Kornaavaayiras: Biyya dhibee Covid-19 ittisuun milkaa'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images
Fiixee bantii lafaa gara Kaabatti kan argamtu odolli Ayiislaand,tamsa'ina koronaavaayirasii to'achuurratti biyyoota addunyaarraa tarkaanfii adda ta'e fudhatte.
Naannoo Noordiik jedhamutti kan argamtu odolli kun weerara vaayirasii haaraa kana to'achuu akka dandeesseetu himamaafi jira.
Ji'oota lamaan darba keessatti namoota vaayirasichaaan qabaman adda kan baafte yoo ta'u, namoonni 4 du'aniiru.
Biyyaattin tooftaan ittiin to'achuu dandeessees, namoota vaayirasichaan shakkaman qorachuu cimsuudha.
Dhaabbanni Fayyaas tarkaanfii kana gorsaa ture.
Namoonni sakatta'aman kanneen shakkaman ykn saaxilamoo ta'aan qofaa miti, namni fedhisaatiin qoratamuu barbaade hundatu qoratama.
Kana malees,Namoota haaraa vaayirasichi qabe wal'aanuun gumaachaa qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota addunyaa kanneen biroo keessatti garuu, namoonni akka manasaanii turan ykn addatti fo'utu baratame.
Odola kanatti garuu dhaabbileen fi manneen kuusaa gargaaraa banaadha, hojii idileesaanii hojjatu.
Barattoonni muraasni barnootasaaanii ittifufanii barataa jiru garuu, namoonni 20 ol akka walitti hinqabamne dhorkameera.
Biyyattin keessaatti namni jalqaba vaayirasichaan qabame otoo hin beekamiin dursitee qorannoo eegalte.
Tursitoota biyyoota garaa garaa irraa biyyatti seenanis ta'ee, lammileeshi biyyoota birootti imalanii deebi'an qorata turte.
Ogeeyyiin akka himanitti, tarkaaanfiin kun vaayirasichi hawaasa keessa tamsa'ee akka hin daddarbine to'achuuf tarkaanfii ijoo fudhatame.
Anga'ooti Ministeera Fayyaa biyyatti akka jedhanitti,biyyisaanii qo'annoo dursitee eegaluun biyya jalqabaa ta'uu hin ooltu.
Lammileen biyyattis mallattoon dhibichaas otoo irratti hin mul'atiin dhaabbilee fayyaa dhaqanii akka qorataman qondaalonni fayyaa biyyattis gaafataa turan.
Namoota vaayirasichaan qabaman wajjiin tuttuqaa\hariiroo kanneen qabanis addatti baasanii hordofu.
Tooftaan kanaan biyyoota Eshiyaa kanneen akka Singaappooritti namoota yakka qoratanitti fayyadamuun vaayirasichaan namoota qabamuun shakkaman addaa baasuuf ittifayyadamaniiru.
Tooftaan kanaan namoota mallattoo otoo hin agarsiisin qorataman keessaa harka walakkaa adda baasuun danda'ameera.
Amma Wixata darbeetti uummata biyyatti keessaa harki 6 qoratamaniiru.

Madda suuraa, EPA
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti ,lakkoofsa ummata addunyaa wajjin wal cina wayita madaalamu lakkoofsa olaanaadha.
Biyya tamsa'inni vaayirasichaa itti hammaate Ameerikaan uummata miliyoona hedduu qabdu keessaa harka 0.4 qoratte, harki caalu kanneen mallattoo dhibichaa agarsiisani.
Ammas qorachuu itti fuftus, namoota mallattoon irratti mu'ateef saaxilamoo ta'an irratti xiyyeeffatte.
Kanaafuu ,qorannoo gaggeessituun odeeffannoo barbaachisaa kan qabdu Ayiislaand qofadha jedhame yaadama.
Torban lamaan darban lammileen biyyatti qo'annoo bilisaan akka gaggeessan eeyyamuun, to'annoo dhibichaarratti bu'aa argamsiisuu miseensonni jaarmiyaa saayinsii biyyatti ibsaniiru.
Fuulduratti Ayiislaan tarkaafiiwwaan sochiii hawaasaa daangeessaan otoo hin fudhatiin dhibicha to'achuuf kallattii qabaachuu abdanna jedhan.
'Addunyaan Ayiislaandirraa kan barachuu qabdu, murtoo fudhatamu hundi saayinsii kan bu'uureffate ta'uudha' jedhan ogeeyyiin.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














