Koronaavaayiras: hangam yaaddeessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?

Madda suuraa, Getty Images
Vaayirasiin dhibee sombaa hamaa ta'e qaqqabsiisu jalqaba Chaayinaatti mul'ate yeroo ammaa biyyoota addunyaa 40 ta'an keessa tatamsa'aa jira.
Akka addunyaatti namoonni vaayirasii koronaan qabaman 92,000 kan gahan yoo tahu, vaayirasichi biyyoota 50 ol qaqqabeera.
Namoonni 3,000 ol kan du'an yoo tahu, baayyeen isaanii Chaayinaa naannoo Hubee keessatti argamu.
Mallattoowwan dhibee kanaa maalidha?
Qaama gubuutiin jalqabee gara gogaa qufasisuutti darba. Torban tokkoon booda ammoo gara sadarkaa hafuura kutuu ykn hargansuurratti rakkoo uuma.
Namoonni dhibee kanaan qabaman hospitaalatti wallaansa argachuun isaan barbaachisa.


Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti dhibeen kun erga nama qabateen booda osoo mallattoo hin agarsiisiin hanga guyyoota 14tti turuu ni danda'a.
Haata'u malee, qorattoonni tokko ammoo osoo hin beekamiin hanga guyyaa 24tti turuu ni danda'a.

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Saayintistoonni Chaayinaa akka jedhanitti ammoo namoonni dhibee kanan qabaman tokko tokko osoo mallattoonni dhibee kana isaanirratti hin mul'atiiniifi isaanirratti hin beekamiinillee daddabarsuu ni danda'u.
Nama vaayirasichaan qabame irratti mallattoonni haxxifachuufi dhangala'aan funyaa keessaa bahu jiraachuu danda'a. Koronavaayirasiin mallattoolee sasalphoo qufaarraa jalqabee hamma du'aatti geessuu danda'a.
Koronaavaayirasiin hangam lubbuu galaafataa?
Ragaa namoota dhibee kanaan qabaman 44,000 irraa fudhatame irratti hundaa'uudhaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (EHO) akkas jedhe:
- %81 kan ta'an mallattoo xiqqaa/gadi aanaa ta'e agarsiisu
- %14 kan ta'an ammoo mallattoo hamaa ta'etu irratti mul'ata
- %5% kan ta'an garuu akka malee jabaa dhukkubsatu
Carraan dhibee maqaa Covid-19 jedhamuun moggaafame kanaan du'aa garuu gadi aanaa fakkaata. Kunis (%1 fi %2 gidduudha) garuu lakkoofsi kun amanamaa miti.
Namoonni kumnaatamaan lakkaa'aman yeroo ammaa wallaanamaa jiru garuu du'uullee ni danda'u waan ta'eef sadarkaan dhibee kanaan du'uu kana caala ta'uu mala.
Namoonni dhibee kanaan qabamanii mallattoon xiqqaa/gadi aanaan irratti mul'atu waan yeroo hedduu hin gabaafamneef hangi namoota du'aniis gadi aanaa ta'uu mala.
Kana fakkeenyaaf agarsiisuuf, waggaa waggaatti guutummaa addunyaa irratti namoonni biliyoona tokko infiluweenzaadhaan qabamu. Kana keessaa namoonni 290,000 fi 650,000 gidduu kan ta'an ammoo lubbuun isaanii ni darba.
Dhibee Koronaavaayirasiirraa fayyuun ni danda'amaa?
Ammatti, wallaansi dhibee kanaa namni qabame akka qaamni isaa hin miidhamneef deggersa akka sirriitti arganu taasisuun hanga dandeettii uumamaan dhibee kanaa ofirraa ittisuu danda'uutti gargaauudha.
Haata'u malee, hojiin dhibee kanaaf talaallii qopheessuun hojjetamaa waan jiruuf dhuma waggaa kana dura nama irratti yaaliin ni gaggeeffama jedhamee abdatama.
Hospitaalonnis tarii yoo bu'a qabataniif jecha qorichoota farra vaayirasii yaalaa jiru.

Koronaavaayirasii akkamiinan ofirraa ittisuu danda'aa?

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akkas jedha:
- Harka kee dhiqadhu- saamunaa ykn alkooliin vaayirasicha ajjeesuu danda'a
- Yeroo qufaatuufi axxifattu afaaniifi funyaan kee aguuggadhu yoo mijates sooftiidhaan of aguuguun akka vaayirasichi hin tatamsaaneef ittisuudhaaf boodarra harka kee dhiqadhu.
- Ija, funyaaniifi afaan kee qaqqabuu dhiisi- yoo harki kee bakka vaayirasichaan faalame qabeera ta'eef gara qaama keetti seenuu danda'a.
- Yeroo qufaatu, axxiffatuufi qaamni kee gubaa qabu namatti hin dhiyaatiin, sababiin isaa vaayirasiin qilleensarra tamsa'uu mala - namarraa meetira tokko fagaadhu.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Saffisa akkamiin tatamsa'aa jira?
Guyyaa guyyaadhaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qabamaa jiru. Haata'u malee, hangi namoota qabamanii inni dhugaan kan ifatti beekame harka 10 caaluu akka danda'u amanu ogeessonni dhimmma kana xiinxalan.
Dhibeen kun amma Kooriyaa Kibbaa, Xaaliyaaniif Iraanitti waan tatamsa'aa jiruuf sodaa dhibee hamaa addunyaa ta'uu mala jedhu uumeera.
Dhukkubni tokko akka dhibee hamaatti kan labsamu yoo dhukkubichi yeroo tokkotti kutaa addunyaa gara garaatti yeroo tokkotti tatamsa'udha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa deemuun akka isa yaaddessaa jiru dubbateera. Carraan dhibee kana to'achuullee "dhiphachaa" dhufeera jedheera..
Dhibeen kun akkamiin jalqabe?
Yeroo adda addaatti vaayirasoonni haaraan ni mudata. Isaanis osoo hin beekamni gosa tokkorraa gara gosa birootti cee'uun gara namaatti dhufu.
Yeroo ammaatti koronaavaayirasiin hedduminnaan magaalaa Chaayinaa Wuhaan jedhamtutti lafa gabaa gurgurtaa qurxummiitti keessaati argame.
Vaayirasichi bineensota kamiin irraa akka dhufe osoo beekamee vaayirasicha to'achuuf salphaa akka ta'u ogeeyyiin ni dubbatu.
Bineensoonni bishaan keessa jiraatan vaayirasicha akka baatan beekameera. Gabaa gurgurtaa bineensota bishaan keessaatti garuu lukkuun, boftiifi kanneen biroo kan argaman yoo ta'u, isaanis carraan vaayirasicha baachuu danda'an akka jiru ni himama.

















