Koronaavaayiras: Lakkoofsi namoota Keeniyaatti qabamanii 7 gahe, biyyattiin guyyaa kadhannaa labsatte

Alaabaa Keeniyaa

Madda suuraa, Getty Images

Lakkoofsi namoota Keeniyaatti koronaavaayirasiin qabamanii torba akka gahe Ministirri Fayyaa biyyattii beeksisan.

Kana dura 4 kan turan yoo ta'u ibsa har'a kennaniin 7 gahaniiru jedhameera. Keeniyaan Jimaata darbe ture namni jalqabaa dhukkuba kanaan qabame akka jiru mirkaneessuun kan ibsite.

Gama kaaniin, biyattiin dhibee koronaavaayirasii nu oolchi jechuun Waaqa kadhachuuf labsii dabarsiteetti.

Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa lammileen biyyattii hunduu Sanbata dhufu dhibee koronaavaayiras addunyaa raasaa jiru akka dhaabbatuuf Waaqa akka kadhataniif har'a ganama gaafataniiru.

Pirezidantichi Sanbata dhufu kana fuula keessan gara Waaqaatti debifachuun kadhachaa ooluutiin ala beellama biraa hin qabatiinaa jedhan.

COVID-19 rakkina fayyaa sirna argansuu koronaavaayirasiin qaqqabudha.

Ministeerri Fayyaa Keeniyaa Mutaahii Kagwee rippoorterootatti akka himanitti erga Jimaata darbe namni COVID-19n qabame mirkanaa'ee booda namoonni 100 qoratamaniiru.

Lakkoofsa kana keessa namoonni 71 bilisa yoo ta'an, 36 ammoo hordofamaa turan jedhu aanga'aan kun.

Akka tiwiitera masaraa mootummaa Keeniyaarratti ergaa Pirezedaanti Uhuruu irraa fudhatanii barreessan irratti biyyattiin tatamsa'ina dhibee kanaa to'achuudhaaf waan danda'amu mara gochaa jirti garuu lammileenis Waaqa kadhachuun isaanirra jira.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

"Sanbata dhufu sagalee tokkoon yaa taanu. Tokkummaan biyya keenyaaf yaa kadhannu. Tokkummaa keenyaaf yaa kadhannu. Dhibeen hamaa kun akka dhaabbatuuf yaa kadhannu.

Walii walii keenyaafis akka jaalala qabaannus yaa kadhannu.

Akkasumas, addnuyaan fuula ishee gara hojii qajeelummaa qabuufi nagaa buusutti akka deebifattuuf waliin yaa kadhannu," jedha ergaan mootummaa Keeniyaa irraa darbe kun.

Koroonaavaayiras