Naayijeeriyaatti hanqina nyaataaf 'Waaqa kadhadhaa' jedhamuun falmii kaase

Madda suuraa, Getty Images
Hojjettoonni ministeera qonnaa biyyattiin nyaataan akka of dandeessuuf akka kadhannaa taasisan itti himamuun falmii kaase.
Ergaan hoggansa kutaa humna namaa irraa kenname hojjettoonni sirna kadhannaa idilee akka hordofaniifi Wiixata sadiif akka sooman gorsa.
Lammiileen Naayijeeriyaa gariin mootummaan qaala'insa jireenyaa hir'isuudhaaf maal hojjechaa jira kan jedhu gaafachuun qeeqaniiru.
Ibsi ministeera qonnaa irraa bahe qeeqa irratti ka'e kadhannaan rakkoo hanqina soorataa furuuf imaammata osoo hin taane haala fayyaa hojjettootaa fooyyeessuuf kan kaayyefate jedhan.
''Akkuma ji'aan sochiin qaamaa jiminaaziyeemii dhaabbichaa keessattii gahumsa qaamaaf taasifamuufi fayyaa ofii yeroo yerootti hakiima biratti mirkaneessuun akka barbaachisu kadhannaan kunis gorfame,'' jedhe.
Naayijeeriyaatti yoo xiqqaate namoonni miiliyoona 4.4 tahan nyaata gahaa hin qaban jedha gabaasi UN. Biyyattiin ammoo yeroo ammaa kana jijjiirama imaammataa bara 2023 taasisteen booda rakkoo diinagdee hamaa keessa jirti.
Gatiin nyaata bu'uuraa akka malee dabaluun bara 2023tti mormiin guutuu biyyatti akka ka'u taasiseera.
Humni namaa ol tahe rakkoo kanaaf fala akka fidu gaafachuun mootummaan ittigaafatma lammiileef qabu dheessaa jiraachuufi ilaalcha balaafamaa qabachaa jira jedhu qeeqxonni.
Haa tahu malee qondaaltonni mootummaa rakkoo kana furuudhaaf qonnaan bultootaaf tiraaktara 1,000 kennuun dabalataan xaa'oo qalqalloo miiliyoona lamaa ol raabsineerra jedhu.
Waamciha kadhannaaf taasifame kanarratti yaadni garagaraa miidiyaa hawaasaa irratti kennamaa jira.
Gariin namootaa hoggansi ministeerichaa bakka buufamaa kan jedhan yoo tahu, kaan ammoo ''Naayijeeriaan biyya qoosaati,'' jedhan.












