Mootummaa fi ABO: ''Gammachuun akka nama macheessu reefun arge''

Abbaankoo Obbo Alamaayyoo umurii isaa guutuu qabsaa'aa ture jechuun danda'ama. Bara Haayilasillaasees bara Dargiis hidhamaa hiraarfamaa ture.
Bara mootummaa kanas rakkachaa ture baay'ee. Abbaankoo obboleessakoo waliin A.L.I bara 1997 ture obboleessakoo waliin gara qabsootti makaman.
Bara qabsoo seenan
Barri suni baay'ee rakkisaa ture. Bara 1996 jeequmsi guddaa ture. Haadhakoos hojiirraa dhaabani hidhanii rakkisaa turani. Abbaakos obboleessakoos sadanuu akkas gochaa turani.
Boodammoo siruma isaa lubbuu isaatiif sodaachisuu jalqabani. Kanaaf, waan godhan dhabnaan abbaankoo dursa deeme.
Karaa Yaa'aballootin jedhe Keeniyaa seene. Keeniyaarraa immoo Asmaraa gale. Obboleessikoos akkasuma qabsootti makamani.
Qollifannaa
Gaafa maatiinkoo achi dhaquun isaanii baramu inni dur si dubbisu sirraa cita. Ganda keessa namni nagaayyuu si hin gaafatu. Inni dur nagaa si gaafatu ija sirraa qabatee deema.
Haatikoo barsiistuudha. Bakka barsiistutti nagaa Waaqaayyoo namni ishee gaafatu hin jiru. Baay'ee dhukkubsatti ture isheenu. Anis bakka barumsaatti barsiisonni ija hamaatin na ilaalu. Na baqatu.
Akkan itti dubbadhu hin barbaadani. Barattoonni akkasitti na baqatu. Kanumarra darbee immoo qaamni tikaa dhiibbaa nurra uumu.
Eessa jiru? Maal hojjetu? Isinoo maal hojjechaa jirtu? Isaan waliin hojjechaa jirtu jedhanii yeroo hundaa nu hiraarsu.
Anis erga barumsa fixee yunivarstii seene boodammoo qaamni tikaa baay'ee na rakkisaayyu. Isaan faana hidhata qabda. Nu faana hojjechuu qabda jedhu.
Odeeffannoo nu fiduu qabda jedhanii hanga barumsa barachuu dadhabutti na rakkisaa turan. Kaayyoo isaanii waanan beekuuf anis harka hin kennanne.
Maqaa fi qabsoo
Abbaankoo jalqaba mucaa dhiiraa godhate. Baratti Oromoon cunqurfamaa ture. Baratti Afaan Oromoo dubbachuun rakkisaa ture waan ta'ef Bilisummaa jedhee isa moggaase.
Itti fufee ishee lammataatin Bilisummaa Hawwinee jedheeni. Achii isa sadaffaatin Jabeessaa jedheeni.
Ishee afraffaatin Daraare jedhee anaan immoo Kunoo jedhe. Sana jechuun bilisummaa hawwee, hawwuu qofa miti itti jabeessaa, itti cichaa hojjedhaa jedhe.
Bara ABO'n qabsoo eegale immoo Daraare jedhe.
Bara ani dhaladhe immoo A.L.I bara 1983 baratti mootummaan kuni itti seene bilisummaan xiqqoo mul'achuu jaqabdee turte waan ta'ef kunoo argadhee bilisummaan hawwee jedheeti kunoo naan jedhe.
Walargaa
Waggaa baay'eedhaaf walitti haasa'un ulfaataa ture isaan faana jechuudha. Bilbilli kallattii hin jiru. Isaaniis bilbiluu hin danda'ani. Intarneetii argachuu hin danda'ani.
Namuma namarraa nagummaa isaanii dhageenya malee sagalee isaanii dhageenyee hin beeknu. waggaadheeraadhaaf jechuudha.
Gammachuu
Si'aayinaan eeggachaa ture. Gammachuun akka nama macheessu reefun arge. Waanan dubbadhu waanan godhu hanga wallaalutti jechuudha.
Hamma galanii isaan argutti dhugaa dhugaayyuu natti hin fakkaatu.
Ergaa
Baay'ee isin yaadeera. Hanga ijaan argutti baay'ee jarjareera. Nagaan nuu koottaa. Kaayyoon isin manaa baatani maatii diigdanii qabsooftanif fiixa isinii baheera. Baay'ee si'aayinaan isin eegaa jira.
*Gaaffii fi deebii Kunoo Alamaayyoo waliin taasifame.















