Wantoota shan Itoophiyaan koronaavaayirasiif qophii akka hin taane mul'isan

Mana qorichaa kanamaa

Madda suuraa, Ethiopian Press Agency

Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii sududaan dabalaa jaha gaheera.

Namoota vaayirasichi keessatti argame waliin qunnamtii kan qaban namoonni 1000 ta'an adda baafamanii hordofamaa jiru.

Tamsa'ina vaayirasii kanaa to'achuuf mootummaan manneen barnootaa cufuu dabalatee uummanni akka walitti hin qabamne dhorkuufi tarkaanfiiwwaan biroo fudhachaa jira.

Haa ta'u malee ammallee biyyattiin weerara vaayirasii kanaaf qophii gahaa akka hin qabne wantoonni agarsiisan hedduutu jiru.

1. Uummanni walitti qabamuu

Vaayirasichi namarraa namatti kan darbu ta'uu isaan wal-qabatee maloota ittiin weerara vaayirasichaa to'achuuf biyyoonni itti fayyadamaa jiran keessaa tokko 'social distancing' ykn namni akka walitti hin qabamne dhorkuudha.

Mootummaan Itoophiyaa kana hambisuuf jechaa tarkaanfiiwwan akka walgahii gurguddoo dhorkuufi mana baruumsaa cufuu haa fudhatuyyuu malee namni walitti qabamuu hin dhiifne.

Magaalaa Finfinnee bakkaa namooni jaha vaayirasichaan qabamanitti Roobii Bitootessa 18 namoonni dhibbaan lakkaa'aman mana qorichaa fuulduratti walitti qabamanii mul'ataniiru.

Namoonni kunneen vaayirasicha ofirraa ittisuuf sanitaayizarii bitachuuf kan walitti qabaman haa ta'uyyuu malee walitti qabamuu isaaniitiin carraan vaayirasichaan qabamuu bal'aadha.

Namoota mana qorichaa fuulduratti walitti qabaman

Madda suuraa, Ethiopian Press Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota mana qorichaa fuulduratti saanitaayizarii bitachuuf walitti qabaman

Haaluma wal fakkaatuun carraa mana jireenyaa waliinii (kondomiiniyamii) ilaallachuuf namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman Finfinneetti walitti qabamuun marsaalee hawaasa irratti komii kaaseera.

Konkolaataawwaan tajaajila geejjibaa keennan nama humnaa ol walirratti fe'uu akkuma itti fufanitti jiraachuun sodaa biraati.

Kanatti dabalataan ammallee namoonni sababawwan gara garaatiin walitti qabamuu hin dhiifne, kun hagam gama kanaan qophiin akka hin jirre agarsiisa.

Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti garee weerara vaayirasicha dursee ittisuufi deebii kennuuf hundaa'ee kan qindeessan Obbo Zawuduu Asaffaa gama kanaan rakkoon akka jiru dubbatu.

Uummanni wantoota vaayirasichaa ittisuuf barbaachisan yoo bitatu haalaa caalaatti tamsa'ina vaayirasichaaf hiree uumuun ta'uu hin qabu, kanaafis hojii hubannoo uumuu hojjechaa jirra jedhu Obbo Zawuduun.

2. Eeruu kennamuufi deebii isaa

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta'uun namoonni mallattoon irratti mul'ate karaa toora bilbilaa 8335 eeruu akka kennan dhaamaniiru.

Haa ta'u malee bilbilichi salphaatti akka hin argamneefi yoo argames bakka mallattoon mul'atetti gareen deeggarsa kennu ariitiin akka hin dhufne komiin ka'aa jira.

Namoota komii akkasii dhiyeessan keessa tokko hakiima Biruuk Alamaayyoo jedhamu yoo ta'u dhukkubsattoota isa bira dhaqan keessaa lama irratti mallattoo argee garee dhimma kana hordofutti bilbilullee deebii gahaa hin arganne jedhee 'twitter' irratti barreesse.

Kaka'umsi hubannoo uumuu fi sochiin marsaalee hawaasaa jiru hojii qabatamaan lafarratti hojjetamaa jiruun walirraa fagoo jira jedha ogeessi kun.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Dhukkubichi qufaa waliin waan wal fakkaatuuf nama hedduutu shakkiin bilbila kan jedhan qondaallii Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Obbo Zawuduun sababa kanaan salphaatti bilbilicha argachuun rakkisaadha jedhu.

Sadarkaa biyyaalessaatti ambulaansiin dhimma kanaaf ramadame sadi qofa ture.

Wayita ammaa gara sagaliitti ol guddatulleen eeruun hedduun keennama waan jiruuf akkasumas Finfinnee keessa karaan waan cuccufamuuf bakka eeruun jedhame ariitiin gahuun rakkisaa ta'uu dubbatu Obbo Zawuduun.

Eeruu namoota dhunfaafi dhaabbilee fayyaa gara garaa irraa dhufuuf deebii kennuun gamanumaanuu humna olta'uu dubbatu Obbo Zawuduun.

Fuulduraaf akkamiin itti adeemuu akka qabnu mari'achaa jirra jedhu.

3. Hanqina bishaanii fi adda cituu intarneetii

Harka dhiqachuun irra deddeebiin dhiqachuun mala ittiin vaayirasicha ofirraa ittisan keessaa isa duraati.

Haa ta'u malee kutaalee biyyattii gara garaa keessa harka dhiqachuun haa hafuutii dhugaatiifu lammileen kumaatamaan lakkaa'aman bishaan dhabanii rakkataa jiru.

Kanaaf Oromiyaa keessaa magaalaa Shaashamannee, naannoo Tigraay ammoo Maqalee akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama.

Rakkoo kana quba qabaachuu kan himan Obbo Zawuduun, koren sadarkaa Ministirootaatti hundaa'e dhimma kanarratti hojjechaa jiru humna biyyatti haala ilaalcha keessa galcheen kanaaf fala dhahuuf ni hojjeta jedhu.

Gama biraan kutaaleen biyyattii intarneetii fi bilbilli adda cite waa'ee vaayirasichaa odeeffannoo gahaa argachaa hin jiran.

Weerara vaayirasichaa dursanii ofirraa ittisuuf odeeffannoon murteessaadha kan jedhe Waldaan Hakimoota Itoophiyaa bakka intarneetiin adda citee jirutti uummanni odeeffannoo argataa hin jiru jechuun Waajjira MM fi Ministeera Fayyaaf xalayaa barreessee jira.

Midiyaalee idilee caalaa miidiyaan hawaasummaa gama odeeffannoo dabarsuun gahee olaanaa bahachaa jira kan jedhan pireezidantiin waldichaa Dr Jiilchaa Dirribaa, mootummaan intarneetii akka deebisu gaafataniiru.

Mootummaan gama kanaan yaadaa haaraa akka hin qabne hoggantuun Itiyoo-telekoom Aadde Fireehiywoot Taammiruu BBC'tti himanii turan.

4. Balaliisa Xiyyaaraa

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa guyyaa vaayirasichi Chaayinaa keessatti mudatee kaasee hanga ammaatti osoo adda hin kutiin Chaayinaa dabalatee gara biyyoota vaayirasichaan daran miidhamaniitti balali'aa jira.

Namoonni dhorka tokko malee biyya fedhan irraa gara Itoophiyaa seenaa jiru.

Sakatta'iinsi buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti namoota gara biyya keessaa seenan irratti taasifamu kan ho'a qaamaa qofa waan ta'eef namni vaayirasicha qabu garuu ho'a qaamaa fi mallattoolee biroo hin qabne salphaatti gara biyyaa seenuu danda'a.

Buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti ho'i qaamaa namootaa yoo ilaalamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti ho'i qaamaa namootaa yoo ilaalamu

Namoota Itoophiyaa keessatti vaayirasichaan qabaman jaha keessaa sadi namoota haala kanaan biyya alaatii seenan yoo ta'an kan hafan sadi ammoo isaan waliin warra qunnamtii uumanidha.

Kuni ta'us garuu mootummaan ammallee balalii xiyyaaraa dhorkuufi ta'e namootni gara biyya keessaa akka hin galle ugguruuf yaada hin qabu.

Dhimma kanarrattu BBC'f yaada kan kennan Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo, balaliisa ugguruun furmaata hin ta'u jedhan.

Akka isaan jedhanitti Itoophiyaa akkaataa vaayirasichi tamsa'u hubatanii akka hin taamsaane ittisuu irratti fuulleffattee hojjetaa jirti.

Daandiin xiyyaara Itoophiyaas gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hordofuun of eeggannoo barbaachisaa gochaa jira jedhu.

5. Hubannoo, Aadaa fi Diinagdee

Biyyoota guddatan keessatti vaayirasichaa ittisuuf ajajawwan darban hubatanii hatattamaan hojiitti hiikuun ni mul'ata.

Itoophiyaa keessa garuu lakkoofsi namoota hin barannee guddaa ta'uu irraa kan ka'e ajaja kennamu hubatanii dafanii hojiitti hiiikuurratti hanqinatu jira jedhu Obbo Zawudeen.

Gama biraan aadaan hawaasichaa kan akka harka wal fuudhuu, wal hammachuu fi wal dhungachuu jabaa waan ta'eef san salphaatti dhiisuun rakkisaa ta'a.

Wayita ammaa Itoophiyaa keessatti namooti vaayirasichaan qabaman jaha qofa yoo ta'u lakkoofsichi kan dabalu yoo ta'e akkuma biyyoota kaanii mootummaan lammileen akka manaa hin baane dhorkuu mala.

Kuni ammoo lammilee biyyattii hedduu jireenya isaani galii hojii guyyuu hojjetaniin gaggeessaniif ba'aa dabalataati.

Hamaa hammaataa nu haa oolchu!