Koronaavaayiras: 'Itoophiyaa keessatti lammileen biyya alaa haleelamaa jiru' - Imbasii Ameerikaa

Madda suuraa, US Embassy in Ethiopia
COVID19 Itoophiyaa keessatti argamuun walqabatee lammilee biyya alaa Itoophiyaa keessa jiran irratti haleellaan raawwatamaa jira jedhe Imbasiin Ameerikaa Finfinne jiru.
Imbaasichi akeekkachiisa har'a baaseen namoonni jechoota akka 'Chaayinaa' fi 'Faranji' jecha 'Koronaa' jedhuun walitti hidhanii ittiin lammilee biyyoota alaa arrabsaa jiraachuu hime.
Finfinnee dabalatee lammilee biyyoota alaa magaalota Itoophiyaa gara garaa keessa jiraatan irratti gochi dhagaan reebamuu, tajaajila taaksii dhorkamuu, gorora itti tufuu fi ari'atamuu raawwatamaa akka jiru gabaasni na gaheera jedhe imbaasichi.
Dabalataan lammileen biyyoota alaa hundi akka waan vaayirasichaan qabamaniitti loogiin irra gahaa jira jedhe.
Lammileen biyyoota alaa Itoophiyaa keessa wayita socho'an wantoonni akkasii jiraachuu akka quba qabaatanis dhaameera.
Rakkoon kun Itoophiyaa qofa keessa kan jiru osoo hin taane biyyoota Afrikaa hedduu keessatti mul'ateera.
Keeniyaa keessatti lammileen Chaayinaa lama haala wal fakkaataan wayita arrabsaman viidiyoon agarsiisu marsaalee hawaasaa irratti dubbii ijoo ta'ee ture.
Guyyaa Roobii ammoo Baaha biyyattii keessatti lammiin biyyattii koronaavaayirasii akka qabu shakkame tokko dargaggootaan reebamee booda hospitaala keessatti lubbuu dhabeera.
Ajjeechaan kutaa biyyaa Kiwale manadara Misabiweenii jedhamtu kan turiistonni itti hedduummatan keessatti raawwate.

Madda suuraa, Getty Images
Ajeechaa kanaan shakkamee namni to'annoo jala oole akka hin jirreefi qorannoon adeemsifamaa jiraachuu poolisiin biyyattii beeksisee jira.
Keeniyaa keessatti amma dura namoonni torba koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira.
Gama kaaniin biyyoota Afrikaa sahaaraa gadii keessatti koronaavaayirasiin yeroo duraaf nama ajjeese, Jabuutiitti ammoo vaayirasichi yeroo duraaf argame.
Akka Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksisetti vaayirasichi yeroo duraaf Jabuutii keessatti kan argame yoo ta'u lammii Ispeen guyyoota afur dura Jabuutii seene irratti argame.
Namni kun lammilee Jabuutii waliin akka qunnamtii hin qabaannes himameera.
Haaluma wal fakkaatuun Zaanzibaar keessattis namni jalqabaa vaayirasichaan qabame argamee jira.
Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii yoo dabalu, biyyoota Afrikaa sahaaraa gadii keessatti duuti jalqabaa galmaa'eera.
Duuti kunis Burkinaa Faasootti yoo ta'u dubartii lammii biyya sanii ganna 62'ti kan du'e.
Afrikaa keessatti amma dura namoonni 577 vaayirasichaan yoo qabaman, 14 du'anii 40 kan ta'an ammoo bayyanatanii jiru.
Sadarkaa addunyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 205,000 ol taree jira.
Namootni 8200 ol yoo lubbuu dhaban, namoonni 82,000 ta'an ammoo vaayirasicharraa dandamatanii jiru.













