Koroonaavaayirasii: Yaaddoo daandiin qilleensaa Itoophiyaa gara Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images
Sababii yaaddoo Koronoovaayirasiitiin daandiiwwan qilleensaa hedduun balaliinsa gara Chaayinaatti taasisaa turan dhaabaniiru.
Daandiin qilleensa Itoophiyaa garuu akkuma itti fufeetti kan jiru yoo ta'u, hojjattoota daandii qilleensichaa dabalatee namoonni hedduu yaaddoo qaban himaa jiru.
Erga Koronoovaayirasiin Chaayinaatti mudachuunsaa dhagahamee kaasee yaaddoon addunyaa guutuu hagugeera.
Biyyoota tatamsa'inni vaayirasii kanaa ni sodaachisa jedhaman keessaa tokko Itoophiyaa ta'ushee dhaabbanni fayyaa Addunyaa guyyoota muraasa dura beeksiseera.
Kunis walitti dhufeenya Itoophiyaan kallattiifi al-kallattiin Chaayinaa waliin qabdu irraa ka'uun akka ta'e himama.
Yaaddoon daandiin qilleensa Itoophiyaa balaliinsa isaa gara Chaayinaatti taasisuun vaayirasichi gara biyyatti galu danda'a jedhu namootni hedduun ibsuu erga eegalanii bubbuleera.
Namoota daandiin qilleensichaa balaliinsa isaa gara Chaayinaatti taasisuu dhaabu qaba jedhanii morman keessaa tokko ogeessa fayyaa kan ta'an Dr Yeshiwaas Makuwaninit.
Ogeessi kunis haala dhukkuba kanaa fi sirna fayyaa biyyattii hubannoo keessa galchuun, osoo dhukkubichi gara biyyaa seenee kisaaraan qaqabsiisu danda'u kan laayyooti tilmaamamu akka hin taane himu.
''Haala sirna fayyaa qabnuun koronoovaayirasii dhiisiitii weerara salphaadha jedhaman to'achuun mataansaa nu rakkiseera,'' jedhu Dr. Yeshiwaas.
Dirre Dawaa hojjataa akka jiran kan himan ogeessi kun, ''ganna darbee keessa vaayirasiin Chiikunigunyaa jedhamu ka'ee akka tureefi paaraasitaamoliin waan dhabameef dhukkubsattoonni hospitala keessa ciibsuun uffata bishaan keessa cubuun ho'a qaama isaanii to'ataa kan turre'' jedhan.
Ho'a qaamaa safaruun qofa sirriin maalummaa dhukkubaa adda baasuun hin danda'amu kan jedhan ogeessi kun, namni tokkos osoo mallattoo dhukkuba kanaa hin argiin guyyoota 14'f turu akka danda'u himu.
Kanaafuu namoonni gara biyya keessaa galan osoo eenyuunuu wal hin qunammiin tursiifamu qabu jedhu.
"Namni mallaattoon vaayirasichaa irratti argame jedhame tokko Aksumiitti argamunsaaf baay'een nahe. Vaayirsiin kun garuu fageenya meetira lamaaatiin namarraa namatti daraba.
Kanaafuu namni kun hanga Aksuum gahuutti namoota meeqa waliin akka wal argee tilmaamuun ni danda'amaa laata?jechuun gaafatu.
Insititiyutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa ibsa dhiheena kana kenneen, hanga Amajjii 24 qofaatti imaltoota kuma 42, 162'f buufata xiyyaara Booleetti sakkata'iinsi ho'a qaamaaa taasifameeraaf.
Isaan keessaayis namoonni 1,695 kan dhufan biyyoota vaayirasiin kun keessatti mul'atu akka tahe himameera.
Imaltoonni Chaayinaa irra dhufan hundi teessoon isaanii galmaa'uun hordoffiin irratti ni taasifama jedhameeras.
Namoonni hordoffiin irratti taasifamaa jira jedhaman 1,6oo kunneenis hawaasa waliin waliitti makamaniiru.
Isaan keessaayis kanneen muraasni kan vaayirasichaan faalaman yoo jiraate, turtii hanga ammaa qabaniin namoota waliin arganiifi nammoonni kunneenis walitti dhufeenyi isaan warra kaan waliin uumaniin haala salphaan vaayirasicha namoota hedduutti dabarsuu akka danda'an yaaddoo qaban kan ibsan hedduudha.
Insititiyutichi vaayirasichi kan mudatu yoo ta'e ammoo konkolaataawwan afur fi dhaabbilee fayyaa afur dabalate gareen of eegannoon hojjataa jiran qophaa'u beeksiseera.

Yaaddoo hojjattoota daandii qilleensa Itoophiyaa
Hojjattoonni daandii qilleensa Itoophiyaa gara Chaayinaatti balalii'an sodaa dhukkubichaaf saaxilamu dandeenya jedhu akka qaban BBC'tti hiamaniiru.
Keessumeesitoonni daandii qilleensa Itoophiyaa vaayirasichi erga ka'een gara Chaayinaa balalii'an fi balaliiftoonni xiyyaaraa balaliinsa daandii qilleensaa biraarra turan, gara Chaayinaatti imaluun vaayirasichaaf isaan saaxilu akka danda'u yaaddoo qaban himu.
Dhiheenya kanatti daandii qilleensaa Finfinneerraa -Baankoogi- Hongi Koongi- Baangooki- Finfinnee balaliitee kan turte hojjattuun balaliinsaa tokko, ishee ta'e hiriyyoon ishee kan biraas wayita ammaatti gara Chaayinaa imaluuf fedhii akka hin qabne BBC'tti himtee jirti.
''Haala amma jiruun eenyumtu gara Chaayinaatti balali'uuf fedhii hin qaban. Hojiin keenna namootaan wal tuxuqqaan kan itti baayyatuudha.
Wantoota namoonni itti fayyadaman ni tuqna. Haalli itti of qulleesitu hin jiraatu. Kana malees balalinsa muraasa irratti wayita gara Chaayinaatti imallutti gaantiifi kan afaaniitti kaawwatamu godhachuun nuuf hin heyyamamu,'' jetti.
Keessummeesituun xiyyaaraa kan BBC'n dubbise kan biraas, balaliinsawwan gara Chaayinaatti taasifaman keessaa bakkeewwan ''vaayirasichi yaachisaa miti'' jedhamutti haguggii afaanii (mask) godhachuun akka hin heyyamamineef dubbatti.
"Fakkeenyaaf ani kanan balalii'e Finfinnee irraa -Baankoogi wayita deemneetti haguuggii godhachuun nuuf hin heeyyamamne.
Wayita Baankoogii gara Hongi Kongiitti balaliinu garuu akka kaawwanu nuuf hayyamame. Deebiisee garuu Baankoogi irraa gara Finfinneetti wayita imallu godhachuun nu dhorkanii ture,'' jedhuun himti.
Balaliinsa muraasa irratti hojjattoonni haguuggii fuulaa akka hin godhannee dhorkamuun alattis haguuggii gahaan hojjattotaa dhiyaataa kan hin jirre ta'u dubbati.
"Waraqaan fuula sadi maalummaa vaayirsichaa irratti ragaa qabu nuuf kennameera. Haguuggiin fuulaa gahaan garuu hin jiru,'' jechuun isheefi hiriyyooni ishee haguggii tokko osoo hin geedariin balaliinsa jahaa itti fayyadamuuf dirqamu dubbatti.
Balaliinsaan sarara gara biraarra akka hojjatu kan hime tokko akka jedhuuti, daandii qilleensa Itoophiyaatiitu biyyoota afriikaa gara biraatiin waliitti hidha.
''Ani gara Chaayinaatti kanan hin balaliine ta'ulleen imaltoonni hedduun Chaayinaa ka'an Afriikaa, jiddugala bahaa fi gara biroo imalan hunda qabannee balaliina. Kunis yaaddoo nutti uumeera'' jedhaniiru.
Daandiin qilleensa Itoophiyaas komii hojjattoota isaatiin ka'aa jiru kanarratti yaada akka nuuf kennuf irra deddeebiin bilbilafi imeeliin gaaffii dhiyeessine turre. Hanga ammaatti garuu deebii argachu hin dandeenye.

Madda suuraa, Luke Dray
Yaaddoo sababii babalchuu dhukkubichaatiin uumameen daandiiwwan qilleensaa hedduun balaliinsa gara Chaayinaatti taasisan adda kutaniiru.
Daandiiwwan qilleensaa hedduunis kan Awuroppaafi Ameerikaa yoo ta'an, biyyoonni Afriikaa shaniis daandiiwwan qilleensaa isaanii imala gara Chaayinaatti taasisn akka dhaaban taasisaniiru.
Yaaddoo babalachuun vaayirasichaa uumeefi tarkaanfii daandiiwwan qilleensaa biraa fudhataniin, lmmiileen Itoophiyaa hedduunis dandiin qileensaa Itoophiyaas balaliinsa gara Chaayinaatti taasisu akka dhaabuuf gaafatan illeen daandiin qilleensichaa garuu balaliinsa isaa akkuma itti fufeetti jira.
Daandiin qillensichaa waamichawwan dhiyaataniif deebii kennee irratti imaltoota hedduu Chaayinaa irraa deedeebisulleen, heduun isaanii kan gara biyyoota Afriikaa biraa tiraanzitiin darban ta'u himeera.
Kana malees imaltoonni Chaayinaarra daandiiwwan qilleensaa gara biraatiin gara Itoophiyaa kan galan ta'u, daandiin qilleensichaa miseensa 'Star Alliance' ta'usaatti daandiileen qilleensaa biraas imaltoota Chaayinaa kan dedeebisan ta'u ibsuun, ''Daandiin qilleensaa balaliinsa isaa gara Chaayinaatti taasisu dhaabuus dhiisuus imaltoonni galun saanii waan hin oolleef yaaddoon vaayirasicha waliin wal qabate itti fufuunsaa hin oolu'' jedheera.















