhaabachuuf murteessines'' jedhaniiru.
Cidhi hafuu isaafi namni otoo hin waamamiin akkanatti raawwachuusaaf waan gaabbine hin qabnu.
Kana boodas warri wal fuudhan lamaan waan hin barbaanneef 'miinjee deebii' akka hin waamneef gama biraan cinaa akka dhaabbatan Adde Zinnaayeen BBCtti himaniiru. Nutis warra wal fuudheen ibiddi haa gabbatu! jenneen.













