'Intarneetni haa banamu, hidhamtootni haa hiikaman' - KFO

Asxaa Paartii Kongireesii Federaalawaa Oromoo

Madda suuraa, KFO

Paartiin Kongireesii Federaalawaa Oromoo ibsa baaseen ittisa weerara COVID-19'f jecha Lixa Oromiyaatti Intarneetni adda citee ture akka deebi'uufi hidhamtootni akka hiikaman gaafate.

KFO' ibsa Roobii baaseen tamsa'ina COVID-19 kan Itophiyaa keessatti namoota 5 irratti mul'ate ittisuuf tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhachaa jiru, ''guddoo jajaa'' jedheera.

"Bifa faallaa kanaa ta'een ammoo Oromiyaa gara lixaa irraa networkiin wal qunnamtiin cufamee waan jiruuf lammiileen weerara kana quba kan hin qabne ta'uun guddoo nu yaaddesssaa'' jedha ibsichi.

Bu'uuruma kanaan KFO'n qabxiilee sadii irratti hojii mootummaafi dhaabbileen siyaasaa hojjechuu qabuu jedhe tarreeseera.

1. Lammiileen dhibee balaafamaa kana si'aawinaan akka ofirraa eeggatan mootummaan Itoophiyaa intarneeta cufe ariitiin deebisee akka banu.

2. Hidhamtoota sababa siyaasan jumlaan walitti kuufamanii buufata Poolisi, manneen hidhaafi mooraa leenjiijiran gadi dhiifamanii mana mana isaanii ta'aanii of eegannoo akka taasisan.

3. Jaarmiyaaleen siyaasaa, qaamoti adda addaa qabsoo karaa kamiinuu taasisan weerara dhukkuba kanaa ofirraa dabarsanitti tumsa barbaachisu akka goonu dhaamnaa jedheera.

Paartiin Koongireesii Federaalawaa Oromoo mootuummaan Itoophiyaa sababa nageenyaaf jecha naannoo Intarneetni adda citee jirutti tajaajila intarneetaa akka deebisu gaafate.

Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaafi dhaabbileen biroonis weerara COVID-19 sabeebbachuun tajaajilli qunnamtii gama Intarneetaa gara Lixa Oromiyaatti cufamee jiru akka deebi'u mootummaa Itoophiyaa gaafachaa jiru.