Koronaavaayiras: Biil Geetis talaalliin qabatanii irree keenya keessa waa awwaaluu fedhuu?

Yaadonni shiraman ‘kana ta’uu malu’ [conspiracy theory] jedhan akka salphaatti hin laalamani. Warri dubbii kana foo’aa oolanis hojii dhabanii miti. Wanti hubachuu qabnu, waa’ee dubbii foo’uu yoo haasofnu waa’ee hawaasa bal’aa dubbachaa jiraachuu keenyadha.
Warri dubbii foo’anis dhiibbaa guddaa waan uumaniif ergaan isaanii salphaatti addunyaa waliin-gauu danda’a.
Fakkeenyaaf, gareen qorannoo Yuugoov jedhamu namoota 1,640 gaafachuun qorannoo taasiseen, Ameerikaanonni %28 ta’an biiliyeenarichi Biil Geetis, meeshaa diigitaalaa wayii talaallii sababa godhatee irree keenya keessa awwaaluu fedha jedhanii amanu.
Yaadni kun warra Riippabliikaanota bira yoo ga’u, %44 ga’a.
Biil Geetis maal barbaadaniitu irree keenya keessa waa awwaalu?
Kana deebisuuf Covid-19 akkamiin uumame isa jedhu ija warreen dubbii kana ibsaniin ilaaluun dansaadha.
Warra dubbii foo’an kunneen biratti, vaayirasicha kan uume manguddoo kanadha jedhamee amanama. Kana mirkaneessuuf kan dhiyeessan ammoo, Biil Geetis osoo vaayirasiin kun hin dhufin dura waa’eesaa beeku ture kan jedhudha.
Biiliyeenarri kun addunyaa to’achuun kaayyoosaa waan ta’eef vaayirasicha fide, san duuba talaallii uume. Talaallii sana keessas meeshaa ijaan hin mulanne dhoksee nukeessa awwaaluufi jedhanii yaadu.
BBC’n wanti dhugaadhamoo jedhee Faawundeeshinii Biil Geetis yoo gaafatu ‘sun dhara’ deebii jedhu argate.
Foo’aan dubbii kun Ameerikaa qofarratti hin xiyyeeffatu
Dursaan Paartii Koministii Ruusiyaa ‘‘Warreen dhala namaa to’achuuf machaa’an kun maqaa talaalliitiin meeshaa nutti galchuu fedhu,’’ yoo jedhan dhaga’amee ture.
Gorsaan Tiraamp duraanii Roojar Istoon ammoo, ‘‘namoonni tokko tokko koroonaavaayirasiif qoratamuu keenya baruuf wanti ta’e harka keenya keessa awwaalamuu qaba jechaa jiru,’ jechuun yaada kennanii turan. Ta’us garuu maqaa Biil Geetsi hin dhofne.
Dubbiin Biil Geetsi kun jabaachaa kan dhufe yaada jaarsi kun Bitootessa darbe kennanitti aanseetu.
‘‘…Fuulduratti ragaan diijitaalaa vaayirasicha qabaachuufi dhiisuu keenya himu jiraachuu mala…’’ Dubbii isaanii gidduutti kan jedhanidha.
‘‘Ragaan diijitaalaa kunis eenyu akka qoratame, eenyu vaayirasicha akka qabu, eenyummoo talaallii akka fudhate sirriitti mul’isa,’’ jechuun kan ibsan.
Kanatti aansee barreeffamni tokko maxxane. Mata-dureen barreeffamichaas, ‘Biil Geetis vaayirasicha qoluuf meemoorii diijitaalaa ijaan hin mul’anne awwaaluu fedhu’ kan jedhu ture.
Barreeffamichis ka’umsa gabaasichaa kan godhate qorannoo Faawundeeshinii Biil Geetisiin geggeeffame tokkodha.
Qorannoon sun kan dubbatu waa’ee kuus-ragaa namoota talaallii fudhatanii qopheessuudha. Lilmoon talaalliin itti kennamu halluu waan qabuuf warreen fudhataniifi hin fudhanne adda baasuuf hin rakkisu jedhee amana.
Teeknooloojiin qorannoo kana keessatti ibsame garuu waan irree keessa awwaalamu kan jedhu hin qabu. Manneen dhugaatiifi ragadaa yookaan feesiivaalota irratti namoonni kaffaluu isaanii mirkaneessuuf qalama barruu duuba harkaarratti kaa’amuun wal-sima. Yookaan tumaa harkarraa fakkaata jechuu dandeenya.
Miseensi garee qorannichaa Aanaa Jaakileeniik akka jettutti kun ammallee yaada qofaa yoo ta’u, tasuma namoota hordofuuf kan kaayyeffate miti jetti.
Biil Geetis nu to’achuuf yaalaa jiruu?
Manguddoon abbaa qabeenyaa Maayikiroosooftiifi tola-oolaan kun warra dubbii foo’uuf mijatanii jiru.
Ingiliiz keessatti hordoftoota hedduu kan qabu fuulli Tiwiitaraa tokko, ‘‘Biil Geetis namoonni 700,000 ta’an vaayirasii kanaan akka dua’an mirkaneessanii’’ jechuun barreessee ture. Erga akkas jedhee boodas barreeffama kana viidiyoo nama Aleeksi Joonsi jedhamu irraa argate waliin walitti fidee kaa’e.
Ergaa kana namoonni 45,000 ta’an qooddatanii jiru. Namoonni kan hin hubanne garuu Biil Geetis akkas akka hin jennedha.
Viidiyoo sanarratti jaarsi kan dubbatan, talaalliin yeroofi qorannoo hedduu waan barbaaduuf suni taasifamuu baannaan miidhaan cinaasaa hamaa akka ta’u ture. Keessumaa jaarrolii irratti.
Kana ibsuufis lakkoofsa yaad-rimee kaa’an.
"Fakkeenyaaf, manguddoota 10 keessaa tokkorratti talaalliin kun miidhaa cinaa yoo fide, Ameerikaatti namoonni 700,000 du’an jechuudha’’ kan jedhu ture.
Akka dubbi footonni jedhanitti namoonni 700,000 nidhumu hin jenne Biil Geetis. Sana milkeessuufis hojjachaa akka jiran ragaan tokko hin jiru.
Kan nama dhibu Biil Geetisiin ilaalchisuun dubbiin foo’amu kun dhiibbaan inni geessisaa jiru kan mul’atu mana maree bakka bu’oota ummataa Xaaliyaan bira ga’uu isaatiini.
Miseensi Deentiroo Laa Nootiiviyaa jedhaman tokko ‘maaliif jaarsa kana mana murtii idil-addunyaatti hi himannu’ jedhanii turan.

Madda suuraa, TOBIAS SHWARTZ
Biil Geetisiin alatti yaadonni talaallii iaalchisuun ka’an kami?
Xaaliyaanitti sochiiwwan talaallii morman jabaatanii jiru.
Viidiyoon namoota miiliyoona tokkoon ilaalameera jedhamu beekkamtii argateera. Viidiyichi kan odeessu vaayirasichi ta’e jedhamee kan uumame ta’uudha.
Viidiyicharratti ibsa kan kennu qorataa Xaaliyaan Isteefaanoo Moontaanaarii jedhamudha.
Qoricha uumuurratti diigrii qaba. Akka inni jedhutti, vaayirasichi kan uumame ilmi namaa dirqamaan talaallii akka fudhatuuf yaadameetu. Sana duubas Biil Geetis jiru jedha.
"Weerarri kun akka itti fufu taasifama, kunis kan taasifamu talaallii akka fudhannuuf sodaachisuuf. Achiis sooreyyiin daran sooromu,’’ jechuun amansiisuuf yaala.
Eeshiyaattis warreen dubbii kana foo’an baay’ataniiru. Indiyaan ammoo, biyya hamiin akkasii itti baay’atudha. Talaallii biyyoota Lixaa irraa dhufu fudhachuu dhiisuuf sochiiwwan eegalamaniiru.
Biyyi isaanii fincaan sa’aarraa talaallii argachuu akka dandeessu amanu.
Duulli Feesbuukiirratti fudhatama guddaa argate tokko fincaan loonii waliin wal-qabata.
Odeessa kana miiliyoonotatu qooddachaa jira. Dubbichi oduu gaazexaa ‘Ahimadaabaad Miirar’ jedhamurraa kan ka’edha.
Gaazexaan kun Indiyaatti loowwan kabaja guddaa qaban irraa qorichii argamuu mala odeessa jedhu qabatee ba’ee ture.
Talaalliin kunis kan hojjatamu, fincaan, dhadhaafi dhoqqee looniirraa akka ta’edha kan himu.
Gabaasa kana durallee lammiileen Indiyaa hedduun fincaan loonii dhuguu eegalanii turan. Ammas ittuma jiru. Biyyattiitti sa’aaf kabaja guddaatu kennama. Saani qulqulluudha.
Kan nama ajaa’ibu fudhatama guddaa yaadni argate kun bifa isaa jijjiiraa demuu isaati. Dubbichi gaazexaa sanarraa fudhatamus, Ahimadaabaad Miirar qorichi fincaan irraa ni hojjetama hin jenne.
Gaazexichi ogeessa fayyaa dubbisuun kan maxxanse, ‘fincaan saawwaa qabiyyee talaallii Covid-19’f oolu qabaachuu mala’ gabaasa jedhu ture.
Warri dubbii foo’uu irratti argaman garuu, dhimmicha sanarraa fageessaniiru.
I/G giddu-gala qorannoo fayyaa Indiyaa kan ta’an Dr. Raajiinii Kaanti, dhuguma fincaan yookaan dhoqqeen sa’aa koroonavaayirasii nifayyisaa jechuun BBCn gaafatee ture.
Isaanis, "Ragaafi qorannoon kana mirkaneessu jiraachuusaa hin beeku’’ jedhaniiru.
Kutaan Ministeera Qonnaa Indiyaa jalatti dhaabbate tokko garuu, ammaaf talaalliin koroonaavaayirasiif argamuu baatus, fincaan, dhoqqeefi dhadhaa sa’aa walitti makuun qoricha hojjachuuf ni yaalama jedhee ture.















