Koronaavaayirasii: Hindiin sagalee waamicha bilbilaa ergaa odeeffannoo vaayirasiitti jijjiirte

Madda suuraa, Getty Images
Kampaanonni neetiwoorkiiwwan bilbilaa Hindii baay'een sagalee bilbilaa sekondii 30 ta'u akka ergaa odeeffannoo fayyaa koronaavaayiras dabarsutti tolfatan.
Amma namoonni biyyatti bilbilli yeroo bilbilamuuf ergaa waa'ee fayyaa isaan yaadachiisu dhaga'anii booda kaasu jechuudha.
Kampaanonni neetwoorkii bilbilaa dhiyeessan akka Jio, BSNL fi Vodafone jedhaman gaaffii mootummaa irraa isaaniif dhiyaaterrraa ka'uudhaan warra tarkaanfii kana fudhatan keessaati.
Ergaan sagalee bilbilaa kun Afaan Ingiliziitiin yoo ta'u sagalee nama qufa'uutiin jalqaba.
Haata'u malee, namoonni ergaa nama aarsudha jechuun namoonni sagalicha callisiisan jiraachuu marsariitiiwwan hedduun barreessaniiru.
Sagaleen bilbilaa kun ergaa waa'ee vaayirasichaafi mallattoowwan inni agarsiisu kan qabu ta'ee nama isa bilbilaa jiruun qofa dhaga'ama.
Garuu sagalee bilbilaa ofumaan akkasumaan of sirreessu ammoo miti.
"Waamicha sagalee bilbilaa ergaa akkasii qabu kana erga bilbila keenya irratti dhaga'uu jalqabne amma torban tokko guuteera," jetti gaazexeessituun buleessi BBC Biiroo Deliirraa Kinjal Paandiyaa-Waag.
"Ergaan sagalee bilbilaa kun hanga waa'ee mallattoo dhibee kanaafi yoo qabaman ammoo maal gochuu akka qaban akka hubachuu danda'an hanga tokko gargaareera."
Haa ta'u malee, namoota duraanuu waa'ee vaayirasii kanaa sodaachaa jiran akka "xiqqoo sodaatan" taasisa jetti.
Sagalee waamicha bilbilaa kana fayyadamuun Bitootessa 9 jalqabamullee miidiyaa irratti gahaatti hin ibsamne garuu "hanga tokko nama ajaa'ibuun isaa hin hafne" jedhu Pandiyaa-Waag ammoo.


















