Qondaaloti ABO duraanii biyyatti deebi'an

Yoonaataan Dhibbisaa fi Koloneel Abbabaa Garasuu

Madda suuraa, OBN

Miseensa humna waraanaa Itoophiyaa kan turan Koloneel Abbabaa Garasuu fi hundeessaafi miseensa koree hoji raawwachiiftuu Dh.D.U.O kan turan Obbo Yoonataan Dhibbisaa Ministira Muummee waliin Masirii irraa gara biyyaatti deebi'an.

Koloneel Abbabaafi Obbo Yoonaataan biyyaa bahanii gara Eertiraatti imaluun ABOtti kan makamanii turan yoo ta'u, ABO erga gadhiisanii bahanii booda biyya masirii jireenya baqaa irra turani.

Koloneel Abbabaa fi Jeneral Kamaal Galchuu loltoota 100 ol fudhachuun Eertiraa yommuu galan daangaa Eertiraa fi Sudaan iddoo Baarentuu jedhamtutti deemuun namoota simatan keessaa tokko dubbii himaa ABO yeroosanaa obbo Boruu Barraqaati.

Namoonni kunneen qabsoof jecha biyyaa bahanii namoota waggoota dheeraaf aarsaa guddaa kaffalaa turan ta'uu dubbatu Obbo Boruun.

"Obbo Yoonaataan bara 2008 wayita dhaabni ABO bakka lamatti bahu qaama jijjiiramaa warra jedhaman waliin bahan, achiis waliigalteen dhibnaan gara Kaayiroo dhufan," jedhu.

"Koloneel Ababbaaniis waggoota 11 oliif Eertiraa keessatti aarsaa guddaa erga kaffalanii booda gara Kaayirootti dhufan," jedhu.

Kaayiroo keessattis dhukkubsatanii yaala gahaa hanga dhabuutti jireenya gadadoo keessa akka turan kan dubbatan Obbo Boruun gara biyyaatti deebi'uun isaanii gammachiisaadha jedhu.

Biyyatti deebi'anii qaama qabsoo yoo ta'an gumaacha guddaa gochuu akka danda'anis abdiin qaba jedhu.

Namooti kunneen kanaan dura haalli siyaasaa biyya keessa ture nuuf hin ta'u jedhanii warra bahan turani jedhu ministiri itti aanaa kumunikeeshinii mootummaa obbo Kaasahuun Gofee.

"Yeroo ammaa jijjiirama siyaasaa biyya keessatti adeemaa jiruun, gaaffii gara biyyaatti deebi'aa jedhu dhiyaateef fudhatanii gara biyyaatti deebi'ani," jedhu Obbo Kaasaahun.

Hidhamtoota 32

Gama biraatiin lammiileen Itoophiyaa 32 sababoota garagaraan Masiriitti hidhamanii turan hiikamanii Ministira Muummee waliin biyyatti deebi'uu isaanii Masiritti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Taayyee Atsqasillaasee himaniiru.

"Dargaggeessi daawwannaaf gara Kaayiroo imale tokko meeshaan biyyatti rakkoo hin qabne, asitti garuu yakka ta'e harkatti qabamee waggaan shan itti murtaa'e, mucaan kun gadadoo hedduu keessa darbe gadhiifamuu isaatti hedduun gammade," jedhu Ambaasaaddar Taayyeen.

Hidhamtoota 32 hiikaman

Madda suuraa, Fitsum Arega

Hidha Haaromsaa

Hidha haaromsaa Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtuun qoodni bishaan Masiriin lagicha irraa argattu akka hin hir'anne Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad wayita biyyattii daawwatanitti Masiriif mirkaneessan.

Daawwannaan kun wal-shakkii itti fayyadama laga abbayyaa irratti biyyoota lamaan gidduu ture kan fureefi biyyooti lamaan walta'iinsan akka hojjetan kan irratti waliigalamedha jedhu Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee.

"Mariin hoggantoota biyyoota lamaanii hubannaa dogoggoraa kanaan dura ture Itoophiyaan hidha kana kan ijaartu Masirii dheebossuufi jedhu jijjiireera," jedhu.

Pireezidant Al-siisiin haala kanaan dura hin baramneen misoomni Itoophiyaa misooma Masirii akka ta'e, Sochii misoomaa Itoophiyaa Masiriin akka deeggartu dubbachuu isaaniis Ambaasaaddar Taayyeen ni himu.

Kanarra darbees biyyootni lamaan fedhii waloo qaban hundarratti walta'iinsaan hojjechuuf walii galanii jirus jedhu.