Fiilmiin saalqunnamtiin ammallee interneetii fayyadamuun dursaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Namoota torba keessa tokko toora intarnetii kan barbaaduu fiilmii saalqunnamtii akka ta'e quba qabduu?
Namoonni ja'a garuu, odeffannoo gara garaa barbaadu.
Marsariitiin saalqunnamtii mul'isu-Pornhub -akkuma Neetfiliksen linkiden fa'aatti daawwattoota hedduu qaba. Baay'ee beekamtii horachuun fiilmiin saalqunnamtii sadarkaa 28ffarraatti argama.
Teeknonolojii haaraa qaalii horatanis amanamoo miti.Maamila teeknolojicha salphaatti hubatu horachuuf kan gabaan barbaadu dhiyeessu.
Yeroo tokkicha gatiin hir'ateef beekamtii argannaan galiif gabaa argatu.
Yaada rimeen ragaaleen saalqunnamtii intarneetii guddiseera jedhanis jiru.Teeknolojiin biroos akkasuma.
Guddina dinagdee dhimmoota fidan kan biraa
Ogummaan yeroo uumameera eegalee dhimmi saal-qunnamtii ijoodha.Suuraleen qaroomina durii holqarratti kaafaman taa'uumsa,harma,iddoo qaama hormataa dubartii fi qaama hormaata dhiiraa guddaa agarsiisuun akka ogummaatti ilaalama ture.
Waggoota kuma 11 dura tiksitooni horii Jiwishootaa otoo walqunnamanii fakkiin agarsiisu kaafameera.Qarooma Mesoppotaamiyaa durii keessatti waggoota kuma afur dura haati warraa biiraa unataa abbaan warraashi waliin otoo walqunnamtuu suuraan agarsiisu xuubiirratti bocamee ture.
Hojiin ogummaa kuni qabiyyee saalqunnamtii qabatuus,suura kana akka kaasaniif jalqaba kan isaan dammaqse saalqunnamtiidha jechuun hin danda'amu. sababni kana ture jechuuf ragaan quubsaan hin jiru.
Maashinii maxxansaa Gutanbargii jalqaba kitaaboota amantii ittin maxxansuuf kan kalaqe garuu, kitaabonni qabiyyee gara saalqanummatti nama dammaqsanis itti maxxamaniiru.
Jaarraa 19ffaa suuraan faashinii hidhiirratti kan fuulleffate ture.
Faransaay Paarisitti istudiyoo suuraan itti kaafamuu banachuun daldalaan akka milka'uutti ilaalama ture. Bara sanatti mootummaan dhorkaas waan tureef maamilli amma gaafatame kaffala ture.
Suuraa bifa ammayyaatiin kaasuun wayita eegalamuutti ,gatiinis qaalii waan tureef filmii saalqunnamtii addabaabahitti hin agarsiisan ture.Suuta suutan garuu, muraasni manasaanitti yoo ilaalan,dargaggoonni iddoo namni heddummatutti ilaalanis turaniiru.
Bara 1960 keessammoo saantima kaffaluun manneen fiilmoonni saalqunnamtii itti agarsiifaman uumaman.
Maallaqa doolara kuma hedduu bifa kanaa sassabbatu ture. Dhuunfaatti ilaaluun garuu meeshaan vidiyoo waraabdu(VCR) kalaqamuu booda ture.
Duraniyyuu namootni dhuunfaan ilaaluuf waan barbaadaniif gabaa argate.
Dargaggoonni manasaanitti filmii bitatanii ilaalu eegalan.Bara 1970 keessa Vidiyoon saalqunnamtii gurguramaa ture.
Manatti ilaaluun eegalamnaan gabaan filmoota kanas qorree ture. Televizhinii fi toora intarneetiirrattis dhufatiin isaa seena wal walfakkaatu qaba.
Bara 1990 keessa odeeffannoo qoodaman jaha keessa tokko saalqunnamtii waliin hidhata akka qabu ta'e ragaaleen kan mul'isan.
Toora intarneetirratti haasaan (chats) haasa'aman kana mirkaneessu. Ragaan ogeeyyiin kennanis dhugaa kanarraa hin fagaatu.
Ragaaleen saalqunnamtii barbaadamuun tajaajilli intarneetii saffisa akka jiraatufis ka'umsa ta'eera.
Dameewwan hojii biroorrattis kalaqni akka jiraatuuf sababa.
MarsariitIirratti fiIlmonni maxxanfaman teeknolojii gama kanarra jiruu dursanii guddatan.
Fakkenyaaf,Vidiyoo hammasaa xiqqeessuun daawwattootaaf dhiyeessuu, karaa marsariitirratti maallaqni kaffalamu fi iddoo daldalaa gargaraa ittiin beeksisuu fa'aatiin gabaa guddaa horachuuf tattaafatu.
Tajaajilli Intarneetii bal'achuun yaada biroorratti xiyyeeffachuun saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qaban xiqqeessa.
Namoota filmii hojjachuu akka ogummaatti ilaalani fi hojjataniif kun qorumsa uumera.
Galiin Gaazixaa maxxansuu fi muuziqaa intarneetiin akka dhaalame maamila akkuma dhaban, filmoonni saalqunnamtii (Pornhub) namarraa bitu dhaba jiru.
Joon Roonsan 'The Butterfly Effect' filmoota hataman deebisisuu fi gabaa bilisaa gochuuf yaaluus akka itti cime himeera.
Namoonni qabiyyee kana uumaan hamoo ta'aniis garuu, itti fayyadaamoota intarneetii guddisaniiru. Namoota tajaajila intarneeti fayyadaman hedduurraa maallaqa guddaa sassabuu fi beksisaa akka hojjatan gargaare jira.
dhaabbileen filmiiwwaan saalqunnamtii hojjatan maallaqa guddaa sochoosu.
Teeknolojiin filmii saalqunnamtii kalaqaman yeroon yeroon kalaqaman ammas hin goolabamne itti fufaniiru.















