Naayijeeriyaatti Kiristaanonni heddu waldaa keessaa waanbadeewwan hidhataniin butaman

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaatti namoonni waldaa keessaa waaqeffannaarra turan 160 ta'an waanbadeewwan hidhataniin butamuu poolisiin biyyattii beeksise.
Taateen kun kan raawwate bulchiinsa Kaduunaa jedhamu keessatti Dilbata osoo gara waldaa deemaa turaniiti.
Waanbadeewwan hidhatan namoota nagaa irrati xiyyeeffachuun butuun kun Naayiyeeriyaa keessatti irra deddeebiin mul'ata.
Kaayyoon waanbadeewwan hidhatan kanaa namoota butuun maallaqa gaafachuu ta'uu kan ibse poolisiin Naayijeeriyaa, Dilbata waldaa Kiristaanaa lama humnaan itti seenuun namoota heddu fudhatanii deemuu beeksise.
Hidhattoonni haleellaa gaggeessan meeshaa waraanaa ciccimaa qabatanii ta'uu ibsuun, lakkoofsanis heddu ta'anii waldoota lamaan cabasanii humnaa seenuun amantoota butuu ibse.
"Kanneen haleellaa gaggeessan heddummatanii dhufuun seensa waldootaa cufuun amantoota humnaan fuudhanii gara bosonaatti geessan," jechuun itti gaafatamaa Waldaa Kiristaanaa Naayijeeriyaa kan ta'e Reveraand Jooseef Hayaab turtii AFP waliin taasiseen.
Dabaluunis jalqabarra namoonni 172 kan butaman yoo ta'u sagal miliquusaanii gaggeessitoota waldoota namoonni jalaa butamanii irraa odeeffachuu ibse.
Ji'a Sadaasaa keessa barattoonnifi barsiisonni 300 ol waldaa Kaatolikiitii hidhattootan butamuun ni yaadatama. Boodarra marsaa lamaan gadhiifaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naayijeeriyaan biyyoota Afrikaa yaaddoon nageenyaa guddaan keessatti mul'atu keessaa tokkoodha.
Gama tokkoon waanbadeewwan hidhatan namoota butuun maallaqa gaafachuu yoo ta'u, gama biraan ammoo keessumaa kaaba-baha biyyattii keessatti haleellan 'hidhattoonni Islaamaa' gaggeessan yaaddoo cimaa uumera.
Kibba-baha biyyattiitti haleellaan hidhattoonni foxxoquu barbaadan mataa bowwoo kan biraa yoo ta'u, giddu galeessatti ammoo tikfattootafi qotee bultoota gidduutti bishaanifi lafa dheedichaa irratti irra deddeebiin walitti bu'iinsi ni mudata.
US dhiyeenya kaampii hidhattoota lama irratti xiyyeeffachuun Naayijeeriyaa keessatti haleellaa gaggeessuun ishee ni yaadatama.
Doonaald Tiraamp Kiristaanonni Naayijeeriyaa keessatti ajjeefamaa jiraachuu ibsuun haleellaa dabalataa akka gaggeessu akeekkachiisee ture.
Naayijeeriyaan biyya saboota 250 qabdu yoo taatu, garri kaabaa heddumminaan hordotoota amantaa Islaamaa yoo ta'an, kibbi ammoo hedduunsaanii hordoftoota amantaa Kiristaanati.















