Madda suuraa, Ambessa Bank
Tigraayitti waardiyaan baankii ganna 52 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa fudhatan mirgaan galaniiru.
Abbaa ijoollee sagalii kan ta'an Obbo Seeyifuu Tesfaay baankii Ambassaa Tigraayi jirutti waardiyummaan hojjachuun ofiifi maatiisaanii jiraachisu.
Abbaansaanii ijoolummaan barnoota bataskaanaa fudhatee daaqonii akka tahuuf barbaada turanillee Obbo Seeyifuun garuu dheebuu barnoota ammayyaaf qabaniin barnoota bataskaanaa dhiisuun baruumsa idilee eegalan.
"Abbaan koo qotee bulaa sooressa lafa qotiisaa qabuudha, garuu jireenyasaa heddu hin jijjiirre," jechuun namoonni naannoosaanii baratanii yeroo jijjiiraman arguun hawwiin barnoota ammayyaa akka itti horame ibsu.
"Namoonni naannoo koo barnoota ammayyaa argatanii barsiisaa [fa'aa] ta'anii yeroo jireenyisaanii jijjiiramu waanin argaa tureef, fedhii barnoota ammayyaa barachuu guddaan qaba ture," jechuun umuriin deemtus abjuu barnootaaf abdii hin kutatin akka itti fufan BBCtti himan.
Obbo Seefuun dhaqaa gala sa’atti ja’a miilaan marmaaruun barachaa akka turan himuun, haati warraasaanifi ijoolleensaanii barnootatti akka jabataanif isaan jajjabeessus ibsu.
Qonnaan bultoonni gariin hojii gowwaa hojjetaa akka jiru itti himaa isaan qeeqaa akka turan kan himan Obbo Seefuun, ta'us jechu namaa abjuusaanirraa akka isaan hin dhaabne himu.
Bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii gaarii fiduun amma yuunivarsiitii seenuu shirshir jechaa jiru.
Yuunivarsiitidhaa digriin erga bahanii booda abjuusaanii gara fuulduraas BBCf qoodaniiru.
"Jireenya fooyya'aa argachuuf tattaaffii gochuun barnoota Biizinas Manaajimantii baradhee Bankii Ambassaatti [bakka itti waadiyummaan tajaajilaa jiran] qacaramuuf Waaqaa wajjin abdiin qaba," jedhu.