Afrikaafi Kornaavaayiras: Yaaddoo haaraa ardichaaf

Madda suuraa, AFP
- Barreessaa, Anne Soy
- Gahee, Senior Africa correspondent
Weerarri Koronaavaayiras amma biyyoota Afrikaa hedduu lixuun dubbii ijoo ardittii taheera.
Vaayirasichis xumurarratti naannoo Afrikaa biroorraa, biyyoota Afrikaa Bahaa gaheera: Itoophiyaatti lammiin Jaappaan dhiyeenya biyyattii gale Covid-19'f qoratamee pozotiiv taheera (irratti argameera).
Sudaanittis namni ganni 50 vaayirasichaan qabamee du'eera.
Guyyaa Jimaataa erga Keeniyaatti vaayirasichiu mullachuu mirkanaa'ee booda, jiraattonni magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii jiran sodaaf jecha gabaa bahuun waa hedduu bitaa turan.
Suuraawwanii fi viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'an waan mul'isan, warri gabaa bahan: dhangala'aa alkoolii qabu, saamuunaa fi nyaata fe'anii wayita galan argineerra.

Madda suuraa, AFP
Ogeeyyiin bitaa itti galeera
Namoota Afrikaatti qabamuun mirkanaa'e heddumminaan kanneen Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaarraa dhufanidha.
Ogeeyyiin ammallee lammiilee Afrikaa vaayirasichaan qabaman haalaan xiqqaachuun gaaffii itti taheera.
Ogeeyyiin tokko tokko haalli qilleensaa ardichaa vaayirasii haaraa kanaaf mijataa miti jedhu.
Ragaan yaada kana deeggaru garuu haga yoonaa hinjiru jedhu, hoogganaa Giddugala Ittisaafi To'annoo Dhibee Afrikaa ka tahan Dr. John Nkengasong.
''Haatahu malee Covid-19 dhibeewwan maatii coronavirus keessatti ramadaman keessaati. Qufaanis ramaddii kana keessa jira,'' jechuun BBCtti himan.
Koronaavaayirasiiwwan amma dura beeknu, iddoo haalli qilleensaa ho'aa tahetti yeroo hedduu hin mul'atan.
Haa tahu malee Doktorri kun akka jedhanitti, biyyoota ho'ina qaban kanneen akka Tayilaand keessa vaayirasichi haalaan mul'ateera jedhan.
Vaayirasiin kun adeemsa vaayirasoota biroo hordofuun, waqtii qorraatti hin hammaata taanaan, biyyota Kibba Afrikaaf yaaddoo guddaadha. Biyyoonni kunniin 'waqtii qufaa'tti adeemaa jiru waan taheef

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'

Wanti Afriikaa fayyade, buuftaalee xiyyaaraafi karra seensaa biroorratti dursuun sakkatta'insa eegaluusheti.
Ardiin Afrikaa biyyoonni biroo vaayirasicha to'achuuf wantoota godhan ilaaluun hojiirra oolchuuf yeroos argateetti.
Ogeeyyiin fayyaa Afrikaatti kan isaan yaaddessu irra caalaatti namarraan-namatti daddarbuu danda'uu isaati. Kunis dhaabbilee fayyaatiif humnasaanii ol tahuu danda'a.
Addunyaa gubbaa, walitti dhufeenyi cimaa umuriifi hammina covid-19n akka jiru ibsama.
Namoonni umuriinisaanii jaareefi rakkoo fayyaa qaban, vaayirasii kanaaf haalaan saaxilamoodha.
''Afrikaan irra jireessaan uummata umurii dargaggeessummaa keessa jiran waan taateef, tarii itti hammaachuu dhiisuu danda'a jedhu Dr Nkengasong.
HIV fi dhukkuboota Afrikaa yaaddessan biroo
Vaayirasii haarayaa kanaan walqabatee, humni dandamachuu namootaa irraa hira'te - keessattuu namoota HIV waliin jiraataniif yaaddoon jira.
HIV'n humna dandamachuu namootaa haalaan hir'isuun beekama.
Namoonni miiliyoona 38 HIV Eedsii waliin jiraatu -baayyinni isaanii ammoo Afrikaanota.
''Haga ammaa namoonni HIV'n dhiigasaanii keessa jiru warra kaanirraa saaxilamoodha kan jedhu ragaan hin jiru,'' jedhu Wiinii Byanyima UNAids irraa.
Haatahu malee, biyyoonni Covid-19 qolachuutti ko'ommatanii kanneen HIV waliin jiraatan dagachuu hinqaban jechuun akeekkachiifti.

Madda suuraa, Getty Images
Kana malees walitti dhufeenyi baayoloojikaalaa fi dandamannaa, vaayirasoota lamaan kanneen gidduu jirurratti qorannoon gaggeeffamuu qaba jechuunis waamicha dhiyeessiteetti.
Dr Nkengasong infekshiniin vaayirasoota garagaraa nama tokkorratti (co-infection) haalaan isaan yaaddeessa.
''HIV callaa miti. Daranyoo Sombaa (TB) fi dhukkuba busaa na yaaddessa,'' jedhu ogeessi kun.
Amma abdiin jiru, biyyooti humna qaban hunda koroonaavaayiras qolachuuf wayita fayyadaman, dhukkuboota ardichatti namoota hedduu obbaasan biroo hin dagatan kan jedhudha.
''Dhukkuboota gurguddoo sadan'' yaaluuf qaawwi ni uumama taanaan, du'a hedduu fida.
Weerarri kun biyyootaafi aangawootaaf qormaata guddaa akka tahu shakkii hinqabu.
Ebolaan naannoo Lixa Afrikaatti weerara ture (epidemic). Koroonaavaayiras garuu weerara addunyaa waliin gahedha (pandemic).
Kana jechuunis biyyoonni guddataniifi humna qaban xiyyeeffannoo isaanii biyya ofiirratti godhaniiru - kanaanis Afrikaa quba qabaachuu dhiisuu danda'u.
















