Koronaavaayiras: Miidhaan weerarri Covid-19 dinagdee Itoophiyaarraan gahu hangam yaaddessaadha?

Dhiibbaan Covid-19 dinadgee addunyaarraan gahe olaanaadha. Biyyoonni dinagdeen isaanii guddateera jedhaman kan akka Ameerikaa, UK fi Indiyaan osoo hinhafiin sababii vaayirasii kanaan lammiilee miliyonaan lakkaa'aman hojii dhabdummaaf saaxilamaniiru.
Biyya keenyattis taanaan dhiibbaan vaayirasichi haala dinagdee irraan gahuu malu olaanaa akka ta'u tilmaamama. Kanuma ilaalchisuunis Yunvarsitii Finfinneetti barsiisaa kutaa Dinagdee kan ta'an Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa qorannoo taasianiiru.
Qorannoon isaanii akka muliseettis, weerarri koronaavaayirasii guddina biyyattii %5.6 miidhuu akka danda'u kaa'eera.
Guddinni omisha biyya keessaa jiddugalaan %11.2n laafu danda'a
''Vaayirasiin kun akkuma Ameerikaafi biyyoota Awurooppaatti biyya keenyattis babalannaan dinagdeen keenya dandeetti isa ittiin baatu hinqabaatu.
Haala eegamuun oliin miidhama. Sababiinsaa biyyoonni guddatan dinagdee, humna namaafi qusannaa fooyya'ee qabu. Haalan qoradheen miidhaan dinagdee gahu malu guddaadha,'' jedhu Pirofesar Alamaayyoon.
Qorannoon isaanii akka mulliseetti, bara 2020 kanatti guddinni dinagdee Itoophiyaa %11.2 gadi bu'u danda'a.
Akka Pirofeesar Alamaayyoon jedhaniitti, miidhaan koronaanaavaayirasii dinagdeerraan gahu kan hanga baajata bara kanaa; Hagayya bara darbee irraa hanga Waxabajjii kanaatti qofa ilaallatu yoo ta'e, omishinni biyya keessaa %5.6 qofaan hirrata.
Dhiibbaan dhukkuba kanaa hanga kurmaana sadaffaa waggaatti kan itti fufu yoo ta'e ammoo guddinni omisha biyyatti %16.7n hirrata jedhaniiru.
Miidhaa vaayirasiin kun dinagdee biyyatiirraan gahuu malu hirrisuuf ammoo, ''dandeettii jiru hunda walitti qabuun vaayirasichi hawaasa keessa akka hingalleef hojii to'annoo hojjachuudha,'' jechuun gorsu.
Maallaqni alaa ergamu hirrachuu
Doolaarri namoonni karaa baankiitiin firoota isaaniif alaa erga, kan biyyattiin omisha alatti erguu argattu akka caaluu dubbatu Pirofesar Alamaayyoon.
''Lakkoofsawwan motummaa yoo ilaalleeyyu, galiin biyyattiin omisha biyya alaatti erguun argattu biiliyoona 2.8 hanga 3ti. Amma sirriiyyu omishni biyya laatti ergamu hirrataa jira. Doolaarri biyya alaatii ergamu garuu biiliyoona 4.5 hanga 6 gaha,'' jedhu.
Haata'u malee, motummaan akka omishaalee biyya alaaatti ergamaniitti maallaqa biyya alaarraa ergamaniif xiyyeeffannaa walqixa ta'ee hinkennu jedhu.
Sababiidhuma Codi-19 kanaanis namoonni biyya alaarraa maallaqa biyya keessatti ergaa turan hirachusaatiin walqabate galiin gama sanaa 'remittance' haala olaanaa akka hirrate dubbatu.
Raaguuwwan idil-addunyaa akka mullisaniittis maallaqni biyyoota guddatan irraa gara biyyoota dhaaloota isaaniitti ergamu %26n akka hirratu kan mullisu ta'u oggeessi dinagdee kun himaniiru.
Hojii dhabdummaa
Covid-19 biyyoota Awuroppaafi Ameerikaa keessatti miliyoonota hojii dhabdoota taasisuun akka deeggarsa motummaa eeggatan taasiseera.
Biyya keenyattis yoo xinnaate namoonni miliyoona 2.5 hojiisaanii akka dhaban oggeessi kun qorannoosaanii ibsaniiru.
''Namoonni miliyoona 1.8 ta'an hojjattoota motummaati. Isaan kunis sababii Covid-19n hojiirraa ni ka'u jennee hinyaadnu'' kan jedhan pirofesar Alamaayyoon, ''dameen dhuunfaa ammoo namoota miliyoona 1.5 mindeesseera. Kana keessaa wallakkaa kan ta'u hojii akka dhabu danda'u tilmaamama,'' jedhu.
Kanan alatti kan ofiin ofi mindeessee bulu miliyoona 3.1 jira kan jedhan oggeessi kun, isaan kunis caalaa saaxilamtoota waan ta'aniif salphaatti hojii hiiku danda'u jedhu.

Fallisaa
"Dameen dinagdee qonnaa baayyee hinmiidhamu. Kan caalaa miidhamu danda'an dameewwan tajaajilaafi industiriiti. Kanaafuu humna jiru hunda damee qonnaa irra oolchu qabna,'' jechuun yaada furmaataa kaa'u.
Kanaafu dhibeen kun akka baadiyaa hingalleef ofi eegannoo cimaa taasisuun murteessaadha jedhu oggeessi dinagdee kun.
Motummaan damee dhunfaa waliin dubbachuun haala itti gargaaramu danda'an irratti karoora baasu qabas jechuun yaada kaa'u.
Kana malees namoonni hojii ummatanii hojjataniifi mana kiraa keessa jiraatan kan milyoona 3.1'tti tilmaaman caalaa saaxilamtoota jedhu.
Keessattu kiraa manaa kanfaluurratti danqaa olaanaa akka mudatu himuun, motummaan gama kanaanis haala caalaa itti deeggaru irratti hojjachu qabas jedhaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















