
Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp
Dilbata biyyoota dooniiwwan isaanii Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii
dhaabbatan akka gargaaru dubbate.
“Nageenya
Iraan, Baha Giddugaleessaa fi Yunaayitid Isteetiif jecha dooniiwwan isaanii
gaggeessaa qama bishaanii uggurri irra kaa’ame keessaa akka baafnuuf itti
himneerra. Kanaaf, bilisummaadhaan gara dhimma isaanii itti aanutti deemuu
danda’u,” jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesseera.
Tiraamp
Ulaa Hormuuz keessa dhaabbatanii kanneen jiraniifi Ameerikaan gargaarsa akka
taasisuuf jirtu kan itti himte dooniiwwan biyyoota kami akka ta’an hin
beeksifne.
Adeemsi
dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa baasuu Project Freedom [Pirojektii Bilisummaa]
jechuun Tiraamp waame kun Wixata har’aa jalqabama.
Tiraamp
adeemsa dooniiwwan kanneen baasuu gufachiisuuf kan yaalu yoo jiraate “tarkaanfii
humnaa” akka fudhatan akeekkachiiseera.
Iraan
Bitootessa jalqabaarraa kaastee sochii Ulaa Hormuuzirra taasifamu guutummaan
guutuutti dhorkiteetti.
Akkuma
kana ammoo Yunaayitid Isteetis dooniiwwan Iraan akka hin seenneefi hin bane dhorkaa
irra keesseetti.
Ajajaa
Eegduu Warraaqsa Iraan kan tureefi amma miseensa Paarlaamaa kan ta’e Ibiraahim
Aziiz miidiyaa hawaasaa isaarratti “giddu seentummaan Ameerikaa kamiyyu
dhukaasa dhaabuu cabsuu” akka ta’etti ilaalama jedheera.
Tiraamp
ammoo miidiyaa hawaasaa isaarratti ergaa maxxanseen bakka buutonni Ameerikaa
Iraan waliin marii “baayyee qajeelaa ta’e” akka taasisan eeruun “hunda keenya
gara waan qajeelaa ta’eetti nu geessa” jedheera.
Duulli dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa baasuu “tarkaanfii
namoomaa” ta’ee himuun, maqaa Ameerikaa, Iraan fi biyyoota Baha
Giddugaleessaatiin kan taasifamu ta’uu dubbateera.
Tiraamp
ergaa isaa kanaan tumsi Iraan waliin taasifamu bifa kamiin akka keessummeeffamu
ilaalchisee waan jedhe hin qabu.
Tiraamp
“… sochiin doonii, namoota, kampaaniiwwan fi biyyoota balleessaa tokkollee hin
raawwanne gadhiisisuudha” jedheera.
Erga
waraanni Galoo Galaanaa jalqabee kaasee namoonni galaanarra hojjetan 20,000 ta’an
gara itti socho’an dhabanii dhaabbataniiru.