Koronaavaayiras: Koriyaan Kaabaa lammiilee biyya alaa qofaatti tursiifte

Haadha intalliishee aguggii akka kaawwattuuf gargaaraa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Koriyaan Kaabaa vaayirasicha ittiisuuf hojjataa jirti

Koriyaan Kaabaa tatamsa'ina Koronaavaayirasii sodaachuun lammiilee biyya biraa 380 qofaattii baasuun tursisaa jirti.

Lammiileen biyyaa biraa kunneenis irra jirreessi isaanii dipilomaatota magaalaa guddoo biyyattii Piyoongiyaangi ta'uu isaanii ejansiin oduu Yonhaap himeera.

Lammiileen biyya alaa 200 ta'an ammoo guyyoota 30 darbaniif dallaasaanii keessatti akka turan taasifamaniiru. Turtiin kun xumuramulleen amma adda baasuun tursiisuun itti fufeera.

Lammiilee biyya biraa qofaatti baasuun tursisuun kunis hangamiif kan turu akka ta'e wanti barame hin jiru.

Koriyaa Kibbaa keessatti namoonni 763 vaayirasii kanaan du'aniiru.

Erga miseensonni waraanaa 11 vaayirasichaan faalamanii boodas, looltoota 7,700 ta'an adda baasuun tursisaa jirti.

Vaayirasiin biyya Chaayinaatii ka'ee kunis wayita ammaatti yoo xinnaate biyyoota 29 keessatti tatamsa'eera.

Biyyoota Awuroppaa keessaa Xaaliyaaniin namoota 152'n lakkoofsa namoota faalamanii heedduu galmeesifte.

Namoonni gara kuma 50 ta'an ammoo bakkeewwan gurguddaa -Veenetoo fi Loombaardii keessaatti torban lamaaf qofaatti baasamaniiru.

Iraanis namoonni 43 vaayirasichaan faalamanii saddeet ammo du'uu beeksifte jirti.

Oduu addaatiin ammoo guyyaa Wiixataa aanga'oonni Chaayinaa namoonni jiraattoota hin taaneefi fayya qabeeyyiin mallattoon homaa irratti hin argamne Wuhaanii akka bahaniif kan hayyamtu ta'u beeksiifte.

Namoonni biyyattii gadhiisuuf sababii addaa qaban kanneen dhukkubaaf wallaansa barbaadan dabalatee, akka bahaniif ni hayyamamaaf.

Haa ta'u malee namoonni kunneenis osoo biyyaa hin bahiin dura hayyamaaf iyyachuun sadarkaan fayyaasaanii guyyoota 14'f qoratamu qabaata.

Magaalaan Wuhaan erga baatii Amajii 23'tii kaasee aanga'oonni tajaajilawwan geejibaa waan kutaniif cufamte turte.

Jidduugala Chaayinaa keessattis namoonni 2,500 ta'an sababii vaayirasii kanaan du'aniiru.