Koronaavaayirasii, fayyaa sammuu keenyaa akkamiin eeggachuu dandeenya?

Madda suuraa, Getty Images
Koronaavaayirasiin mudachuun erga dhagahamee kaasee addunyaa guutuu naasuu olaanaa keessa galcheera.
Yaaddoon sababii dhukkuba kanaan ummamu irra caalaan isaas dhiibbaan inni fayyaa sammuu namootaa irratti fidu olaanaa yoo ta'u, keessattuu namoota vaayirasichaan qabamanirratti yaaddoon kun ni cima.
Kanaafuu attamiin fayyaa sammuu keenyaa eegachuu dandeenya?
Waa'ee odeessaalee dhukkuba kanaa ilaalchisee yaaddoo keessa galuun beekamaadha. Haata'u malee, namoota hedduurratti dhiibbaan haalichi fayyaa sammuusaaniirratti qabaatu cimaa ta'uu mala.
Ergaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka namoonni fayyina sammuu isaanii eegataniif dabarsees hedduudhaan simatamee jira midiyaalee hawaasaa irratti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Keessattuu namoonni miira dhiphinaa duraan qababiif haalli kunis cimaa akka ta'u dubbatu oggeessi qor-qalbii Niikii Liidibetar.
Oggeessi lammii Ingiliiz kun akka jedhaniitti: "Yaaddoon yeroo hedduu waa'ee hin beekamneefi waan ta'u danda'u eeggachuun kan umamudha. Koronaavaayiras haaloota taatee akkasiif madda ta'an keessaa tokko.''
Fakkeenyaaf, waa'ee koronaavaayirasiirra deeddeebbiin dubbisuun abbaa ijoollee lamaa nama ta'an dhukkuba onneetiif akka saaxilee ibsu oggeessi kun.
"Yeroon dhiphadhu haalan of to'achuu hin dandeenye, akka waan hamaan dhufuuttin yaada,'' jechuun koronaavaayiras maatii isaafi maanguddoota inni beeku hunda akka waan miidhutti akka dhiphatu himu.
Midiyaalee hawaasaa dhiibbaa qabaatuu?
Midiyaalee hawaasaa dabalatee, dhimmoota dhiphina amsaasuu dhaabanii, akkasumas yeroo muraasaaf marsariitiiwwan osoo ilaaluu dhaabanii dhiphina ni hirrisa jedhu oggeessoonni damee kanaa.
Midiyaaleen hawaasaa odeeffannoo argachuuf madda gaarii ta'anilleen namoota muraasaa ammoo madda dhiphiinaati. Barattuun umurii waggaa 24 fi jiraattuu magaalaa Maanchisttar kan taate Alisan, dhiphina sammuu qabdi. Isheenis wantoonni karaa midiyaa hawaasaatiin agartu garmalee akka ishe dhiphisan himti.
''Baatii tokkoon dura tiwitara irratti wantin dubbise baayyee na jeeqe. Abdiis na kutachiseera,'' jechuun bo'usheelleen himti.
Yeroo baayyees yoo dhiphiinni itti dhagahamuu baatee miilaan akka deemu yaaltu himti. Kanaanis tasgabbii sammuu akka argattu dubbatti.
Kana malees, gaazeexaafi midiyaalee hawaasaa irratti yeroo baayyee dabarsuurraa of qusachuun fayyaa sammuu namootaaf kan gorfamu ta'uu himu oggeessoonni.
Isaan boodas oduuwwan agartu hunda of eegannoon filattee akka dubbiftu himti. Kana malees, yeroo midiyaalee hawaasaa irratti dabarsitu hirrisu dubbatti.
Akkasumas, odeeffannoowwan dogongoraa hedduun waan asiifi achi ergamaa jiruuf, madda odeeffannoo amanamaa irraa dhagahuuf filachuun caalaa kan fayyadudha jedhu.
Ergaan of eegannoo harka keessan irra dedeebiin dhiqadhaa jedhu mataansaa namoota dhiphina sammuu qabaniif dhiibbaa qabaachuu dubbatu oggeessoonni.
Namoonni rakkina akkasii qabaniif wayita namonni harkasaanii irra deddeebiin dhiqataniifi saanitaayizariin haxaawwatan arguun dhukkuba waliin walitti hidhu.
Yaaddoonni dhukkuba dadarbaan qabama jedhu amala namoota dhiphina sammuu qaban baayee ta'uu kan himtu Lillii Beelii, irra deddeebiin harka dhiqadhaa ergaan jedhu namoota akkasiif dhiibbaa qaba jetti.
Kanaafuu irra deddeebiin dhiqadhaa jedhamuurra osoo guyyaatti yeroo amma kanaa harka keessan dhiqattanii tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuuf gaarii ta'a jedhamee caalaa dansaa ta'u himti.
Kana malees, namoota irraa of adda baasanii turuun mataansaa namoota dhiphina sammuu qabaniif rakkina ta'uu dubbachuun ''mana akka teessuuf yoo dirqamte, baayyee yaaduuf yeroo qabda, ni mukoofta,'' jechuun ibsiti.
Namoota waliin wal arguu
Addunyaa guutuutti lakkoofsi namoota gara jiddugalawwan qofaatti tursiisu geeffaman baayyataa waan jiruuf, namonni biraa fagaatanilleen karaa bilbilaafi imeelitiin namootaan wal arguun gaarii ta'a. Kanaafuu teessoo imeelii fi lakkoofsa namootaa qabaachu hidagatiinaa.
Namoota naannoo keessanitti argaman waliin quunnamtii taasiisu hindagatiinaa. Jiduugala adda bahanii keessa turamu keessa yoo taatanis dhimmoota yeroo hunda raawwataniin alattis guyyaa guyyaan waan raawwattan hin dhabiinaa akka sammuun keessan hojiin qabamuufi.
Yoo akkas taasiftan, turtiin jiddugala sana keessatti dabarsitan bu'a qabeessa ta'usaatiin alatti fayyaa smmu keessanii irratti dhiibbaa hinqabaatu. Kitaaboolee dubbisuun hojii yeroon jiddu gala sana keessatti itti dabarfamu tokko ta'u mala.
Dadhabbii irraa ofi eegaa
Torbanoonni korornaavaayirasiin itti babalataa jiran fuuldura keenya waan jiranuuf, dadhabii irraa of eeguun barbaachisaa ta'a. Hanga danda'ameettis aduufi umama dowwachuun ni gorfama.
kana malees boqonnaa gaarii fudhachuufi seeraan nyaata nyaachuun ni barbaachisa. Akkasumas sochii qaamaa taasisuu fi bishaan ykn dhangala'aa gahaa dhuguun barbaachisaa ta'u gorsu oggeessoonni.

Madda suuraa, Emma Russell
















