Koronaavaayiras: Weerara Covid-19 ofirraa qolachuuf qophiin Itoophiyaa hanga ammaa akkami?

Madda suuraa, FBC
Itoophiyaatti namni Covid-19’n qabame kan jalqabaa erga qorannoon mirkanaahee ji’a lamaafi torban sadii ta’eera.
Hanga ammaatti namootni vaayirsichaan qabamuun mirkanaa'e 1344, kan du'an 14 kan bayyanatan ammoo 231.
Ji’ootni lamaan jalqabaa Itoophiyaa keessatti tamsa’inni vaayirasichaa laafaa ta’uus, ji’a Caamsaa keessa qorannoowwan gaggeefamaniin vaayirasichi saffisa guddan tamsa’aa akka jiru hubatameera.
Namoota magaalaa Finfinnee keessatti vaayirasiin kun irratti argamuun mirkanaawe 900 ol keessaa harki irra caalaan seenaa imalaa kan hin qabneefi nama vaayirasichaan qabamuun isaanii beekame waliin tuttuqqan qaban kan adda hin baane ta’uunis ibsameera.
Naannooleen Itoophiyaa sagalaiifi bulchiinsota magaalaa lama keessattis dhibeen kun tamsa’uun beekameera.
Ofii hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti hojiileen to’annoo hojjetaman akkami?
Weerarri kun sadarkaa addunyaatti miidhaa qaqqabsiisaa jiru hawaasa magaalaa fi Baadiyaa hubachiisuuf ji’oota lamaan darban kutaalee hawaasaa fi qaamolee mootummaan hojiin hubannoo uumuu hojjetameera.
Hojii kanaan dabalataan ammoo sochii idilee hir’isuuf imala magaaloota gidduutti taasifamu daangessuun hanga namoota geejiba uummataa konkolaataa tokko keessatti imalanii daangessus murtaa’ee ture.
Namni walirraa siiqee akka adeemuufi taa’us ogeeyyiin gorsaa jiru.
Namni manaa bahee yeroo socho’u Maaskii (haguugaa afaaniifi funyaanii) fayya akka kaawwatus dirqamni kaahameera.
Gama Qorannoon
Itoophiyaatti jalqaba yeroo vaayirasichi galuun mirkanaahu, biyyattiin laabraatoorii vaayirasii kana adda baasuu waan hin qabneef saamuda shakkamtootaa gara Afrikaa Kibbaatti erguun bu’aa isaa eeguun irra ture. Boodas yeroo gabaabaa keessatti Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa keessatti yeroo duraaf qorannoo gaggeessuun eegale.
Deeggarsa dhaabbilee garaagaraafi biyyoota biroorraa argameen amma Finfinneen alatti naannoleen hundi dandeetti qorannoo gaggeessuu akka qabaatan hojii hojjetameen ammaa gidduugaloonni qorannoo taasisan 46 gahaniiru.
Guyyaa lama dura ibsa Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taadessee kennaniin lakkofsi gidduugalawwan kanaa 29 gahee kan ture yoo ta’u meeshaaleen qorannoo jiran ammo 33 turan.
Gidduugaloonni kunniin yeroo dandeettii guutuun hojii eegalan saamuda 7,500 guyyaatti qorachuu akka danda’anillee himanii turan.
Ibsa Kibxata Tajaajila oduu Itoophiyaaf kennaniin ammoo lakkoofsi gidduugalootaa 46 gahuu malee guyyatti hangi namoota qoratamuu danda’anii hin ibsamne.
Gama kanaan fooyya’inni jiraatus haala tamsa’ani vaayirasichaa amma jiru waliin dandeettiin qorachuu akkaan guddachuu akka qabu ogeeyyiin ni dubbatu.
Gidduu gala yaalaa
Erga vaayirasichi Itoophiyaa galuun beekamee giduugalawwan tursiisa fi yaala dhukkubsattootaa hedduun qophaa’aa turan.
Manneen fi galmoota abbootii qabeenyaan mootummaaf kennamaa turaniin alatti galmi waltajjiiwwan gosa adda adda keessummeessuun beekamu Galmi Barkumees qophii barbaachisu xumuree dhukkubsattoota simachuu akka eegalee Tajaajilli oduu Itoophiyaa har’a gabaaseera.
Daayireektarri gidduugala yaala kanaa Dr. Ismaa’eel Shamsaddiin gidduugalichi dhukkubsattoota yaala addaa(ICU) 40 fi kanneen biro 1,000 ol yaaluu akka danda’u himaniiru.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Laabratoorii, mana qorichaa fi watootni barbaachisoon hunduu gidduugala yaalaa kanaaf qophaa’aniiru.
Amma dhukkubsattootni Covid-19 kan yaalamaa jiran Hospitaala Eekkaa Kotobeetti.
Naannolee keessattis bakki yaalaa hospitaalota keessatti qophaa’anii akka jiran gabaafamaa ture.
Meeshaalee yaalaafi to’aannoo
Dhibeen kun sirna hargansuu namaa miidhuun du’aaf kan saaxilu ta’uu isaatiin meeshaan hargansuu namaa deeggaru Veentiletar yeroo kamiyyuu caala addunyaarratti barbaadamaa ta’eera.
Itoophiyaatti yeroo dhibeen kun argamuun jalqaba gabaafamu meeshaan kun akka biyyatti 22 qofa akka ture Dr. Liyaan himaniiru. Suphaa, Arjoomaa fi bittaadhaan amma lakkoofsi meeshaa kana guutuu biyyatti 221 gahuus ibsaniiru. Raabsi silindaroota Oksijiinii 3,600 raawwachiisu himan.
Weerarri kun Itoophiyaa lixuu dura Maaskiiwwan miiliyoona 4 akka biyyatti turanitti dabaluun hanga ammaatti maaskiin miiliyoona torba raabsamuu Dr. Liyaan himaniiru.
Ji’oota afur dhifan keessattis dhaabbilee fayyaaf qofa maaskiin miiliyoona 130 akka barbaachisuus dubbataniiru.
Hanqinni meeshaalee fayyaa hakiimotaa sadarkaa addunyaattis rakkoo ta’e, Itoophiyaa keessatti rakkoon kun guddaa ta’uufi balaaf kan isaan saaxilu ta’uu ogeeyyiin fayyaa komachaa jiru.
Dr. Liyaan hanqina kana furuuf hojjetamaa akka jru dubbataniiru.














