Koloneel Takkaa Tulluu: Itti gaafatamaa Tika Dargii ABO waliin hojjataa ture

Madda suuraa, Negesh Qement
Kufaatii mootummaa Dargiif wantoota sababa ta’an keessaa tokko Dargiin keessoosaa qulqulleessuu dadhabuu akka ta’etu himama. Dargiin bara biyya bulche harka guddeessa waraanarratti kan dabarse ta’uunsaa yeroo argatee keessoosaa sirreessuu hin dandeenyes ni jedhama.
Ilaalchi siyaasaa Gamtaa Sooviyeetii Dargiin itti bulaa ture addunyaarratti fudhatamni qabu kufaa deemuu wajjin wal-qabatee Dargiin ilaalchasaa jijjiiruu dhabuunis balaaf isa saaxileera.
Jeneraalota waraanaa qaroo ta’an 60 si’a tokkotti jumlaan ajjeessisuu, Mangistuu Hayilamaariyam aangoo hunda dhuunfachuun gorsa dhagahuu diduu, “Qayyi Shibbiriin” dhiiga dargaggeessa kumaatamaa dhangalaase labsamuun fa’aan kufaatii Dargiif sababoota ijoo biraati.
Dargiin weerara Somaaliyaan bara bulchiinsa Ziyaad Baarree Itoophiyaarratti gaggeessite qolachuuf waraana gaggeessiteen alatti waggoota dheeraf humnoota hidhatanii biyya keessa soho’aa turan kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF), fi Shaabiyaa fa’aa wajjin lola waggoota dheeraa gaggeessaa ture.
Humnoonni hidhatan kunneen keessoo Dargiitti namoota isaanif hojjataniifi addumatti odeeffannoo tikaa kennaniif ijaarrataniiru. Addi Bilisummaa Oromoos Dargii keessaa namoota aangoo guddaa qaban kanneen akka Koloneel Takkaa Tulluu wajjan hojjataa turuusaa namoonni itti dhiyeenya beekan ni dubbatu.
Koloneel Takkaa Tulluu IttI Gaafatamaa Tika mootummaa Dargii ture. Mangistuu Hayilamaariyaam hanga gaafa irratti baruutti nama garaa koo jedhee amanatee itti gaafatamaa tikaa gochuun nama muuddatedha.
Koloneel Takkaa Tulluu akkamiin ABO waliin hojjachuu danda’e? Eenyu fa’aa waliin wal-arga? Miseensonni ABO Finfinnee keessafi yeroo biyyaa bahan akkamitti gargaaraa akka ture iyyaafannee gabaasa kana qindeessineerra.
'Gaazexaan Bariisaa akka eegaluuf Takkaa Tulluutu nuuf hayyame'
Qondaala duraanii ABO kan ta’an Obbo Leencoo Lataa namoota muraasa itti gaafatamaa tika Dargii Koloneel Takkaa beekan keeessaa tokkoodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wal-baruunsaanis hundeeffamuu gaazexaa Barsiisaan wajjin akka wal-qabatu dubbatu Obbo Leencon turtii BBC walin taasisaniin.
‘’Gaazexaa Bariisaa gadi dhaaburratti hayyama isaa [Koloneel Takkaa Tulluu] argachuutu nurra ture,” jechuun mana jireenyaa Takkaa akka deeman himu Obbo Leencon.
Dhaabni ABO yeroo hundeeffamu namoota gara garaaf itti gaafatamni kenname. Kaan dhimma siyaasaa, kaan hariiroo alaa tolchuu fa’aarratti yoo ramadaman Obbo Leencon dhimma hawaasummaarratti akka hojjataniif itti gaafatamummaan itti kenname.
Karaa ittiin hawaasa wajjin walitti dhufeenya uumaniifi hawaasa Oromoo keessatti dammaqinni uumamurratti hojjachuu jechuudha. Kana galmaan gahuuf ammoo gaazexaa qabaachun dirqama akka ta’e murtaa’e. Gaazexaan Bariisaa icciitin kaayyoo ABO galmaan gahuuf akka hundaa’u godhame.
Dargiin aangotti dhufee sagantaa beeksise keessaa tokko Sagantaa Warraaqsa Dimkiraasii Haaraa (Addisuu Dimkiraasiyaawwii Abiyoot Pirogiraam) jedhu ifa godhee ture waan ta’eef kana akka carraatti fayyadamuun gaazexaan kun yoo hayyamame sagantaa Dargii kanas akka beeksisan fakkeessun hayyama argachuuf yaadan. Icciitin dhoksaan garuu karaa ittiin hawaasatti dhiyaatan haala mijeeffachuudha.
Gaaxexaan isaan hundeessuf jedhan sagantaa Dargii kana akka deeggaru itti himnaan Koloneel Takkaa Tulluu akka hayyameef kaasu Obbo Leencon.
Yeroo baay’ee osoo hin turin gaazexaan Bariisaa akka cufamu godhame. Gaazexichi maalif akka cufame hawaasa biraa gaaffiin hammaannan ‘’karaa Koloneel Takkaa Tulluu wamichi nuu godhamee gaazexaan Bariisaa deebi’ee hojii egale” jedhu Obbo Leencon.
'Qondaalonni ABOfi Mangistuu Hayilamaariyam akka wal-argan kan godhe Takkaa Tulluuti'
Dhaabni ABO erga hundaa'ee biyyoota qabsoosaa deeggaran barbaacha kan ija irra godhate keessaa tokko Somaaliyaa ture. Itoophiyaafi Somaaliyaan walitti dhufeenya gaarii hin qaban turan waan ta'eef carraa kanatti fayyadamuun 'Somaaliyaan Dargii wajjin waan walii hin galleef qabsoo Oromoo deeggaruu dandeessi' yaada jedhu qabachuun dhoksaan namoonni jaha Somaaliyaatti ergaman.
Namoota kana dhoksaan koodii "M-6" jedhuun qindeessee adda dureen kan erge Baaroo Tumsaa akka ta'etu himama. Kana milkeessuu keessatti gaheen Koloneel Takkaa Tulluus salphaa hin turre jedhama.
Obbo Dheeressaa Qixxee qondaala duraanii ABOti. Qabsoo hidhannoo ABOn gaggeessuf deeggarsa Somaaliyaa gaafachuuf namoota jaha ergamaniifi yeroo achii deebi'anis akka isaanirratti baramee hin hidhamne gochuu keessatti qindoominni Baaroo Tumsaafi Koloneel Takkaa Tulluu cimaa akka ture BBCtti himan.
"Bara 1975 yeroo Baarooniifi jaallansaa warri akka Magarsaa Bariifi Leencoo fa'aan walitti qindeessanii namoota jaha [Somaaliyaatti] ergan [Takkaa Tulluu] qooda guddaa qaba," jedhu.
Namoonni Somaaliyaatti ergaman sun erga achi gahanii booda hidhaafi dararaan irra gahee gara biyyaatti deebi'an. Yeroo achii as deebi'an rakkinni akka isaan hin mudanneef shoorri inni [Takkaa Tulluu] tapahate salphaa hin turre," jechuun deeggarsa dhoksaan taasisaa ture himu.
Obbo Leencoon waan yeroo sana mudate itti dhiyeenyan beeku. Akka isaan jedhanitti, miseensonni ABO namni jaha filamanii dhoksaan Somaaliyaatti ergamuunsaanii Itoophiyaafi Somaaliyaan walii hin galan waan ta'eef carraa kanatti fayyadamuuf ture.
"Jara keenya nama jahatu Somaaliyaatti ergaman. Somaaliyaa irraa Yaman dhaqan; Yaman irraa Somaaliyaatti deebifaman. Yeroo achi jiran kana hunda Somaaliyaan farra Oromoo ta'uushee hubataniiru. [Achii] yeroo biyyatti deebi'an Takkaatti geessine," jechuun namoonni deeman dararaan irra gahuu hubatanii akka deebi'an himu.
Namoonni jahaan dhoksaan Somaaliyaatti ergaman: Abboomaa Mitikkuu, Gadaa Gammadaa, Muhee Abdoo, Ibraahim Kaliin (Boruu Bariisoo), Zakkaariyaa Hasaniifi Usmaanidha.
Itoophiyaafi Somaaliyaan waraanatti seenunsaanii akka hin oolle ABOn dursee hubateera. Kana keessa fayyadamuuf michummaa Somaaliyaa barbaacha namoota ergus farrummaa mootummaa Ziyaad Baarree bareechanii hubatan.
"Somaaliyaan mootummaa Itoophiyaa kana loluunshee hin oolu kan jedhurraa kaanee, erga mootummaa wajjin wal-dhabdee nuuf fira taati kan jedhu yaada qabna turre.
"[Garuu] diina akka isheen taate booda haala [adeemsa] keessa agarre," jechuun namoonni sun gara biyyattii akka deebi'an himu Obbo Leencon.
Garuummoo harka duwwaa hin deebine, odeeffannoo tikaa gurra guuttatanii deebi'an. "Diinni diina kootii fira kooti" akka jedhan sana qophii waraanaa Somaaliyaan taasisaa jirtu Dargiif fidanii dhufan.

Madda suuraa, Negesh Qement
Kuni ammoo Mangistuu Hayilamaariyam wajjin akka wal-arganiif carraa isaaniif bane. Qondaalota ABO Somaaliyaa deebi'aniifi Mangistuu kan walitti fide ammoo Itti Gaafatamaa Tika Itoophiyaa kan ture Koloneel Takkaa Tulluu akka ta'e dubbatu Obbo Leencon.
"Erga biyyatti deebi'anii Takkaatti geessine. Takkaan ammoo Mangistuutti isaan geesse. Mangistuu wajjin wal-dubbisanii qophii Somaalonni itti jiranis hubachiisanii dhiibbaa Somaaliyaa irraa dhufuuf deemu akka gaaritti ibsanii, akka kanatti qophii [waraanaa] mootummaan Itoophiyaa gochaa turetti gumaachani," jedhu.
Koloneel Takkaa Tulluu itti gaafatamaa tika biyyaalessaa ta'ee akkamitti isin waliin hojjataa ture jennee Obbo Leencoo gaafannaan, caalmatti walitti dhufeenyi isaa Baaroo Tumsaa wajjin akka ta'e kaasu.
Haa ta'u garuu yeroo yeroo gaazexaa Bariisaa hayyamsiisuf deddeebi'anis ta'ee yeroo dhimma biraaf deeman Koloneel Takkaa Tulluu mana jireenyaasaa deemanii haasofsiisaa akka turan himu Obbo Leencon.
"Waanti hundi icciitii waan ta'eef odeeffannoo bal'aa hin beeknu turre. Takkaa biiroo isaa hin dhaqne, manasaatti dhaqna ture. Mannisaa karaa Gullallee kana; galgala dhaqneee manatti haasofsiifna," jedhu.
Koloneel Takkaan itti gaafatamaa tika Itoophiyaa ta'ee osoo jiruu biiroo dhiisee manatti isin simachuunsaa maalifi jennee Obbo Leencoo gaafannaan, quuqama qabsoo Oromoof qaburraa ka'ee akka ta'e ibsu.
'Koloneel Takkaan durii kaasee nama quuqama qabu ture'
Qondaala duraanii ABO kan turan Obbo Dheeressaa Qixxee namoota muraasa gumaacha Koloneel Takkaa Tulluu qabsoo Oromoo keessatti dhoksaan gumaache beekan keessaa tokkoodha.
Koloneel Takkaa dhaloonnisaa Finfinnee naannoo Gullallee akka ta'eefi bara mootummaa Hayilasillaasee kaasee loltuu ta'ee tajaajilaa akka tureefi bara Hayilasillaasetuu Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti hirmaataa akka ture himu Obbo Dheeressaan.
"Takkaan dhalootan warra Gullalleeti. Nama dammaqaa ture," jechuun bara Hayilasillaasee paarlaamaadhaafuu dorgomee akka ture himu.
"Paarlaamaa dorgomee akka dhabe quba nan qaba; miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaas akka ture himama," jechuun durii quuqama akka qaba ture himu.
Akka Obbo Dheeressaan jedhanitti Takkaa Tulluu maatii Jeneraal Damisee Bultoo fa'aa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu.
Maatin Jeneraal Damisee Bultoofi qabsoon Oromoo hidhata cimaa qabu. Jeneraal Damisee Bultoo fonqolcha Dargiirratti yaalamee fashaleen Ertiraatti ajjeefaman. Obboleettii Jeneraal Damisee Bultoo kan ta'an Adde Warqee Bultoo Ejersaa haadha warraa Baaroo Tumsaati. Baaroo Tumsaa ammoo namoota qabsoo Oromoo miillan gadi dhaaban keessaa tokkoodha.
Osoo Baaron jiraachuu baatee 'dhaabni ABO jedhamuyyuu hin jiraatu ture' jedhu Obbo Dheereessaa Qixxee.
Koloneel Takkaafi Jeneraal Damisee Bultoo lamaanuu qondaalota olaanoo Dargii waan turaniif bareechanii wal-beeku. Gama biraan ammoo Koloneel Takkaan Baaroo Tumsaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu.

Madda suuraa, Negesh Qement
Keessumaa Koloneel Takkaan durii kaasee obboleessa Jeneraal Damisee Bultoo kan ta'e Kabbabawu Bultoo wajjin sirriitti akka walitti dhufaniifi qabsaa'onni heddu dhoksaan mana Kabbabawutti akka wal-arganii mari'taa turanis yaadatu Obbo Dheeressaan.
"Takkaan obboleessa Jeneraal Damisoo Bultoo kan ta'e Kabbabawu Bultoo Ejersaa waliin hiriyaadha, ollaa walii jiraatus. Mannisaanii lachuu naannoo Askooti" jechuun manni Takkaa Tulluufi obboleessa Jeneraal Damisee Bultoo walitti dhiyoo akka ta'e kaasu.
Takkaafi qabsaa'onni biroo Askootti mana Kabbabawu Bultootti akka wal-gahaniifi kanarraa kan ka'e obboleessi Jeneraal Damisee Bultoo, Kabbabawu, ji'a tokkoof Ma'ikalaawwitti hidhamee akka tureefi booda obboleessumtisaa Jeneraal Damiseen akka gadi lakkisiise yaadatu Obbo Dheeressaan.
"Inni [Kabbabawu Bultoo] nama Ameerikaatti baratee ture waan ta'eef industirii tokko itti gaafatamaa ta'ee gaggeessaa ture. Mana jireenyaa bal'aa qaba waan ta'eef [qabsaa'onni] achitti wal-gahanii mariyatu. Nuyis booda Badhoo Dachaas faana ijoollee achumatti ijaaraa turre."
'Baaroo Tumsaa mootummaa Dargii keessatti namoota hedduu ijaare'
Baaroon ABO hundeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu qofa osoo hin taane, mootummaa Dargiis haa ta'u osoo Dargiin hin ijaaramin iyyuu namoota heddu wajjin wal-beekurraa kan ka'e namoota dhuunfaa fi gareen ijaaraa akka turetu himama.
Namoota Oromoo ta'an qofa osoo hin taane qabsaa'ota Ertiraa fa'aa wajjin dubbachuun fayidaan Oromoo gara fuulduraatti akkamitti akka eegamurratti wajjin dubbachaa akka ture kaasu Obbo Dheeressaa Qixxee.
"Obbo Baaroon Faarmasii erga baratee booda seera barate. Yeroo inni seera baratu anuu qaqqabeera. Yeroo seera baratu loltoonni humna waraanaa heddu waliin baratan. Inni isaan wajjin waanuma polotikaa [siyaasaa] kana dubbata. Kanuma qabsaa'ota Ertiraa fakkeessee fa'aa waan Oromoo kana gara fuulduraatti deemsisuuf hojjata," jechuun namoota heddu mootummaa keessatti akka ijaare kaasu.
"Keessumaa Takkaa [Tulluu], Damisee, Nugusee Nagaasaa fa'aa wajjin qunnamee waa'ee Oromoo [namoota] hubachiise Baarodha.
"Bara aangoo qabdan kana hojjadhaa, uummanni keenya lafa hin qabu jechuun mirga Oromoof akka isaan dammaqan gochaa ture," jechuun namoota mootummaadhuma Dargii keessa taa'anii akka hojjatan gochaa turuusaa akka beekan himu Obbo Dheeressaan.
Keessumaa itti gaafatamaa tika biyyaa kan ture Konoleel Takkaa Tulluu wajjin hidhati Baaron qabu ABOn akka garaasaa Finfinneefi baadiyyaa Oromiyaa keessatti akka wal-horu carraa guddaa uumeef.
Kana Obbo Leencoo Lataa, "mootummaadhuma keessa teenyee mootummaarratti hojjataa turre" jechuun ibsu.
Osoo irratti baramee gara dirreetti hin bahin dura hojjataa motummaa Dargii ta'uu kan himan Obbo Leencon, "hojii hin qabnu waan ta'eef biiroo keessa teenyee bilbiluma mootummaatin mootummaarratti hojjataa turre. Waraqaa garaa garaa fa'aa qopheessinee maxxansiisaa turre," jechuun Dargii keessa taa'anii seelii ABO ijaaraafi gargaaraa turuu himu.
Koloneel Takkaan qabsaa'ota mana hidhaatii baasuunsaa itti gaafatamummaa tika biyyaarraa akka ka'u godhe
Koloneel Takkaan qabsaa'onni Finfinnee keessatti yeroo seelii ijaaran, dirreetti waraana gurmeessan argee akka nama hin agarree bira darbuu qofa osoo hin taane, akka balaan isaanirra hin buuneef 'asiin bahaa, asiin galaa' jechuun golgaa kennaafii ture.
Kuni ammoo Mangistuu Hayilamaariyam biratti ija shakkiin akka ilaalamu isa taasise. Keessumaa qabsaa'onni hidhaman yeroo gabaabatti mana hidhaatii hiikamuufi Finfinnee keessaa bahanii bosona yeroo galan Dargiin akka ilkaan itti ciniinnatu taasise.
Kana ammoo taatee bara 1975 mudate akka fakkeenyatti kaasuun ibsu Obbo Dheeressaan. Namoota Baaroo Tumsaa Takkaa fa'aa wajjin haala mijeessun gara Somaaliyaatti erganii turan keessaa erga deeb'anii booda Abbomaa Mitikkuu nama qondaala Dargii tokko ajjeesee mana hidhaatii baafamuu isaati.
Halkan tokko Abboomaan konkolaataa oofee Kazaanchisii ka'ee gara mana abbaasaa Kiiloo jaha Imabsii Masirii cinaatti argamuutti osoo galaa jiruu qondaalli nageenyaa Dargii tokko isa ajjeesuuf isa hordofe.
"Osoo inni konkolaataa oofee galgala gara manaa galuu namni Dargii ajajaa shantamaa ofiin jedhu tokko mooraa Dargii keessaa itti bahee hordofee ajjeesuu barbaade.
Osuma dheesuu mana warraa gahee biraa hafuu didee konkolaataa keessaa bu'ee harka kennadhu gaafa jedhuun Abbooman shugguxii baasee bitaadhan dhukaasee ajjeese," jechuun erga ajjeessee booda manni murtii Abboomatti hidhaa waggaa tokkoo qofa murteesse.
Haa ta'u garuu Abbooman ji'a afur qofa hidhamee tattaaffii Takkaa Tulluufi Baaroon taasisaniin mana hidhaatii bahee qabsoo hidhannootti dabalame.
Taateen biraa ammoo ABO jalatti gurmaa'inni "Warraaqaa" jedhamu dargaggoota Oromoo dammaqsuuf hundaa'e waraqaan isaan maxxansan tika Dargiin qabamuusaat.
"[Warraaqa] kan jedhamu kan ijoollee Oromoo dammaqsu ijaarre. Nama jaha taanee jalqabne, namni lama nurraa citani: Dambii Disaasafi Mitikkuu Tarfaasaa MIESSON nurkaa taanan, Abeel Mitikkuu obboleessa Abboomaa [Mitikkuu], ana [Dheeressaa Qixxee], Daawud Ibsaafi Badhoo Dachaasaa afur taanee itti hafne," jechuun waraqaa "Warraaqsa" jedhu maxxansuun buufata xayyaarafi bakkeewwan garaa garaa iddoo garaa garaatti dhoksaan ergaa akka turan himu.
"Waraqaan kun har'uma maxxanfamee buufata xayyaaraa Godee, Asmaraa fa'aa gaha, buufata xayyaaraa keessaa nama qabna waan ta'eef," jechuun hanga barruun "Bakkalcha" jedhu dhufutti waraqaa "Warraaqa" jedhuun hojii dammaqinaa guddaa akka hojjatan himu.
Waraqaan kun maxxanfamee kan kaa'amu ammoo mana jireenyaa maatii Abboomaa Mitikkuu kan ta'an, Obbo Mitikkuu Waaqaati. Waraqaan dhoksaan ABOn maxxansiisee raabsu guyyaa tokko harka tika Dargii gale. Waraqicha manaa fuudhee kan bahe ijoollee xixiqqoo kan ta'an obbolaa Abboomaa Mitikkuuti.
"Obbolaan Abboomaa Mitikkuu namni lama: Jootee Mitikkuufi Albaasaa Mitikkuu jedhaman fuudhanii Karchalleetti galchan. Waraqatichaa wajjin qaban. Ijoollee sana ni fixu jennee sodaannee turre.
"Ijoollee sana Takkaa fa'i kan baase. Duubasaa Baaroon jiraatus shoora guddaa taphatee ijoollee sana kan baase Takkaadha," jechuun dubbichi irra dibaadhumaan akka bira darbamu godhamuu himu.
Keessumaa ammoo Damisee Tacaanee ykn Gadaa Gammadaa mana hidhaatii akka bahu gochuunsaa Koloneel Takkaarratti isa dhumaa funyoo jabeesse.
"Damisee Tacaanee ykn Gadaa Gammadaa mana hidhaati kan baase Takkaa Tulluuti," jechuun sana booda Takkaanis aangorraa akka kaafame dubbatu Obbo Dheeressaan.
Takkaa Tulluufi Dabalaa Dhinsaa
Koloneel Takkaa Tulluufi Koloneel Dabalaa Dhinsaa warra hundeeffama Dargii kaasee keessa turaniifi qondaalota olaanoo turan. Lamaanuu quuqama qabaachuusaanirraa kan ka'e Dargii keessa taa'anii dhoksaan warra hojjataaniidha.
Dargiin yeroon namoota deemsa isaa mormaniifi hundeessitoota ta'an heddu sooramaafi ajjeesuun of-keessaa dhabamsiise.
Isaan keessaa Takkaa Tulluufi Dabalaa Dhinsaa warra Dargiin maqaa sooramaan ofirraa gaggeessedha.
Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, keessumaa MIESSON Dargii keessaa baheefi Baaroo Tumsaa dirreetti bahee, Mangistuu Hayilamaariyaam qophaatti hambisuuf shirri keessoo heddu akka hojjatameefi namoonni Oromoo quuqama qaban kanneen akka Takkaa Tulluufi Dabalaa Dhinsaa fa'aa sooramaan gaggeeffamuu kaasu.
Dabalaa Dhinsaa kitaaba isaa ሞቶ መኖር (Du'anii Jiraachuu) jedhu keessatti inniifi Koloneel Takkaa Tulluu shiraan guyyaa tokko soorama bahuusaanii reediyoorraa dhagahuu barreesse.












