Kornaavaayiras: Hubeetti guyyaa tokkotti namoonni 242 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaa bulchiinsa Hubeetti Koroonaavaayirasiin guyyaa tokkotti namoonni 242 du'uun. Guyyaa tokkotti du'aatii isa guddaa hanga ammaatti galmaa'e ta'eera.
Lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan faalamaniifi lubbuu isaanii dhabanii dbalaa jira.
Hanga ammaatti bulchiinsa Hubeetti namootni 14,840 vaayirasichaan faalamuun adda bahaniiru.
Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin akka biyyaatti lubbuu dhabanii 1.350 kan gahe too ta'u, kanneen vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e ammoo 60,000 ta'a.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaas dhibee yaaddessaa addunyaa jechuun labseera.
Vaayirasiin sirna hargansuu namaa miidhu kan Chaayinaa keessatti jalqaba mul'ate kun amma biyyoota addunyaa hedduu qaqqabeera.
Gaaffilee waa'ee vaayirasichaa irratti namoonni kaasan irratti Gareen Fayyaa BBC waan armaan gadii qindeesseera.
Koronaavaayiras qaqqabannaa meeshaalee kanneen akka balbalaatiin ni daddarbaa, hagam turuu danda'a?
Namni vaayirasichaan qabame harkarratti qufa'ee yoo waa qabate meeshaan sun faalameera jechuudha. Gama kanaan balballi fakkeenya gaariidha.
Vaayirasiin kun wantootarra hagam akka turu beekamuu baatullee garuu sa'atiiwwan muraasa akka turuu danda'u ogeeyyiin ni himu.
Yeroo hunda harka dhiqachuun facaatii vaayirasichaa hir'isuun ni danda'ama.
Haalli qilleensaa fi tampireecharri qaamaa daddarbuu vaayirasichaa keessatti ga'ee qabuu?
Hanga yoonaatti waa'ee vaayirasichaa wantoonni hin beekamne hedduutu jiru.
Tampireecharri waqtii waliin jijjiiramu facaatii vaayirasichaa keessatti ga'een qabu sirriitti hin beekamne.
Vaayirasiiwwan qufaa fidan biroon haala qilleensaa hordofuun jijjiiramu, kan koronaavaayiras garuu wanti beekame hin jiru.
Dhibeen sirna hargansuu giddu galeesaa miidhu kan koronaavaayiras waliin qaccee tokkorraa dhufan 'Mers' garuu haala qilleensarratti hundaa'a.
Vaayirasiin 'Mers' waqtii ho'aa haalaan tatamsa'a.
Koronaavaayiras karaa nyaata namni vaayirasicha qabu hojjetee daddarbuu danda'aa?
Nyaatni namni vaayirasicha qabu hojjete qulqullinaan hin qabamu taanaan vaayirasiin kun karaa nyaataa daddarbuu danda'a.
Kanaafuu jarmiin akka hin daddarbineef nyaata dura harka keenya dhiqachuun dirqama.

Madda suuraa, Getty Images
Koronaavaayiras nama qabnaan qaamni namaa dhukkubicha ofirraa ittisaa?
Namni tokko vaayirasichaan qabamee yoo irraa fayye dandeettiin dhibee kana ofirraa ittisuu bakkatti deebi'uuf yeroo fudhata.
Namni tokko erga vaayirasichaan hubamee booda dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu qaama isaa hagamiif akka turu hin beekamne.
Koronaavaayirasii fi qufaa gidduu adda addummaan jiraa?
Koronaavaayirasii fi qufaan mallattoolee wal isaan fakkeessan hedduu qabu. Hanga qorannoon fayyaa taasifamutti adda baasuunillee rakkisaadha.
Ho'inni qaamaa dabaluu fi qufa'uun mallattoolee koronaavaayiras keessaati.
Qufaan ammoo mallattoolee akka maashaaleen bututuu fi ujummoon sirna hargansuu cufamuutiin beekama.
Namni koronaavaayirasiin qaamasaa keessatti argame tokko ammoo afuura baafachuu fi gashachuuf hedduu rakkata.
Uffannaan golgaa fuulaa vaayirasicha qolachuuf fayyadaa, yeroo hagamii keessatti jijjiiramuu qaba?
Uffannaan golgaa fuulaa hagam jijjiirama fida kan jedhurratti ragaa quubsaan hin jiru.
Golgaa fuulaa godhachuun dura harka sirriitti dhiqachuun dirqama jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Madda suuraa, Getty Images
Koronaavaayiras walquunnamtii saalaan daddarbaa?
Hanga ammaatti karaan koronaavaayirasiin ittiin daddarbu kan xiyyeeffannaa barbaadu adda ba'ee hin beekamne.
Yeroo ammaa garuu kan adda ba'an haxxiffuu fi qufaadha.
Vaayirasiin kun nama qabee osoo hin baramin hagam tura?
Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti koronaavaayirasiin nama qabee guyyaa lamaa hanga 10 osoo hin baramin turuu danda'a.
Namni koronaavaayirasiin qaama keessa seene fayyuu danda'aa?
Eeyyeen. Namoonni mallattoon vaayirasichaa irratti argame hedduun yaalamanii fayyummaasaanii duraaniitti deebi'aa jiru.
Namoota umuriin jaaran, akkasumas kanneen duraanuu dhibeewwan akka shukkaaraa yookiin kaansarii qabanii fi kanneen dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu(immunity) isaanii durumaanuu hubameef garuu yaaddoo guddaadha.
Ogeessi komishinii Fayyaa Chaayinaa keesa hojjetu tokko namni vaayirasichaan qabame erga yaalamee booda torban tokko keessatti fayyuu danda'a.
Koronaavaayiras meeshaalee Wuuhaan irraa bitaman duukaa gara biyya biraa seenuu danda'aa?
Kun yaaddoo ta'uusaa kan ibsu ragaa qabatamaan hin jiru.
Namni koronaavaayirasii qabu yoo meeshaa bitamu tokkorratti qufa'e yookiin irratti haxxiffate meeshaan sun vaayirasicha baatee dabarsuu danda'a.
Vaayirasichi garuu yeroo dheeraaf kan turu miti.
Kanaafuu meeshaan Chaayinaa keessatti vaayirasichaan faalameera jedhamee shakkame tokko wayita gara biyya itti fe'amuu ga'u irraa baduu danda'a.

Madda suuraa, AFP
Vaayirasiin kun Chaayinaa keessaa madduusaaf sababi addaa jiraa?
Eeyyee-lammiileen Chaayinaa hedduun belladoota waliin hariiroo cimaa uumanii waliin jiraatu.
Koronaavayiras amnmoo bineensotarraa akka dhufetu himama.
Qacceen koronaavaayiras kan duraan ture 'Sars' kan jedhamus Chaayinaa keesatti kan argame yoo ta'u maddi isaas simbirroo halkanii fi adurree bosonaati.
Vaayirasiin jalqaba Kibba Chaayinaa iddoo nyaati bineensota bishaan keessa jiraatan irraa hojjetamee gurguramu keessatti mul'ate.
Vaayirasii kana talaalliidhaan ittisuun danda'amaa?
Talaalliin gosoota koronaavaayiras ittisu hanga ammaatti hin argamne, qorattoonni garuu talaalliisaa argachuuf hojjechaa jiru.
Vaayirasiin kun kanaan dura mul'atee hin beeku, kanaafuu doktaroonni talaalliisaa dura waa'ee vaayirasaayyuu hubachuurratti hojjechaa jiru.
Waa'ee koronaavayiras irratti gaaffiin qabdan yoo jiraate nuuf barreessaa?
















