Daandii xiyyaaraa Itoophiyaa: 'Balaliinsa addaan kutuun ulaagaa kamiinuu fudhatama hin qabu'

Tawalde Gabramaariyaam

Madda suuraa, Getty Images

Balaliinsa Itoophiyaan gara Chaayinaatti taasistu wayita Chaayinaan rakkoo yeroo keessa seentee jirtu kanatti addaan kutuun sirrii akka hin taane Hoogganaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Tawalde Gabramaariyaam ibsan.

Akka Obbo Tawaldeen jedhanitti ,''Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bara 1973 irraa eegalee gara Chaayinaatti balaliinsa taasisaa ture. Battala rakkoon yeroof isaan mudate kanatti balaliinsa gara santti taasifamau dhaabuun kan hamilee nama buusuu fi naamusa hojii keenyaafis gaarii miti'' jedhan.

Inumaa yeroo kanatti uummata Chaayinaa bira dhaabbachuu barbaachisa malee imala garasitti taasifamu dhaabuun sirrii miti jedhan.

Obbo Tawlden itti dabaluun Itoophiyaan balaliinsa gara Chaayinaa yoo dhaabde quunnamtiin qilleensarraa Chaayinaa fi Afriikaa gidduu hin jiraatu, gama Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiin namni tarkaanfii akkanaa fudhachuu barbaadu tokkollee hin jiru jedhan.

Chaayinaan hariiroo fooyyee qabu biyyoota Afriikaa waliin qabaachuusheerraan kan ka'e, ''Obboloonni keenya Afriikaa hundi Chaayinaa cinaa dhaabbachuu qabna'' jedhan.

Biyyoonni addunyaa sodaa koroonaavaayiras irraa kan ka'e gara Chaayinaatti balaliinsa dhaabuusaanii hordofee Daandii Qilleensaa Itoophiyaas tarkaanfii walfakkaataa akka fudhatuuf dhiibbaan irratti taasifamaa ture.

Haala kana keessatti ibsa kan kennan Obbo Tawalden yeroo ammaa kanatti dhibee tasa dhalate ofirraa qolachuuf of eeggannoo cimaa gochuu qabna malee balaliinsa dhaabuun furmaata hin ta'u jedhan.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gara Chaayinaatti balaliinsa taasisu dhaabullee karaa biyyoota akka Singaappor, Maaleezhiyaa fi biyyoota Awurooppaatiin imaltoota gara biyyaa fiduun garuu hin hafu jedhan.

Tatamsa'ina koronaavaayirasii booda daandiiwwan qilleensaa balaliinsa gara Chaayinaatti taasisan dhaaban sababa mataasaanii qabu kan jedhan Obbo Tawalden,''Akka fakkeenyaatti Daandiin Qilleensaa Biriitish balaliinsa kan addaan kuteef rakkoon diinagdee waan isa mudateef'' jedhan.

Haata'u malee Daandiin Qilleensaa Chaayinaa ammoo balaliinsa gara UK'tti taasisu addan hin kutne jedhan.

''Biyyoota Dhiha Afriikaa keessatti vaayirasiin iboolaa namoota 8,000 ajjeeseera, wayituma sanayyuu Itoophiyaan gara biyya iboolaan keessa ture Dimokiraatik Rippaabilik oof Koongootti balaliinsa hin dhaabne. ''

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa torbanitti balaliinsa 35 gara Chaayinaatti taasisuudhaan imaltoota hedduu gara biyyoota Afriikaatti fida.