'Abbaankoo mana hidhaatti du'uu qaba'- Intala namicha haadha manaa isaa dhiirota 50'n gudeechisee

Kaaroolaayiin Daariiyaan
Ibsa waa'ee suuraa, Kaaroolaayiin Daariiyaan

Akeekkachiisa: Seenaan kun ibsa miidhaa saalaa of keessaa qaba

Sadaasa bara 2020 keessa guyyaa Wiixata galgala sa'aatii 20:25ti ture yeroo Kaarooliin Daariyaan bilbila haala jireenyaashee jijjiire tokko kan bilbilameef.

Bilbilli sunis haatishee Jiizeelee Peelikoot irraa bilbilameef ture.

"[Abbaankoo] Doominiik dhiironni garaa garaa haadhakoo akka gudeedaniif gara waggoota 10'f qoricha sammuu hadoochu kennaafii turuusaa, ganama sana akka hubatte natti himte," jechuun ture Kaarooliin gaaffiifi deebii sagantaa BBC Raadiyoo 4's Today waliin taasifteen kan dubbatte.

"Yeroo sanattis jireenyi jechuun maal akka ta'e hiikasaan wallaale," jetti Kaarolaayin, kan amma umuriinshee waggaa 46.

"Nan yaadadha yeroo sanattis nan iyye, boo'e, nan isa arrabsellee," jetti. "

Doominiik Peelikoot dhuma dhaddacha seena qabeessa ji'a sadii fi walakkaaf Muddee keessa gaggeeffamaa tureetiin hidhaa waggaa 20 itti murtaa'e.

Waggaa afur ol booda, Kaaroolaayiin abbaanshee "mana hidhaa keessatti du'uu qaba," jetti.

Dhiironni Obbo Doominiik Peelikoot haadha warraa isaa Jeezeelee of wallaalchisuun akka gudeedaniif karaa toora interneetii irran affeere 50'n hidhamaniiru.

Poolisootni laaptooppii fi bilbila maanguddoo soorama ba'e kana irrattis viidiyoo fi suuraa kannen haati warraasaa Jizeeleen osoo of wallaaltee, namoota hin beekneen gudeedamtu agarsiisan kumaatamaan lakkaa'aman argan.

Taateen kunis dhimmoota gudeeddii fi miidhaa saalaa xiyyeeffannoon akka kennamuuf taasisuun alattis, dhaddachi dhimma keemikaalaan ykn miidhaa qoricha sammuu adoochootiin raawwatamu kan dhimmisaa baayyee hin beekamnetifis haala mijeessuun ibseera.

Kaarooliin Daariyaan dhimma qoricha sammuu hadoochuun namootarraa miidhaa qaqabsiisuu kanaaf falmuun qabsoo jireenya ishee taasifteetti. Kunis miidhamtoonni irra caalaan isaanii sababii qoricha sammuu hadoochun kennamuuf, miidhaan irratti raawwatamusaalleen hin yaadatan akkasumas hin gabaafamu jetti.

Kaarooliin waa'ee miidhaa maatiishee mudate kitaaba barreessiteetti - I'll Never Call Him Dad Again

Madda suuraa, Jeff Overs/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Kaarooliin waa'ee miidhaa maatiishee mudate kitaaba barreessiteetti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyoota itti haatiishee bilbila bilbilteeniitti aanaanii jiran keessatti, Kaarolaayinii fi obbolaan ishee Filoriyaan fi Deevid, gara kibba Faransaay bakka warrisaanii jiraachaa turanitti imaluun haadhasaanii deggeruuf dhaqan.

Haatiisaanii akkuma amma jetteetti abbaan warraashee "waggoota 20 ykn 30 darban keessatti namoota saalqunnamtii hamaan irratti raawwatame keessaa tokko turte".

Osuma baayyeen hin turin, Kaaroolaayni mataanshee poolisiin waamamte, achinis samiifi lafti ittiin garagale.

Poolisoonnis suuraa lama laaptoppii abbaashee irratti argatan itti agarsiisan. Dubartii of wallaaltee sireerraa tiishartii fi uffata jalaa qofa uffatte itti agarsiisan.

Jalqabarratti dubartiin sun mataashee ta'u adda baasuu hin dandeenye ture. "Ani jireenya namaafi addunyaan adda baheen (dissociation effect) jiraadhe. Jalqabarraa kaasee of beekuuf rakkadheera," jetti.

"Isaan booda qondaalli poolisiin sun: 'Ilaali, mallattoo buna fakkaatu sun morma keerraa qabda... sun siidha' jedhe." Isaan booda suuraawwan lamaan sana haala adda ta'eenan ilaale... akkuma haadha koo suuraalee ishee hunda irratti ciifteetti anis cinaacha bitaa kootiin ciisee ture."

Kaarolaayinis haleellaan saalaa karaa abbaa ishee irra ga'a jettee yaaduu baattus,suurawwaan argite kanaaf yaada faallaa sanaa akka qabaattu ta'e.Abbaan ishee haleellaa saalaa fi akka ishee gudeede mirkaneeffachuu dubbatti.

"Nan beeka qoricha sammuu namaa hadoochu naaf kenneera ta'a, kana kan godhe tarii miidhaa saalaaf ta'uu danda'a. Garuu ammoo ragaa omaatu hin qabu'' jette.

Garuu akka kan haadhashee abbaanshee Peelikooti waa wayita irratti raawwatu ragaan agarsiisu hin jiru.

''Kunis taatee miidhamtoota hedduutii? Sababii ragaa hin qabneef hin amanaman. Kan isaan dhaga'us ta'e kan isaan deeggaru hin jiru'' jette.

Kaarolaayiin erga yakki abbaashee ifa baheen booda kitaaba mata dureen isaa 'I Will Never Call Him Dad Again' ( Lammata abbaa hin jedhuun) jedhu kan rakkoo maatii ishee bal'inaan ibsu barreessitee.

Kitaabichi rakkoo maatishee males dhimma qoricha sammuu hadoochu kennurrattis gadi fageenyaan kan ibsudha.

"Qoricha dhukkubbii hir'isu (painkillers), qoricha nama tasgabbeessu hunduu qoricha," jetti Kaarolaayin.

Akkuma miidhamtoota qorichaa kanneen biroo hundas ta'uu baatu muraasaa nama miidhaa kana isheerraan gahe beekti. Garuu miidhaa saalaa kana balaafamaa kan taasisu maatii keessaa ta'uu isaati jetti.

Wayita Abbaan ishee hadha ishee namoota garaa garaa 200 olin akka gudeedamtu gochuu isaa hubachuun dhiphinaa fi miidhaa guddaa keessa jirtutti kan isheellee dhagahuun akka itti ulfaate dubbatti.

''Harmeedhaaf wantoota ta'an hunda al tokkootti fudhachuun baayyee cimee ture'' jetti Kaarolaayin.

Haa ta'u malee, Jizeelee waan abbaa warraashee fi dhiirota biraa hedduun irratti raawwate saaxiluudhaaf dhimmicha gara ummataa fi miidiyaatti baasuuf murteessite.

"Wanta suukaneessaa si sodaachisaa ta'edha garuu ciminaan keessa darbuu qabna jennee walii galle " jette

Jiiziilee Peelikoot ummata duratti ba'uuf murteessuun isheen Faransaay ni rifachiise

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jiiziilee Peelikoot ummata duratti ba'uuf murteessuun isheen Faransaay ni rifachiise

Amma Kaarolaayin intala maatii miidhmaa fi kan miidhaa qaqqabsiisee ta'uu ishee of amansiiftee fudhachuu irratti rakkataa jirti. Kanaanis ''ba'aa hamaa'' jechuun ibsite.

Amma nama Doominiik jettee waamtu waliin ijoollummaa ishee booddeetti deebiitee yaaduu hin dandeessu.

"Yeroon of duuba deebi'ee ilaalu abbaa ani yaade sana dhuguma hin yaadadhu. Kallattiidhaan gara yakkamaa, yakkawwan saalqunnamtii ta'usaatiin yaadadha," jetti.

"Haata'u malee, qaccee sanyii (DNA) isaa of keessaan qaba. Irra caalaa sababaii kanaafan miidhamtoota kaan bakka bu'ee karaa nama kanaa fageenyarraa dhugaa itti baha," jechuun BBCtti himti. "Ani Doominiik irraa guutummaatti adda."

Kaarolaayin abbaashee ''bulguudha'' jechuun ibsuu akka hin fudhanne ibsiti.

Faallaa isaa, ''nama gochaawwan raawwate sirriitti beeku fi gonkumaa kan hin dhukkubsanneedha'' jetti.

''Inni nama balaafamaadha. Gonkumaa carraan ittiin mana hidhaatii bahu jiraachu hin qabaatu. Gonkumaa'' jechuun dhumni abbaashee mana hidhaa ta'u akka qabaatu dubbatti.

Maanguddoon waggaa 70 kan amma hidhaan waggaa 20 itti murtaa'e Doominikii Peelkooti carraan deebii'e maatiisaa argu hin jiraatu ta'a.

Haatiiwarraa fi ijoolleensaa dararaa kanarraa bayyanachuuf yaalaa jiru. Kaaroolaayin, abbaa warraashee, obbooleeyyan ishee fi mucaan shee dhiiraa kan waggaa 10 haala kana keessaa bahuuf '' cimina nuuf haa kennu'' jetti.

Doominiik Peeliikot waan hojjetu waan beekuuf buulguu miti jetti intallisaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Doominiik Peeliikot waan hojjetu waan beekuuf buulguu miti jetti intallisaa

Aadde Kaarolaayiniis yeroo ammaatti kan isheen fedhii itti ummattee tokkichi, qabdu hubannoo miidhaa qoricha sammuu hadoochuun qaqqabuu fi waa miidhaa saalaa daa'imman irratti barsiisuu qofadha.

Abbaa warraashee, obboloota ishee fi ilmashee kan umuriin waggaa 10 irraa deeggarsa argataa jiraachu dubbatti. Keessattuu ilmashee kan "ishee jaallatamaa" jechuun gammachuu fi sagalee jaalalaan guutameen ibste irraa humna argataa jiraachu himti.

Taateewwan guyyaa Sadaasa mudate sun waan isheen har'a taate akka ishee taasisee dubbatti Kaarolaayin. Amma gara taatee sukkanneessaa isaan mudatee dagachuun fuulduraatti ilaaluuf yaalaa jirti.