Qorannoo UK: Saalqunnamtiin humna makate 'baratamaa dhufeera'

Hanna

Yeroo saalqunnamtiin fedhiirratti hundaa'e tasifama jiru keessatti fedhiin humna fayyadamuun baratamaa dhufuu isaa qorannoon tokko agarsiise.

Dubartoota qorannoo kana keessatti qooda fudhatan keessaa dhibba keessaa harka 42 kan ta'an yeroo saalqunnamtii fedhiirratti hundaa'ee taasifannutti yoo xiqqaate saalqunnamtii humna waliin walmakate raawwanneerra jedhan.

Dubartoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan akka jedhanitti yeroo saalqunnamtii fedhaafi walgalteen raawwataa jiranitti kabalamuu, morma hudhamanii qabamuu, uccuu/erbee afaan keessatti ukkaamsuufi hancufni akka isaanitti tufamu ibsaniiru.

Dubartoota saalqunnamtii humna makate raawwatan kana keessaa ammoo harka dhibba keessaa 20 kan ta'an saalqunnamtii humna makate kana raawwachuun akka sodaan itti dhaga'amu taasiseera. Yookaan ammoo akka isaan haarii keessa galan taasiseera.

line

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

line

Dubartiin umuriin ishee ganna 23 ta'e Haannaan, fedhiisheetiin yeroo gara garaatti dhiirota garara garaa sadii waliin saalqunnamtii fedhiisheetiin yeroo taasisaa turte keessatti saalqunnamtiin humna makate ishee qunnameera.

Dubartiin kun akka jettutti, yeroo saalqunnamtii raawwattu saalqunnamtii humna makate kan rwwaachaa irratti jalqabe rifeensa/dabbassaa ishee harkisuufi kaballaadhaan rukkutuu ture. Dhiirota sana keessaa tokko ammoo ciqilee isaatiin morma ishee hudhee akka tures ni ibsiti.

"Baayyeen na'e" kan jettu Haannaan, "Baayyee akka natti hin tolle taasise, nan sodaadhes. Namni tokko yoo namni tokko karaa irratti morma kee si hudhe ykn kaballaadhaan si rukkute yakkadha," jechuudhaan miira ishee keessatti uumame ibsiti.

Haannaan wanta isheerra ga'e kana hiriyoota dubartootaa ishee biroo waliin yeroo dubbattu ture gochi kana fakkaatu dubartoota baayyee akka mudatu kan hubachuu dandeesse.

"Dhiironni hundinuu yoo xiqqaate gocha humna makate gosa tokko raawwachuu yaalu," jetti.

sababa kanarraa kan ka'een gocha yeroo saalqunnamtii humna makatee isheerra ga'erraa kan ka'een guyyoota muraasaf akka dhukkubbiin itti dhaga'amuufi fuulli isheellee akka daalachaa'ee ture ni yaadatti.

"Dubartoota tokko tokko saalqunnamtii yeroo raawwatan kan humna makate ta'uun isaan gammachiisuu akka danda'u nan tilmaama. Rakkoon isaa garuu dhiironni saalqunnamtiin humna makate kun dubartoota hunda gammachiisa jedhanii yaaduudha," jetti Haannaan.

Dhaabbanni qorannoo Savaantaa Koomirees jedhamu dubartoota UK keessa jiran 2002 ta'an umuriin isaanii 18-40 ta'anirratti ture qorannoo kana kan gaggeesse.

Akka qorannoon kun agarsiisutti dubartoota qorannoo kana keessatti hirmaatan keessaa harka dhibba keessaa saddeti kan ta'an yeroo saalqunnamtii fedhiirratti hundaa'e raawwataa jiranitti dhiira isaan waliin raawwataa jiruun kaballaatiin rukkutamuu, hudhamuu, uccuu/erbee afaan isaanii keessa galchuun akka ukkaamfaman taasisuufi hancufni akka isaanitti tufamee beeku dubbatu.

Isaan keessaa harka dhibba keessaa 12 kan ta'an ammoo yeroo baayyee saalqunnamtii raawwataa jiranitti saalqunnamtiin humna makate akka isaan mudatu ibsaniiru. Dhibbeentaa 22 kanneen ta'an ammoo darbee darbee gochi akkasii kun akka isaan mudatu dubbatu.

Dhibba keessaa 56 kan ta'an ammoo saalqunnamtii humna makate akkasii taasisanii akka hin beekne kan dubbatan yoo ta'u, harka dhibba keessaa lama kan ta'an ammoo yaada isaanii kennuurraa of qusataniiru.

Savaantaa Komirees akka jedhetti dubartoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan umuriifi bakka jiraataniin guutummaa UK kan bakka bu'anidha.

Dubartoota qorannicha keessatti hirmaatan harka dhibba keessaa 31 kan ta'an saalqunnamtii humna makate raawwachuu gonkumaa akka hin barbaadne kan dubbatan yoo ta'u, harka dhibba keessaa 38 kan ta'an ammoo saalqunnamtii humna makate raawwachuun akka isaan gammachiisu ibsaniiru.

Dhaabbanni Wiirtuu Haqa Dubartootaa jedhamu tokko bu'aa qorannoo kana waliin walqabsiisee BBC'tti akka himetti: "Lakkoofsi kun shamarran gocha isaan salphisuuf fedhii isaanii akka agarsiisan dhiibbaa gochu agarsiisa," jedheera.

Umurii ganna 30 jalqabaarra kan jirtu Heemaan hariiroo jaalalaa/michummaa hiriyyaa waggoota dheeraaf keessa turterraa dhiyeenya kana adda baateetti.

"Osoo saalqunnamtii raawwachaa jirruu akeekkachiisa tokko malee na hudhuu jalqabe. Baayyeen nahe. Baayyeen sodaadhes. Yeroo sanatti waan tokkoyyu gochuu hin dandeenye ture, sababiin isaa namni kun humnaan na caala waan turee."

Heemaan saalqunnamtiin humna makate akkasii kun fiilmiiwwan saalqunnamtii gadi dhiisii ta'an ilaaluurraa ka'uu akka danda'u tilmaamti."

Isteeven Poop ogeessa fayyaa sammuu yoo ta'an wallaansa saalqunnamtiifihariiroo jaalalleewwanii waliin walqabatan irratti ummata tajaajilu.

"Namoonni yeroo saalqunnamtii humna makate kana raawwatan waan akka gocha baramaa ta'eetti fudhataniif. Kun garuu gocha baayyee miidhaa qaqqabsiisudha.

Walitti dhufeenya jaalalleeewanii gadi buusuu caalaa yeroo saalqunnamtiin taasifamutti humni jiraachuun akka fudhatama qabaatu taasisa," jedhu ogeessi fayyaa sammuu kun.