Ta'iiwwan ijoo seenaa qabsoo ABO -WBO: Hundeeffamaa hanga marii Zaanzibaar

Alaabaa ABO Dirree Masqalaatti

Madda suuraa, Getty Images

Tibba kana dhimmi marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin gaggeeffame ajandaa ijoo uummataafi namoota siyaasaa ta'ee ture.

Dhimmi marii nagaa Mootummaa Itoophiyaafis ta'e mooraa qabsoo ABO-WBO keessatti hedduu haaraa miti.

Mariin ammoo mootummaafi WBO jidduutti taa'ame kun seenaa qabsoo ABO keessatti ta'iiwwan ijoo jedhamaniin kanneen seenaa keessatti iddoo qabatan keessaa tokko ta'uu mala.

Barreeffama kana keessatti hundeeffama isaa irraa ka'ee hanga ammaatti ta'iiwwan ijoo mooraa qabsoo ABO-WBO gaggabaabsinee ilaalla.

Dhiyaadhaa!

Haraka mallatteessaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

1976 - Hundeeffama

Addi Bilisummaa Oromoo ''saboota biroo wajjin federeeshinii, konfedereeshinii akkasumas yuuniyenii’’ ijaaruu kaayyeeffachuun bara 1976 magaalaa Finfinnee keessatti kora isaa jalqabaa ta’uun hooggantoota filatee ifatti ijaarame.

Obbo Baaroo Tumsaa, Obbo Leencoo Lataa fi Dr Diimaa Noggoo namoota sadii sagantaa dhaabichaa barreessaniidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr. Diimaa Noggoo hayyuu duree jalqabaa dhaaba haaraa kanaa ta’uun filataman.

Hooggansi ABO hunduu gara bosonaatti

Bara 1977/78 keessa Dargiin dhaabota akka Ihaappaa magaalaadhaa baasee, Ma'isooniinis bibittimsuu hordofee xiyyeeffannaan gara hundeessitoota ABO yoo ta’u, hoogganoonni dhaabichaa hunduu magaala dheessanii bosonatti galan.

Hojii sochii Waraana Bilisummaa Oromoo bosona Harargee keessatti jajjabeessuu adda durummaan kanneen eegalan Jaarraa Abbaa Gadaafi Mul’is Gadaa fa’i turan.

Bara 1978 hooggansiifi miseensonni ijoon dhaabichaa hundi gara bosonaa bobba'an, kana gidduutti kanneen hidhamaniifi ajjeefamanis turan.

Ebla 15 - Guyyaa Goototaa

Seenaa qabsoo ABO-WBO keessatti Ebli 15 yeroo hin dagatamneedha. Kanaafis bara 1984 irraa eegalee hanga ammaatti mooraa qabsoo ABO keessatti guyyaa gootota Oromoo jedhamee waggaa waggaan yaadatama.

Sababni ammoo Ebla 15 bara 1980 hooggantootni olaanoon ABO 10 ta'an, hayyuu dureefi itti aanaa isaanii dabalatee, gara Somaaliyaa osoo deemanii, bakka Shinniigaa jedhamutti haala sukanneessaan humnoota Sa’iid Baarree, pireezidantii Somaaliyaa sadaffaan ajjeefaman.

Dhumaatiin hoogganoota dhaabichaa kanneenis riifaatuu jabaa uume, hooggansa haaraa ijaaruufi dhaabicha jabeessuunis hanga bara 1988’tti yeroo dheeraa fudhate.

Bara Chaartaraa

ABO-WBO dhumaatii hooggantoota isaa booda jabaatee osoo lafa hin qabatiin, qabsoon hidhannoo Adda Bilisummaa Uummata Tigraayiifi kan Ertiraa humna jabeeffatee bara 1991’tti mootummaa Dargii kuffise.

Achiis mootummaa ce'umsaa ijaaruun dirqama ta'e. Chaartara mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa ijaaruuf qophaaye keessatti ABO akka hirmaatu dirqisiifame.

Obbo Leencoo Lataa, ABO bakka bu’uun qaama ce’umsaa ta’an, achinis wixinee chaartara ce'umsaas bocan.

Kana gidduutti TPLF fi WBO gidduutti waliigaltee dhabuun dhalate.

ABO mootummaa ce'umsaa keessaa bahe, waraanni hedduun ni booji’ame, kaan ni dhume, humni gara bahaa jiru gariin ammoo biyyaa baqate.

Kunis seenaa qabsoo dhaabichaa keessatti yeroo murteessaa ture.

Baqannaa fi qoqqoodamuu bara ce'umsaan booda

ABO mootumaa ce’umsaa keessa erga bahee hireen isaa baqannaafi bibittinnaa’uu ta’e. Waraana isaa walitti qabee wiirtuu qabsiisuunis qormaata.

Yaadni dhaabicha ilaalcha haaraan wayyeessuu obbo Leencoo Lataan dhiyeessan fudhatama dhabe.

Jalqaba hooggansa, boodas miseensummaa dhaabichaa keessaa baafaman. Wayita kanatti dhaabicha keessa hooggansi jiru bakka sadiitti walqoode.

Obbo Leencoon dhaaba haaraa Adda Dimokiraatawaa Oromoo jedhamu hundeessan. Hayyu dureen duraanii dhaabichaa Obbo Galaasaa Dilboos waahillan isaanii waliin dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Ce'umsaa ijaaran.

Waggoota dheeraa darbaniif ABO inni haadhoon hooggansi fi waraanni isaa gariin Ertiraa buufatee ture.

Achiis dhaabni haaraan B/J Kamaal Galchuun hoogganamu "Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa’’ jedhu addicha irraa fottoqee baheera.

Miseensota WBO

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan gochootaafi haleellaa adda addaa biyyattii keessa dhalataniif ABO himachaa ture.

ABO dhaaba shororkeessaa jedhame

ABO bara mootummaa ce'umsaa keessaa bahee kaasee miseensonni isaa biyya keessatti dararaafi ajjeechaaf saaxilamaniiru.

Boodas mootummaan Itoophiyaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF)n hoogganamu ABO fi dhaabbilee siyaasaa biroo qabsoo hidhannoo gaggeessan dhaabbilee shororkeeyyii jedhee labse. Kun kan ta'e bara 2011'tti.

Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee dhaabonni siyaasaa kan akka ONLF fi Ginboot 7 Paarlaamaa Itoophiyaatiin shororkeessitoota jedhamuun tarreeffaman.

Kanumaan, seerri farra shororkeessummaa biyyattiitti bahe namoota dhaabbilee kanaa wajjin hidhata qabu jedhaman hidhaaf, ajjeechaafi dararaa hamaaf saaxile.

Maqaa ABO'n kanneen mirga saba Oromoo gaafatan manneen hidhaatti guuramuu irraa kan ka'e, Ma'aakalaawii dabalatee ''manneen hidhaa biyyattii Afaan Oromoo dubbatu'' jedhamurra gahan.

Mootummaanis gochootaafi sochii haleellaa shororkeessummaa adda addaa biyyattii keessa ta'uuf dhaaba kana irra deddeebiin himachuu itti fufe.

Gaheessa alaabaa ABO baate, Addababayii Masqalaa, 2018

Madda suuraa, Getty Images

Jijjiirama bara 2018

Qabsoon karaa nagaa barootaaf keessumaa Oromiyaa keessatti bulchiinsa Addi Dimookraatawaa Warraaqsa Uummatoota Itoophiyaarratti - ADWUI gaggeefamaa ture bara 2018'tti jijjiirama hooggansaa dhaabuma biyya bulchu keessatti fide.

Kana hordofuun Dhaabbata Dimookraatawaa Uummata Oromoo - DHDUO, irraa Abiy Ahimad (PhD) Ministira Muummee Itoophiyaa ta'uun filataman.

Waxabajjii bara 2018'ttis manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa waggaa torbaan booda ABO dabalatee dhaabbilee siyaasaa kaanis kanaan booda shororkeessitoota miti jechuun bilisa taasiseera.

Itti aansees Mootummaa Naannoo Oromiyaa dabalatee MM Abiy Ahimad dhaabbileen qabsoo hidhannoo gaggeessan gara biyyaatti deebi'uun qabsoo nagaa akka itti fufaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Marii araaraa isa jalqabaa Ertiraatti

ABO waamicha mootummaan Itoophiyaa ''biyyattii deebi'aatii karaa nagaa qabsaa'aa'' jechuun dhiyeesse faaraan akka simatu ibse.

Hayyu Dureen dhaabichaa fi ajajaan olaanaa WBO, Obbo Daawud Ibsaa ''humni waraanaa qindaa'ee jiru maal ta'uu akka qabuufi gahee dhaabbichi siyaasa biyyattii keessaatti qabu yoo murtaa'e malee, akkasumaan fiigne hin gallu,'' jechuun bakka qaamni sadaffaa jirutti marii araaraa akka godhamu gaafatan.

Hagayya 6, 2018 jilli mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr. Warqinah Gabayyoodhaan hogganamu marii araaraa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin taasifamuuf gara Ertiraa imale.

Achiis MM Abiy Ahimad gara Asmaraa imaluun Obbo Daawud Ibsaa waliin mari'atan.

Hagayya 7, 2018 jilli mootummaa Itoophiyaafi ABO waliigaltee nagaarra gahan. Osoo hin turiinis Hagayya 14, ABO'n jila hooggansa ABO biyyatti deebi'uuf haala mijessu Ertiraa irraa gara Finfinneetti erge.

Injinar Taakkalaa Uumaa fi obbo Daawud Ibsaa, bara 2018

Madda suuraa, Getty Images

Fulbaana 15 ABO'n biyyatti simatame

Waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa waliin godhame hordofee, ABOn kan hooggansi isaa waggootaaf Ertiraa ture Fulbaana 15, 2018 magaalaa Finfinneetti haala ho'aan simatame.

Magaalaa guddoo Finfinnee addabaabayii Masqalaatti uummanni kumoota dhibbaan lakkaawamu fi bakka qondaaltonni olaanoon Oromiyaa argamanitti hayyu duree Daawudii fi hooggansi kaan simataman.

Guyyaa simannaa kanatti keessoo fi fiixee magaalaa Finfinneetti walitti bu'insi sabummaarratti xiyyeefate dhalatee ture.

ABO erga mootummaa ce'umsaa keessaa bahee waggoota 27 booda Finfinneetti deebi'uun seenaa qabsoo dhaabichaa keessatti taatee ijoodha.

Waajjira isaa olaanaa Gullalleetti argamus waggootaan booda haaromsee itti deebi'e.

Miseensota WBO karaa nagaa galan

Madda suuraa, SM

WBO hiikkachiisuu

ABO'n waraana isaa Eertiraatii dhufe kaampii galchee miseensonni fedha isaaniin qaama nagaa eegsisuu kan naannootti akka makaman ykn jireenya idileetti akka deebi'an murteesse.

Humni biyya keessa socho'u garuu gaaffiin Oromoo deebii hin arganne jechuun bosonatti hafe, humna mootummaa loluu itti fufe.

Osoo hin turiin waadaan waliigaltee Asmaraatti galame raawwatamaa hin jiru komiin jedhu ABO irraa mootummaarratti dhagaahamuu eegale.

Gama kaaniin WBO kan bosona jiru akka hiikkatu ajajaan waraanichaa obbo Daawud irratti dhiibbaan jabaate. Jaarsummaafi mariin adda addaa dhibdee uumame furuuf gaggeeffamuu itti fufe.

WBO fi ABO walirraa adda bahan

Hayyu dureen dhaabichaa Daawud Ibsaa Amajjii bara 2019 abbootiin Gadaa fi Haadholiin siinqee waraana kana karaa nagaan akka galchan gaafatama kennaniif.

''Maddii waldhabdee mootummaafi ABO Waraana Bilisummaa Oromooti. Sana itti-gaafatama ofirraa buufnee ummata Oromoofi Abbootii Gadaatti kennineerra,'' jedhan.

Koreen teeknikaa ijaarame. Namootni siyaasaa Oromoo akka Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaafi kaanis kutaalee Oromiyaa WBO itti socho'utti bobba'uun miseensota waraanichaa nagaan galchuuf tattaafatan.

Xalayaan Obbo Daawud ajajoota isaan jala jiraniif dabarsan, ajajaa waraanaa Zoonii Kibbaa kan ture Goollicha Dheengee irraa deebii ''Xalayaa fuula tokkoon qabsoo diignee galuu hin dandeenyu'' jedhu argate.

Waraanni muraasa galus, akka yaadametti hin milkoofne.

Ergasii qunnamtiin ajajoota waraanaa fi hayyu duree dhaabichaa giduu jiru adda cituun ibsame. WBO maqaa ABO haa dhahatuyyu malee ABO irraa adda bahee ofii socho'uu itti fufe.

Hooggansi ABO ammas bakka lamatti qoodame

Hooggansi ABO erga gara biyyaa galees irra deebiin bakka lamatti bahe. Gareen Hayyu duree itti aanaa dhaabichaa obbo Araarsoo Biqilaan durfamu beekamtii hayyuu duree malii walgahii gaggeessuun murtee dabarsan. Boodas, filmaata hayyu duree haaraa fi miseensota gumii shanee taasisan.

Walqoodinsi kun jala bultii filannoo biyyaalessaa ABO irratti hin hirmaadhu jedhutti ta'e. Kun hooggansa dhaabichaa iddoo lamatti baase. Gareen lameen maqaa ABO jedhuun Boordii Filannootti dhiyaatan.

Boordiin filannoo yeroo dheeraa booda ABO hayyu duree Daawud Ibsaan hoogganamuuf beekamtii mirkaneesse.

Wayita kanatti Hayyu dureen dhaabichaa mala qunnamtii ammayyaa fi qaamaanis qe'ee akka hin baane ta'anii manuma isaaniitti qaamolee nageenyaa mootummaan eegamuutti turan.

Kun ta'uu ji'oota dura mootummaan qondaalota ABO hedduu ''hidhattoota bosona jiran waliin hojjetu'' fi himannaawwan adda addaan to'annoo jala oolcheera.

Bulchiinsa MM Abiy jalatti WBO shororkeessaa jedhame

Mootummaan ajjeechaa Lixa Oromiyaa bakka adda addaatti uummata nagaa irratti raawwataa tureef garee Waraanaa Bilisumaa Oromoo irra deddeebiin himachaa ture.

Boodas Caamsaa 6, 2021 paarlaamaan Itoophiyaa WBO, kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamuufi TPLF'n dhaabbilee shororkeeyyiiti jedhee labse.

Sadaasa bara 2020 Kaaba Itoophiyaatti waraanni waliinii humnoota mootummaa Federaalaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay gidduutti dhalachuu hordofee, WBO kutaalee Kibbaa fi Lixa Oromiyaa bal'inaan itti socho'u irraa daranuu bal'atee gara gidduugala biyyaatti sochii jabeesse.

Mootummaan Naannoo Ormiyaa humni kun yaaddoo ta'aa adeemuun isaa amanee yeroo adda adda duula gaggeesseen waraana kana balleessuuf tattaafatus hin milkoofne.

Boodas wayita humnoonni TPLF waraana mootummaa federaalaa rukutaa naannolee Amaaraa hedduu to'atee gara Finfinnee dhufuuf karoora qabachuu ibsu, WBO waliin hojjechuuf walta'iinsa uumuu labse.

Hogganootni qaamolee lameenii Hagayya 2021 dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf waliigaluu ibsan.

Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay marii araaraa Piriitooriyaan goolabamuu hordofee bitootessa darbe Paarlaamaan Itoophiyaa TPLF tarree shororkeessitootaa jalaa baasus WBO ammallee tarree sana jala jira.

Marii nagaa Taanzaaniyaa

Waranni Kaaba Itoophiyaa akkuma araaraan goolabame, akkasuma kan Oromiyaa keessaas WBO waliin mari'atamee araraan akka xumuramuf dhiibbaa godhamaa ture.

Kanuma hordofee Ebla 23, 2023 Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (Dr) mariin nagaa motummaa saanii fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti Taanzaaniyaatti akka gaggefamu ibsan.

Mariin kun Ebla 25, 2023 irraa kaasee guyyoota sagaliif gaggeeffamaa erga turee booda wal hubannoo gaarii uumee, wantoota ijoorratti garuu waliigalteerra osoo hin gahamiin marsaan duraa mariichaa goolabamun gama lamaaniinu ibsame.