Koroonaavaayiras: Haati warraa MM Kanaadaa koroonaavayirasiin qabamte

Madda suuraa, Reuters
Haati warraa MM Kanaadaa Jastiin Tiruudoo, Soofii Gireegoor Tiruudoo koroonaavaayirasiif qoratamtee pozitiiva tahuushee, ibsi waajira ministira muummerraa bahe mirkaneesse.
''Yeroof adda baafamtee, iddoo turmaataa keessa turti. Amma wayyaa qabdi. Gorsoota barbaachisan hunda raawwachaa jirti. Mallattoon hagas cimaa tahes irratti mul'achaa hin jiru,'' jedha ibsichi.
Abbaan warraa fi haati warraa lamman kun ofiin adda baasanii, kophaa jiru.
Aabba Tiruudoon fayyaa gaariirra jiru, mallattoos agarsiisaa hinjiran. Haa tahu malee, guyyoota 14f adda baafamee taa'a.
Haga yoonaa MM tiruudoo koronaavaayirasiif qorachuuf akka hin yaannes himameera.
''Ministirri Muummichaa hojiisaa idilee akkuma jiruun itti fufa, uummata biyyattiifis har'a (Jimaata) haasawa taasisa,'' jedhe waajirrisaa.
Haga ammaa Kanaadaa keessatti tilmaamaan namoonni 103 vayirasichi irratti argameera.


Koronaavaayiras Arsenaal seeneera

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteetaa dhukkuba Koronaavaayirasiin qabamuu kilabichi beeksise.
Sababa kanaan, kilabiin Arsenaal bakka leenjii isaaniifi namoonni Arteetaa dhihoo harka fuudhan akka nama kaanirraa fagaatan dhaameera.
Pirimiyeer Liigiin Ingilizii har'a ganama walgahii atattamaa kan waame yoo ta'u taphoota hafan irratti ni murteessa.
Taphni Arsenaal boru Biraayitan waliin qabus haqameera.
Dhibee addunyaa weerare
Guyyoota muraasaan dura Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' ykn 'pandemic' jedhamee Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin labsameera.
Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti vaayirasichaan qabamanii torbee lamaan darban dachaa 13'n dabale jedhan.
Saffisa vaayirasichi ittiin babal'ataa jiruun "daran yaadda'uu" himaniiru.
Dhibeen tokko 'pandemic' ykn 'weerara' kan jedhamu al tokkotti addunyaa irratti biyyoota hedduu keessatti yoo tamsa'edha.
Dhibeen kun 'weerara' jedhamuun isaa WHO'n gorsa biyyootni akka raawwatan kennaa ture ni jijjiira jechuu miti jedhan Dr Teediroos.
Ragaa waliigalaa wayitaawaa
- Addunyaarratti namoota koroonaavaayirasiin irratti argame 134,650
- Namoonni lubbuu dhaban 4,978
- Biyyoota 110 ol keessatti mul'ateera















