Ameerikaan Ulaa Hormuuz irratti bidiruuwwaan waraanaa Iraan heddu dhabamsiise jette

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan bidiruuwwaan xixiqqaa Iraan ulaa Hormuz keessa haleeluu ishee ibsite.
Kunis Iraan dhaabbata boba'aa Yunaayitid Arab Emireets haleeluu hordofeeti.
Doonaald Tiraamp akka jedhanitti, Ameerikaan ulaa hormuuz kan dooniiwwan Galoo Galaana keessaatti ugguramanii jiran gadi lakkisiisuuf wayita yaalaa jirtutti "bidiruuwaan xixiqqaa saffisoo" Iraan torba barbadeessuu himte.
UAE fi Kooriyaan Kibbaa lamaan isaanii Wixata kaleessaa haleellaa dooniiwwanii ulaa kana keessa jiran irratti raawwatamuu gabaasan.
Akkasumas UAE haleellaan Iraan erga raawwateen booda buufata boba'aa Fujaayiraatti ibiddi ka'uu ibsiteetti.
Dhaabbanni doonii Maersk jedhamu BBC'tti akka himetti , dooniiwwan isaa alaabaa Ameerikaa qaban keessaa tokko ergama 'Pirojekti Firiidam' jedhamu jalatti eegumsa waraanaa Ameerikaa argachuun nagaan qarqara galaanaa kana keessaa baaterti.
Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagachi taateewwan kunneen "rakkoo siyaasaa mudateef furmaanni waraanaa akka hin taane agarsiisu" jedhan. Itti dabaluudhaanis, karoorri 'Pirojekti Firiidam' Tiraamp karoora kufaadha jedhu.
Dhaabbanni doonii Mariski imalli doonii kanaa nagaan xumuramuu fi hojjettoota doonii hundarraa miidhaan tokkoyyuu akka hin geenye dubbataniiru.
Erga Ameerikaa fi Israa'el baatii Guraandhalaa keessa haleellaa qilleensaa Iraan irratti jalqabanii as irra caalaan ulaaa Hormuz cufamee jira . Iraan haleellaa isaanii haaloo ba'uuf ulasa dooniwwaan addunyaa boba'aa fi gaazii ittin gabaa adduntatti baasaan cufte.
Jalqaba baatii Eblaa keessa US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru. Iraan UAE dabalatee biyyoota Galoo Galaanaa irratti haleellaa diroonii fi misaa'elaa raawwattu dhaabde ture.
Garuu ergasii dooniiwwan muraasni qofti ulaa galaanaa kana keessa darbuu danda'aniiru. US buufata doonii Iraan irrattis uggura kaa'uun ni yaadatama.
Tiraamp akka jedhanitti "Doonii xixiqqaa torba halellee jirra. Kanumatu isaanif hafee tures '' jedhan. Itti dabaluunis, Waraanni Ameerikaa haleellaa kana irratti helikooptaroota akka fayyadaman ibseera.

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boodarra miidiyaaleen mootummaa Iraan Ameerikaan bidiruu saffisaa kana rukutte jechuun Tiraamp beeksisuu mormaniiru. Dhaabbanni oduu Tasnim madda waraanaa wabeeffachuun akka gabaasetti, bakka isaa dooniiwwan fe'umsaa xixiqqoo lama rukutamuun lammiilee nagaa shan du'aniiru jedhe.
Kanaan dura Ameerikaan dooniiwwan humna galaanaa balleessan fi dooniiwwan daldalaa alaabaa Ameerikaa qaban Wixata kaleessaa qarqara galaanaa kana keessa akka deeman ibsiteetti. Iraan kana "guutumaan guututti soba" jechuun doonii waraanaa Ameerikaa irratti dhukaasa akeekkachiisaa akka dhukaaste ibsiteetti. Garuu waraanni Ameerikaa kana ni haale.
Dhaabbanni doonii Mariski dooniin isaa kan alaabaa Ameerikaa qabdu kan erga Ameerikaa fi Israa'el Gurraandhala keessa haleellaa raawwataniin booda Galoo Galaana keessatti ugguramtee turte, dhumarratti ulaa Hormuz akka baate ibseera.
Dhaabbatichi Ameerikaan isaan qunnamuun dooniin kun Galoo Galaana keessaa akka baatuuf eegumsa waraanaa akka dhiheessite ibseera. Sana booda dooniin kun eegduu waraana Ameerikaa waliin Galoo Galaana Pershiyaa keessaa baaterti.
Gama biraatiin ammoo ministeerri dhimma alaa UAE akka jedhetti, Taankeriin Dhaabbata Boba'aa Biyyaalessaa Abu Daabii waliin hidhata qabdu ulaa kana keessatti rukutame. Kooriyaan Kibbaas doonii ishee tokko naannoo UAE'tti dhohinsi akka mudate gabaasteetti.
UAE ittisi qilleensaa ishee misaa'ela balistikii 12, misaa'ela kiruuzii sadii fi diroonii afur akka qolate ibsiteetti. Haleellaan tokko buufata boba'aa UAE Fujaayiraatti ibiddi guddaan ka'ee namoonni sadii madaa'aniiru.
Ministeerri dhimma alaa Hindii namoonni madaa'an sadan lammiilee Hindii ta'uu ibsuun, haleellaan Fujaayiraa irratti raawwatame ''fudhatama hin qabu'' jedheera.
Abu Daabiin haleellaa kana '' balaa hamaa'' jechuun, deebii kennuudhaaf mirga qaba jetteetti. TV'n mootummaa Iraan qondaala waraanaa tokko wabeeffachuun Iraan "UAE irratti xiyyeeffachuuf karoora hin qabdu" jedheera.

Madda suuraa, AP
Hoggantoonni idil addunyaa haleellaa bu'uuraalee misoomaa UAE irratti raawwatame balaaleffataniiru.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon haleellaan kun ''haqaa kan hin qabnee fi fudhatama kan hin qabne'' ta'uu dubbataniiru. MM Biriteen Keyiir Istarmer UK'n ''ittisa michoota keenya Galoo Galaana keessa jiran deeggaruu'' itti fufti jedhan.
Chaansilarri Jarman Firiidrich Merzi uggurri ulaa Hormuuz bishaanii akka dhaabbatu gaafataniiru,
Friedrich Merz Iraan gara mariitti akka deebitu fi uggura kana akka xumurtu dhaamaniiru.
Sa'uudii Arabiyaan Iraan hariiroo gaarii ollaa waliin qabdu akka kabajju gaafatteetti.
Gatiin boba'aa akka malee dabaleera. Gatiin Jikita boba'aa haleellaa Fujairah irratti raawwatameen booda barmeela tokkoof doolaara 115 ol kan ka'e yoo ta'u, guyyaa tokkotti %5 ol dabaleera.
Qaxar haleellaa taankii kana balaaleffachuudhaan, ulaa hatattamaan akka banamu gaafatteetti.
Omaan keessatti , gamoo mana jireenyaa Bukhaa qarqara galaanaa ulaa Hormuz irratti rukutamee namoonni lama madaa'aniiru .
Wiixata darbe Tiraamp akka jedhanitti, Ameerikaan dooniiwwan akka qaama Pirojekti Firiidom dooniiwwan qarqara galaanaa kana akka gadhiisan gargaarti jedhan . Erga waraanni kun Gurraandhala keessa eegalee as dooniiwwan 2,000 ta'an ugguramaniiru.
Tiraamp akka jedhanitti biyyoonni hedduun Ameerikaan dooniiwwan ulaa kana keessatti qabaman akka gadi dhiifaman akka hojjatan cimsanii dubbataa jiru.













