Naajeeriyaatti shamarreen jaalalleeshe faarfataa ta'een morma muramte mormii kaase

Madda suuraa, Salome Adaidu / Facebook
Lammileen Naayijeeriyaa shamarree jaajalleeshee faarfataa wangeelaati jedhameen murma muramtee ajjeefamteef gaddasaanii ibsachaa jiru.
Lammileen biyyattii gocha kana miidiyaalee hawaasaarratti barreessuun gadda isaanitti dhanga'ame ibsatan.
Poolisiin faarfataa maqaan isaa Timiileey ajaayin jedhamu waldaa kiristaanaa tokkotti dhiyootti yeroo to'annoo jala oolchetti mataa shamarree umuriin ishee wagga 24 ta'e Saalomee Adaayiduu qabatee ture.
Shamarreen kun kan mormi murame ajjeefamte kutaa bulchiinsaa Nasaraawaa jedhamtu keessattidha.
Faarfataan kun mataa shamarree kanaa keshaatti qabatee osoo deemaa jiruu jiraattoti naannawaa sanaa arganii yeroo isa muddaa jiranitti ture poolisiin kan to'annoo jala oolchuu danda'e.
Qaamni shamarree kanaa mummuraman mana jireenyaa faarfataa kana keessatti akka argame gabaafameera.
Faarfataan kun himannaa irratti dhiyaate kanaaf yaada kenneeru hin qabu.
"Shakkamaan kun mataa namaa qabatee ture kan argame. Kanaaf, bakka sana qaqqabnee jiraattonni naannawaa sanaa daboodhaan miidhaa irraan ga'uuf waan turaniif oochineera," jechuun dubbi=himaan poolisii kutaa bulchiinsa Nasarawaa Raamihaan Naanseel dubbachuu isaanii Marsariitiin Puunch jedhamu gabaaseera.
Shamarreen ajjeefamte kun dhaabbata magaalaa guddoo Naayijeeriyaa, Abujaa keessa socho'u garee tajaajla dargaggootaa biyyaalessaa jedhamutti miseensa akka turte ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiin shamarree ajjeefamte kanaa mootummaan Naayijeeriyaa qaamoleen ajjeechaa kanaaf itti- gaafatamoo ta'an gadi-fageenyaan qoratee seeratti akka dhiyessuuf hubachiisaniiru.
Hiriyaa shamarree duutee kan taate Abbii Simoon haadhashee ji'a toorba dura du'aan abba warrashee dhabdeef kun gadda qalbii nama cabsu akka ta'e BBC Piijinitti himteetti. Haati shamarree kanaa akkaataa sukkaneessaa intallishee itti ajjeefamte kana yeroo dhageessetti of wallaalte jechuun dubbatte hiriyyaan ishee kun.
Shamarreen duute kun nama ishee ajjeeseera jedhame kana waliin hariiroo hin qabdu ture jechuun ibsiti hirriyaan ishee kun.
"Namni kamiyyu bifa kana fakkaatuun du'uu hin qabu. Hiriyyaa jaalalaashee osoo taateellee haala akkasii kanaan du'uun isheef hin malu," jette.
Obboleettii shamarree ajjeefamtee Peeshans Adaayiduu gamasheetiin akkaataa poolisiin dhimmicha ittiin qabate akka isaan gaddisiise ibsaa, Naajeeriyaanonni gargarsa akka isheef taasisaniif waamicha karaa buufata TV tokkootiin dhiyeessiteetti.
"Poolisiin waa'ee obboleettii koo odeeffannoo tokkollee nuuf hin kennine. Gaaffiiwwan keenyaaf deebii nuuf hin kennine. Haqa gaafachaa jirra. Naajeeriyaanotarraa gargaarsa ni barbaadna" jette.
Ajjeefamuu shamarree kanaa hordofee Naajeeriyaanonni gadda isaanitti dhaga'ame miidiyaalee hawaasaarratti ibsachaa jiru.
"Saalomee nagan boqodhu. Inni si ajjeese du'aan boodallee boqonnaa hin argatu," jechuun ergaa isaa barreesseera namni Aviinii Jams jedhamu.
"Fakkiin samarree dargaggeettii haala sukkanneessaa kanaan ajjeefamte kan onnee nama cabsudha. Maatiisheetiif nan kadhadha,"jechuun fuula X isheerratti barreessiteetti dubartiin Amiraa Joseefiin jedhamtu ammoo.












