Gumaata qabsoo Badhoo Dachaasaa hanga Baaroo Tumsaa waliin boolla tokkotti awwaalamuutti

Badhoo Dachaasaa

Madda suuraa, Social Media

    • Barreessaa, Hiikaa Fiixasaa,
    • Gahee, Gaazexeessaa

Badhoo Dhachaasaa Guddataa nama umurii dargaggummaa hanga guyyaa du’asaatti qabsoo Oromoo keessatti dabarse ta'uu warri isa beekan ni himu.

Dhalatee kan guddate magaala Buraayyuu, kan amma Shaggar jala gale, keessatti yoo ta’u baruumsa hanga sadarkaa lammaffaa Mana Baruumsaa Madaaniyaalamii kan Gullalleetti argamutti akka barate.

Maatii qotee bulaa quuqama qabaniifi dhiibban sirnoota darbanii itti wal-jijjiiree isaan miidhe keessatti dhalate.

Daa’imummaan loon warrasaa dirree masqalaatii hora obaasanii marga tiksanii gafa aduun dhiitu hiriyootasaa waliin loonsaanii hooffatanii Gullaalleefi Buraayyutti akka galaa turantu himama.

Abbaansaa Dachaasaa Guddataa ijoollensaanii akka barataniif hawwii guddaa qabanirraa kan ka’e Badhoofi obbolaansaa kanneen akka Daadhii Dachaasaa, Biraanuu Dachaasafi kaanis bara magaalonni naannawa Finfinnee jiran funyaan wiirtuu biyyaa jala taa’anii baruumsa dheebotan sanatti Finfinneetti deddeebi’anii akka baratan godhan.

Ofii Badhoon akkamiin maandheelee qo’annoo siyaasafi dadammaqiinsaa Addi Bilisummaa Oromoo dhoksaan Finfinneetti hundeesse keessatti hirmaachutii hanga Kora ABO jalqabaa keesatti hirmaachuu akkasumas qabsoo hidhannootti seenutti gahe?

Dirree qabsootti isaafi Baaroo Tumsaa gidduutti maaltu dhalate? Lamaanuu guyyaa tokko du’anii akkamiin boolla tokkotti awwaalaman? kan jedhurratti hiriyaa Badhoo Dachaasaa kan turaniifi qabsoo Oromoo keessatti rifeensa lama kan biqilchan Obbo Dheeressaa Qixxee dubbisneerra.

Obboo Dheeressaan qondaala ABO duraanifi Badhoo Dachaasaa harka qabanii nama Baaroo Tumsaa wajjin wal-barsiisaniidha.

Badhoo Dachaasaa waliin Yuunivarsiitii Finfinneetti gosa barnoota Seenaa baratan.

Guyyaa sambataafi kaanis qe’ee warra Badhoo, Buraayyuutti argamu, deemanii nyaatanii dhuganii, bulanii mooraa Yuunivarsiititti deebi’u.

Waan siyaasa Itoophiyaa, kan Oromoofi falaasama siyaasa addunyaan baras ittiin bulaa turte waliin qo’ataa akkaataa qabsoo Oromoo irratti mala dhahaa turan.

Keessumaa dhiibbaa Oromoo Tuulamaarra gahuufi Oromoota magaala Finfinneerraa dhiibamanii moggaatti baafaman irratti Obbo Dheeressaan Badhoo Dhachaasaafi maatiisaarraa hubannoo guddaa akka argatan himu.

Badhoon baruumsa sadarkaa lammaffaa Madanaalamiitti erga xumuree booda leenjii barsisummaaf gara Harar deeme.

Leenjii booda Tigraay Shiree Indaasillasetti barsiisaa ta’ee waggaa lama erga hojjatee booda bara 1969 Yuunivarsiitii Finfinneetti akka wal-argan dubbatu Obbo Dheeressaa Qixxee.

''Badhoon nama quuqama addaa qabu ture''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo Harar ture barsiisonni lammiilee biyya alaa waan turaniif waa’ee sirna warra fiwudaalafi falaasama siyaasaa farra sirna fiwudaalaa hubannoo gaarii akka argatu isa gargaare.

“Yuunivarsiitii Finfinnee mooraa 6 keessatti barataa haaraa taanee wal-qaqqabne,” jechuun waggaa lammaffaarratti lamaansaanuu carraan muummee barnoota Seenaa isaan gahee sirriitti akka wal-baran himu Obbo Dheeressaan.

Yeroo sana mooraa yuunivarsiitii keessatti barattoonni heddu garee qo’annoo siyaasaa: kanneen akka Marksizim-Leninizim jedhamu qo’atu turan.

Warraaqsafi qabsoo biyyoota akka Veetinaam, Kuubaa, Chaayinaafi kaan fa’aa keessatti gaggeeffame akkamitti sirna fiwudaalaa akka kuffise qo’atu turan.

Itoophiyaattis sirni fiwudaalaa akkamitti kufuu akka qabu, mootummaan akkamii hundaa'uu akka qabuufi qabsoon bifa kamiin yoo gaggeeffame wayya kan jedhurratti baratoonni ni falmu, fala dhahu, fakkeenya biyyoota garaa garaa dhiyeessun maritu turan.

“Badhoon garee warra Itoophiyaa leellisanii wajjin sodaa tokko malee gaaffii gaafatee atakaaroo keessa seena ture,” jechuun gara garee qo’annoo siyaasaa kan ijoollee Oromootti akka isa fidaniifi kanumaan hiriyummaansaanii cimaa deemuu himu Obbo Dheeressaan.

Yeroo sanatti namoota Oromoo, keessumaa giddu galeessa Oromiyaa keessa jiran keessaa nama hubannaa siyaasaa cimaafi daba mootummaan Hayilasillaasee uummata Oromoorratti hojjataa ture bareechanii hubatan keessaa tokko Badhoo akka ta'e kaasu.

"Badhoon barattoota Oromoo [mooraa yuunivarsiitii Finfinnee keessa jiran] heddu hin beeku ture. Barattoota Oromoo dammaqina qaban wajjin wal si barsiisa jedheenin wal-barsiise.

"Maalif hanga yoonaa barattoota Oromoo kana wajjin wal na hin barsiisin hafte? naan jedhe," jedhu michuu Badhoo Dachaasaa kan turan Obbo Dheeressaan.

Mandheewwan qo'annaa siyaasaa ABO keessatti gahee Badhoo Dachaasaa

Keessumaa bara 1974 yeroo itti mootummaa Hayilasillaasee irratti warraaqsi cimuu eegalee kaasee barattoonni Oromoo quuqama qaban mooraa yuunivarsiitifi magaala Finfinnee bakkeewwan garaa garaatti mandheelee qo'annoo siyaasaa- bakka itti dargaggootaf hubannoo siyaasaa kennan, dhoksaan ijaarun barsiisaa turan.

Mandheeleen qo'annoo siyaasaa Askoo, Cawu Barandaa, Mayicoo Xoor Safarii fa'aatti ijaaraman beekamoo turan.

Dargaggoonni heddus bakkeewwan kanneenitti waa'ee qabsoo Oromoo barataniiru; siyaasni Itoophiyaafi kan addunyaa maal akka fakkaatu barachuun beekumsa hidhataniiru.

Kanneen keessaa Badhoo Dachaasaa maandhee qo'annoo Askoo mana obboleessa Jeneraal Damisoo Bultoo kan ta'e Kibabawu Bultootti argamutti namoota biroo waliin ta'uun dargaggoota Oromoo naannoo sana jiraniifi bakka biraatii dhufaniif hubannoo siyaasaa laachaa turan.

Mandheelee qo'annoo siyaasaa kanneen adda dureen hundeessafi qindeessaa kan ture Obbo Dheeressaa Qixxee ta'us Badhoo Dachaasaa Oromoota naannoo Finfinnee jiran caalmatti waan beekuf hirmaannaa guddaa gochaa ture.

Obbo Dheeressaa Qixxee akka jedhanitti, Finfinnee keessatti dhoksaan bakka qo'annoo siyaasaa akka banamuufi kallattii kaa'uu keessatti Baaroo Tumsaa gahee guddaa qaba.

Bakki qo'annoo siyaasaa Askoo, mana Obbo Kibabawu Bultootti gaggeeffamu Oromoota naannoo Finfinnee heddu kan hirmaachiseefi dammaqina guddaa uume ta'uu himan Obbo Dheeressaan.

Badhoo Dachaasafi obboleessi Jeneraal Damisee Bultoo, Biraanuu Bultoo, namoota heddu Gullalleefi Buraayurraa waan beekaniif icciitidhaan iddoo wal-argee mijessun namoota barsiisaa akka turan kaasu.

"Badhoo Dachaasaa waliin taanee mandheelee haala siyaasa biyyichaafi addunyaa qoratan garaa garaa ijaarre," jechuun keessumaa Badhoo Dachaasafi Biraanuu Bultoo Ejersaa Askootti icciitin iddoo qo'annaa mijeessun namoota barsiisaa akka turan himu Obbo Dheeressaan.

Namoonni akka Badhoo Dachaasaa fa'aa Finfinneetti dhiyoo waan ta'aniif rakkoo jireenyaa qabaachuu baatanis barattoonni qo'annoo siyaasaa gaggeessaniifi barsiisan kaan bakka mooraa yuunivarsiitii fa'aarraa waan geejjibaa waan hin qabneef miillan Askoofi Siddist Kiiloo gidduu deddeebi'anii barsiisaa akka turan himu.

Namoota kanneen keessaa Tasfaayee Gammachuu namni jedhamu yeroo hunda "hamma kopheensaa irratti foolii godhatutti" miilan deemee waraqaa qorannoo mandheelee qo'annoof geessaa akka ture kaasu Obbo Dheeressaan.

"Geejjibniifi haalli jireenyaa yeroo sana heddu rakkisaadha. Hundi keenya fedhii keenyan kutannoon hojjataa turre. Akka fakkeenyatti Tasfayee Gammachuu jireenya gadadoo keessa jiraataa ture.''

"Garuu torbanitti si'a lamaa sadi miilan gara Askoo deemee mandhee qo'annoo siyaasaa dargaggoota Oromoo gargaaraa ture," jechuun heddu akka itti dhama'aa ture barreessan Obbo Dheeressaan kitaaba seenaa jireenyasaanii keessatti.

Badhoo Dachaasaa qofa osoo hin taane Obbolaan Badhoo: Daadhi Dachaasaafi Biraanuu Dachaasaa fa'aas qabsoo Oromoo keessatti gahee bahataa akka turaniifi maatii quuqama jabaa qaban akka ta'an kaasu namni maatii kana sirriitti beekan Obbo Dheeressaan.

''Baaroo Tumsaa gaafa Badhoo Dachaasaa argee quuqamasaa hubatu baay'ee itti gammade''

Badhoo Dachaasaafi Obbo Dheeressaan erga hiriyaa ta'anii bubbulaniiru.

Obbo Dheeressaan Badhoo dursee namoota qabsoo Oromoo keessatti qooda olanaa qabaniifi keessumaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gadi dhaabuu keessatti qooda qaban kanneen akka Baaroo Tumsaa fa'aa wajjjn erga wal-baranii bubbulaniiru.

Badhoon waa'ee Baaroo Tumsaa maqaan malee qaaman argee hin beeku ture.

Badhoofi Baaron kan walbaratan osoo Badhoon duula Idget Behibret, kan Dargiin barattoonni Yuunivarsiitii hawaasa keessa bobba'anii yeroo murtaa'ef hojii hubannoo akka uumaniif labsii baaserra osoo jiruuti.

Kan isaan lamaan wal-barsiise ammoo Obbo Dheeressaa Qixxeeti.

"Osoo ABOn bara 1976 filannoo gaggeessee [ifatti hin hundaa'in] dura Biraanuu Bultoo, Obboleessa Jeneraal Damisee, soddaa Baaroo Tumsaa wajjin beellamneetuma deemne.

''Baaroofi hundumti keenya ijoollee giddu galeessaa kana barbaanna. Xiyyeeffannoon keenya Oromoo naannawa Finfinnee dammaqsuu ture," jechuun Oromoo naannoo Finfinnee dammaqsuun dirqama akka ture Baaron yaada kaasaa turuu dubbatu.

Giddu galeessarraa nama akka Badhoo Dachaasaa dammaqiinsa guddaa qabu gaafa argu Baaron baay'ee akka gammade ibsu qondaalli duraanii ABO Obbo Dheeressaa Qixxee.

"Baaron naannoo Kazaanchisii ol mana kireeffatee jiraata ture. Manasaatti geessinee [Badhoo] wajjin wal-barsiifne. Sana booda wal-arganii wajjin haasa'anii Baaron baay'ee itti gammade.

"Badhoon yaada tokko kaasee namaan falmuu jaalata. Wayi si gaafatee si tuttuqee hubannaa kee ilaala. Duraanis Baarotti waa'ensaa himamee quba qaba ture, gaafa wajjin dubbatee argu baay'ee itti gammade," jechu Badhoofi Baaron akkamitti akka wal-baran yoo ibsan.

Badhoo Dachaasaa qabsaa'ota akka Baaroo Tumsaa wajjin wal-baruunsaa caalmatti hubannoo gaarii akka argatu isa taasise.

Hirmaannan inni qabsoo keessatti qabus hanga Kora ABO jalqabaa keessatti hirmaachutti isa geessise.

Obbo Dheeressaan akka jedhanitti namoota giddu galeessa Oromiyaarraa kora ABO jalqabaarratti hirmaatan keessaa tokko Badhoo Dachaasaati.

"Giddu galeessarraa namni dammaqiinsa gaarii qabu waan baay'ee barbaadamuuf Badhoo Dachaasaa kora ABO jalqabaarratti akka argamu godhame. Korri sun naannoo Hospitaala Minilik mana Obbo Damisee Dhaabaa, dhalataa Walisoo kan ta'aniifi qabsaa'aa cimaa ta'anitti, gaggeeffame.

"Mana sana duraan Luba Guuddinaa Tumsaatu keessa jiraata ture. Booda Obbo Damisee Dhaabaa akka itti galu godhan. Korri sun manasanatti akka qindaa'u kan haala mijeesse Baaroo Tumsaati," jechuun Badhoon kora sanarratti Oromoota jajjaboo ta'aniin wal-baruusaatti akka gammade himu.

Waraqaa ABO 'Warraaqaa' jedhamu qopheessuu keessatti gahee Badhoo Dachaasaa

Mootummaan Dargii akkuma aangotti dhufeen sochii barattootaa, keessumaa kan Oromoo, mooraa Yuunivarsiitifi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti gaggeeffamu waan itti hin gammanneef yeroo murtaa'ef baruumsa addaan kutanii kutaalee biyyattii garaa garaatti maqaa "Indgat Behibret" jedhu itti baasee akka duulanif labsii baase.

Akkaataa labsii kanaan barataan yeroo tajaajila isaa hin xumurre, carraawwan akka barnoota xumuruu, hojiitti bobba'uufi barnootas ta'ee dhimma kamiifuu biyyaa bahuu akka hin dandeenye dhorkaa kaa'e.

Yeroo sana baratoonni Oromoo dhoksaan mooraa yuunivarsiitifi yuunivarsiitin alatti magaala Finfinnee fa'aa keessatti mandheewwan qo'annoo siyaasaa qindeessaa turan hedduunsaanii dirqama mootummaan itti kennetti duulan.

Isaan keessaa tokko Badhoo Dachaasaa yoo ta'u, dhiyeenya magaala Finfinnee kan taate Muloofi naannoo Sulultaatti bobba'ee akka hojjatu ramadame.

Namoonni akka Obbo Daawud Ibsaa, Dheeressaa Qixxee, Abboomaa Mitikkuu fa'aa bakka itti bobba'anii turan naannoo Tigraayifi naannoo Amaaraa irraa addaan kutanii hojii qabsoo magaala keessatti hojjachuuf gara Finfinneetti deebi'an.

Yeroo Obbo Dheeressaan fa'aa gara Finfinneetti deebi'an Badhoon naannawa Finfinneetti duula Inget Behibret irratti hirmaataa, garuu Obbo Dheeressaa fa'aa wajjin guyyaa sambataa fa'aa wal-arganii mariyatu turan.

Yerodhuma kana namoonni jaha Baaroo Tumsaa fa'aa dhoksaan gara Somaaliyaatti hojii qabsoof haala mijeessuf ergaman mootummaa Somaaliyaatin hidhamanii rakkoo keessa galanii turan.

"Nuti nama 12 taanee isaan duukadhaan Somaaliyaa deemuf turre, ijoollen achi deeman rakkoo keessa galaniiru isin asuma turaatii waraqaa Warraaqaa irratti hojjadhaa nuun jedhe Baaroo Tumsaa," jedhu Obbo Dheeressaan.

Deemsi gara Somaaliyaa erga hafee booda, Finfinnee keessa taa'anii barruu waa'ee qabsoo Oromoo hubannoo uumu akka barreessaniif murtaa'e.

Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, hanga bara 1975tti waraqaan hubannoo qabsoo Oromoo uumu akka hin turreefi barruuwwan MIESON fa'aa barreessan qilleensa dhuunfatee ture.

Kanarraa ka'uun maqaa "Warraaqa" jedhuun barruun wa'ee qabsoo Oromoo hubannoo uumu qophaa'ee akka raabsamu hojiin Finfinneetti eegalame.

Barruu kana qopheessuu kan eegalan namoota jaha: Badhoo Dachaasaa, Mitikkuu Tarfaasaa, Dheeressaa Qixxee, Firewu (Daawud) Ibsaa, Abeel Mitikkuu (obboleessa Abboomaa Mitikkuu)fi Dambii Disaasaa turan.

Mitikkuu Tarfaasafi Dambii Disaasaa ABO keessaa bahanii boodarra MIESONitti dabalamnaan, Badhoo Dachaasaa dabalatee namoonni afur qofti itti hafuun waraqaa Warraaqaa maxxansuun Asmaraa dabalatee kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti raabsuu eegalan.

Haa ta'u garuu hordoffiin Dargii itti hammaannan namoonni kun Finfinnee keessaa bahanii bakka garaa garaatti bittimsaman.

Badhoon akkuma hojii Indget Behibret fixeen yuunivarsiititti deebi'ee barachuu dhiisee Godiina Iluu Abbaa Booratti barsiisummaan ramadamee deeme.

Obbo Daawud Ibsaafi Obbo Dheeressaa Qixxee fa'aa hojii gara Naqamtee deemanii akka barsiisanii dhoksaan ammoo hojii dhaaba ABO akka hojjataniif Baaroo Tumsaa fa'aa bulchaa Wallaggaa yeroo sanaa Obbo Abbiyyuu Galataa fa'aa waliin dubbachuun haala mijeessan.

Badhoo Dachaasaa maal ta'ee Baaroo Tumsaa ajjeese?

Namoonni akka Badhoo Dachaasaa, Daawud Ibsaafi Dheeressaa Qixxee fa'aa magaala keessa taa'un hojii siyaasaa dhoksaan hojjataa turan jireenyasaanif Dargiirraa yaaddon waan isaan mudateef bakka garaa garaatti faca'an.

Badhoonis bara 1977 duula Dargiin labse xumuratee hojii argatee Iluu Abbaa Booraa deeme. Baay'ee osoo hin turin qabsoo hidhannootti makamuu akka qabu murteesse.

Giddu galeessa Oromiyaa irraa nama barateefi dursee qabsoo hidhannoo ABOn gaggeessaa turetti nama makameedhas jedhama.

Obbo Dheeressaan akka jedhanitti namni Baaroo Tumsaafi Magarsaa Barii fa'aa dursee dirree qabsoo Baha Oromiyaatti makame Badhoo Dhachaasaadha.

Badhoon dirree qabsootti makamuu akka barbaadufi Finfinneetti wal-arguu akka qaban Obbo Dheeressatti himee Finfinneetti guyyaa kudhaniif waliin turanii Obbo Dheeressaan "milkaa'i mirgaan gali" jedhanii nagaa itti dhaamanii gara Naqamteetti deebi'an.

Baaroo fa'aanis Finfinnee keessa taa'anii qabsaa'un akka hin danda'amne yeroo hubatan isaanis dirree qabsootti makaman.

Haa ta'u, garuu Baaroo Tumsaafi Badhoo Dachaasaa dirree qabsoo keessa umurii dheeraa jiraachuf carraa hin arganne.

Waa'en akkaataa du'a Baaroo Tumsaa waggoota dheeraf icciitii ta'ee ture. Yaadonni garaa garaas kennamaa turan.

Waggootan dura Obbo Leencoo Lataa turtii BBC waliin taasisaniin waa'ee du'asaa "hanga Maatin naaf hayyamanitti hin dubbadhu" jedhanii turan.

Haa ta'u garuu yeroo dhiyoo turtii miidiyaa biyya keessaa wajjin taasisaniin Badhoo Dachaasaa "sammuu dhukkubsata waan tureef Baarotti dhukaasee ajjeese" jechuun dubbatanii ture.

Obbo Dheeressaa Qixxees namoota qaaman yeroo sana achi turan irraa mirkaneeffachuu ibsuun Badhoon itti dhukaasee Baaroo akka ajjeese BBCtti himan.

Badhoon erga dirree qabsootti dabalamee booda sammuu dhukkubsachuu akka eegale kan himan Obbo Dheeressaan gara biyya bakkeettillee deemee akka yaalamuuf yaalamee haalli mijachuu akka dide dubbatu.

"Nyaatallee hin nyaatu ture, horiin tokko qalameefii haa nyaatu kan jedhu Mul'is fa'a, Baaroo fa'aan jedhanii Abbaa Calaa ammoo akka waliin nyaatu kan jedhu [murteessan]," jedhu.

Sababa 'mataan dhukkubsateef' hidhannoon [Badhoorraa] akka hiikamu yaadi kaanan, Baaron waan baay'ee jaalatuuf inumaayyuu caalatti akka hin miidhamneef dhorkaa akka tures kaasu.

"Yoo irraa hiiktan hiika biraa waan qabaatuf caalaa mataansaa akka dhukubu gootu irraa hin hiikinaa kan jedhe isa [Baarodha] akkan dhagahetti.

Guyyaa Badhoo Dachaas Baarotti dhukaasee ofittis dhukaasee lamaansaanii du'an sana, qondaalonni ABO olaanon walgahiirra akka turan dubbatu Obbo Dheeressaan.

"Leencon kaleessumtii galee [bakka biraatii waamamee] walgahiirra turanii bahanii osoo gaaddisa taa'anii Badhoon kilaashii harkaa qabutti [rasaasa] osoo nyaachifatuu argee Baaron hubatee, dhaabi! dhaabi! maal gochaa jirta? gaafa jedhuun [itti dhukaasee] Baaroo mundhii gadi rukute.

"Erga Baaroo rukutee booda ofis rukute," jechuun Baaroo dursee Badhoon akka du'eefi Baaron osoo mana yaalaa geessuf jedhanii dhiigni gar-malee dhangala'ee akka du'e namoota achi turanirraa akka odeeffatan himu Obbo Dheeressaan.

Baaron mundhii gadi waan rukutameef osuma dhiigni dhangala'uu garuu haasa'aa akka tureefi qabsoon akka itti fufuu qabu osoo gorsa dhaamuu akka lubbuun keessaa baate himu.

"Lamaansaanituu halkanuma sana boolla tokkotti awwaalaman. Waliin awwaalamuusaanii sana akka gaarummaattan fudhadha ani. Ani osoon achi jiraadhee nan maraadhan ture; sababni isaa jara kana lamaanif [Badhoofi Baaroo] kabajaafi jaalala guddaan qabaaf," jechuun lamaansaanituu akka gaaritti akka beekaniifi lamaanuu qabsoo Oromoof jedhanii akka wareegamanitti akka fudhatan kaasu Obbo Dheeressaan.

Obbo Dheeressaan kitaaba seenaa jireenyaasaanii keessatti kitaaba Obbo Abbaa Caalaa Lataa barreessan "Jireenyafi Qabsoo ABO" jedhu waabeffachuun akka barreessanitti Baaroo Tumsaafi Badhoo Dachaasaa Ebla 29, 1978tti du'anii bakka Maayyaa Qalloo jedhamutti boolla tokkotti awwaalaman.

Du'a Baaroofi Badhoo Dachaasaf sababni sammuu dhukkubsachuu Badhoo Dachaasaa akka ta'es BBCtti himan.