Yaaddoo Koronaatiif jecha lammiileen Chaayinaa hedduun Itoophiyaa turuuf gaafataa jiru

Madda suuraa, Luke Dray
Sababii yaaddoo tatamsa'ina koronaavaayirasiin walqabatee lammiileen Chaayinaa heduun Itoophiyaa keessa turuuf gaafachaa jiraachuun ibsame.
Lammiilee Chaayinaa hojiiwwan garaa garaatiif gara Itoophiyaa dhufuun amma vizaan isaaniif kenname xumurame, sababii yaaddoo koronaavaayirasiitiif gara biyyasaaniitti deebii'uurraa Itoophiyaa keessa turuuf hayyama gaafachaa jiraachuu isaanii qondaalli Immigireeshinii BBC'tti himan.
Waajira Immigirashinii damee Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Itti-gaafatamaa kan ta'an Obbo Ayikifaawu Gosaayee BBC'tti akka himaniitti, lammiileen Chaayinaa hedduun gaaffii vizaan akka dheerreeffamuuf dhiyeessanii deebii argataa jiru.
''Lammiileen Chaayinaa kunneenis sababii yaaddoo weerara koronaavaayirasiitiin Itoophiyaa keessa turuuf gaafatan,'' jedhaniiru Obbo Ayikifaawu.
Haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuunis mootummaan Chaayinootaafi lammiilee biyyoota biraa akka biyyattii keessa turaniif yeroo turtiisaanii dheereessaafii jira jedhaniiru.
Kanaan dura seera maleessummaa to'achuuf jecha lammiilen Chaayinaa yeroon turtiisaanii akka dheeratuuf wayita gaafataniitti guyyoota 10 qofaaf hayyamamaa kan ture yoo ta'us, amma garuu haala qabatamaa addunyaa xiyyeeffannaa keessa galchuun baatii tokkoof akka dheereeffamuuf Obbo Ayikafaawu dubbatan.
Kana malees, odeeffannoon miidiyaalee hawaasummaa turistoonni lammii Xaaliyaan ta'an hedduun Itoophiyaa keessa turuuf viizaa gaafataniiru jedhuuf ragaa qabatamaan hanga ammaatti argame hin jiru.
BBC kana qulqulleeffachuuf jecha Imbaasii Xaaliyaanii Finfinneetti argamuuf gaaffii dhiyeesseen, gaaffiin akkasii lammiilee isaatiin akka hin dhiyaatiiniif kunis 'oduu sobaatii'' jedheera.
Obbo Ayikafaaw Gosaayee gama isaanitiin oduu kana dhagahuun adda baafachuuf yaaluusaaniifi gaaffiin turistoota Xaaliyaanii jedhameen waajira isaaniiti dhiyaate omtu akka hin jirree mirkaneessaniiru.















