Saal-lamee tahee waan dhaladheef maatiinkoo 'akka dhala abaarsaatti' na ilaalu

Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.
Shamarree ganna 28tiiti. Nigisti Asaffaa jedhamti. Waggoota 15 darban maatii ishee fi hawwaasa keessa jiraattu irraa qoollifannaan ishee mudatee dararamaa turte.
Waggaa lama dura yero waraanni Tigiraay waliigaltee Piriitooriyaan xumurame ammoo sababa ollaa isheetiin miidhaan saalaa isjeera gaheera.
Haala uumama ishee yeroo dubbattu akka hiriyyoota ishee dubaraa kaanii laguu akka hin argine, harmi ishee guutummaan guutuu akka hin guddanne, tahuu hubachiifti.
Dhaabbiin qaama ishee garuu akka kan dubartii waan taheef rifeensa ishee shurrubbaa dhahachuu baay'isti.
Yeroo uumamtu qaamni saalaa dhiiraa waliin dhalatte qaama ishee kaan waliin wal qixa guddachuu waan hin dandeenyeef bara 2004 yaaliidhaan irraa akka citu tahe.
''Namoonni bakka hin barbaachifne irra na tuttuquu waan baay'isaniif osoon sodaadhuu fi qoollifatamuun jiraachaa ture jechuun BBCtti himte.
Manakoos sa'a 11:00 irrattan cufa. Arrabaa fi ifannaadhaan dararamaan jiraadhe waan taheef jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Handhuurakootu kabajaan kan awwaalame malee anaan namni garagalee na ilaaleyyuu hin jiru.''
Nigisti Asaffaa maatii fi firoota ishee irraa fagaattee aanaa Imbaa Alajjee keessa jiraachuu kan jalqabde yeroo umuriin ishee waggaa 13 ture irraa jalqabuuni.
Fuudhaaf kaadhimmachuuf yeroo namni jaarsummaa ergatu ''Ayii isheenoo dhukkubsattuudha'' deebii jedhu kennaa akka turan daa'ima waggaa sagalii taatee yaadatti.
''Yeroo sana barumsatti keessumaa herregatii jabduu fi kutaa ishee keessaa yeroo hundaa tokkoffaa bahaa akka turte yaadatti.
''Isheen gaa'ilaaf hin taatu'' dubbii jedhu ijoolleen ollaa yeroo dhagahan ''isheenoo saal-lamee ykn luuxiidha'' jechuun bakka waliin horii tiksanitti ishee hamachuu jalqaban.
Oduu ollaa fi maatii ishee biraa jalqabe mana barumsaas gahuun barattoonni gabatee gurraacha irratti barreessuun itti baacuu jalqaban.
Kanan kan salphifamaa turte Nigisti mana barumsaa fi ganda ishee irraa fagaachuun barachuuf yaalii gochaa turte.
Haa tahu malee, kutaa 10ffaa yeroo geessu barumsa ishee addaan kuruuf dirqamte.
''Sana booda hiriyyootakoo waliin illee walitti dhiyaachuu hin dandeenye. Nama meeshaakoo na jalaa fudhatellee kankooti jedhee falmuuf humnan dhabe.''
Maatiin ishees uumama ishee kana sababa cubbuuti jedhanii waan amananiif mucaa saaniif caalaa isa ollaan jedhuuf ''kabaja'' kennaa turan jette.
Ijoollumma aishee irraa ka'uun qoollifatamaa kan jiraatte Nigisti, yaalii qaba jechaa dhageessee waggaa 15 dura gara magaalaa maqalee deemte.
''Sababa kanaan of ajjeesuukoo irra yeroo tajaajila baqaqsanii yaaluu naaf godhan du'uukoo naaf wayya jedheen xalayaaa riferaalaa naaf barraa'e fudhee deeme'' jette.
Eeyyama isheenis yaalicha argatte.
'Eeruu namootaatiin miidhaan saalaa narra gaheera'
Yeroo waraana Tigiraay namoota hedduu irra miidhaan saalaa gaheera.
Nigisti Caamsaa 21 bara 2013 A.L.Itti, loltoota federaalaa gara ganda isaanii galaniin miidhaan saalaa siheerra gahuu dubbatti.
''Namoota ollaati kan eeruu isaaniif kenne. Osoo abbaa warraa hin qabaatiin haadha manaa milishaati na jedhanii akka loltoonni sun gara manakoo dhufan godhan. ''Abbaa warraakee fidi yoo na jedhan, ani garuu rakkoo gadameessaa waanan qabuuf abbaa warraa hin qabun jedhe.''
Nigisti sababa uumama ishee kanaan gaa'ila osoo hin dhaabbatiin jirti.
''Sana booda uffatakoo narraa baase. Cuubeedhaan sii tarsaasnaa jedhee natti baace. Afaan qawwee isaanii qaamakootti galchuufis yaalan. Sana booda garuu sadii tahanii karaa hudduukoo na gudeedan. Ji'oota jahaaf gara alaatti bahee na rakkisaa ture. Fincaanoo to'achuu dadhabee ture'' jette.
''Dubartoota abbaa warraa qaban irra yeroo waraanaa sana miidhaan saalaa dhaqabeera jedhamee qorannoon yeroo gaggeeffamu, warri ganda bulchan 'anarras gaheera' yeroon jedhuunii ''atimmoo maal qabdaa gudeedamta'' na jechaa turan.''
Kana irraa ka'uun yerootti of ajjeesuuf barbaadaa turte hedduu tahuu dubbatti. Miidhaa xiin-sammuu guddaafis saaxilamteetti.
Hawwaasni keenya nama akkakootti uumame haa hafuutii nama rakkoo harkaa fi miilaa qabuyyuu ''naafa nana, qomaaxaa'' jedhee arrabsa kan jettu Nigisti uumama ishees akka miidhaa qaamaatti akka lakkooftu himti.
''Ati [gaazexeesituu ishee gaafateen] namootni biroo akkas tahanis jiru na jechaa jirtaa? Ani garuu dhugumayyuu abaarsadhaa laata? Ana qofatu akkasitti jira jedheen yaada. Hawwaasni keenya dhala godhachuudha akka waan guddaatti kan ilaalu. Nama tahee ol jedhee deemuu keenyaaf bakka hin qabu.'' jette.
Qaama hormaataa lama waliin dhalachuun maali?
Namoonni qaama saalaa lama wlaiin dhalatan muraasni akka jiran ogeeyyiin fayyaa himu.
Hospitaala Ayider Maqalee jirutti, ogeessa yaala gadameessaa kan tahan Dr Halee Takkaa kiroomosoomii Y keessatti kan argamu SRY kan jedhamu akka saala nama dhalatuu murteessu himu.
Dr Haleen kiroomosoomiin dhalaa XX kan dhiiraa ammoo XY tahuu hubachiisu.
Yeroo kiroomosoomiin dhiiraa X taheefi kan dubartii X tahe wal argatan ulfi kiroomosoomii XX qabu uumama.
Kan dhiiraa Y fi kan dubartii X gaafa wal argatu ammoo ulfa XY tahe dhalata.
Qacceen kiroomoosoomii Y keessatti argamu, SRY jedhamu namaa fi bineeldota hoosisan kaan keessattis kana rgamu yoo tahu saala murteessuuf gargaara.
Kana jechuun SRY yeroo jiraatu ulfi uumamu dhiira yoo tahu yeroo inni hin jirre ulfi uumamu ammoo dubartii taha jedhan.
Kanaafuu saala lama waliin namoonni dhalatan yeroo ulfaa kiroomosoomiin saala lachuu yeroo wal makuun uumamudha jedhan.
''Daa'imni tokko yeroo dhalatu saala alaan mul'atu qofa ilaaluun koorniyaa isaa murteessuun hin danda'amu. Fakkeenyaaf daa'imni tokko alaan saala dhiiraan dhalatee yeroo altiraasaawindiin ilaalamu gadameessa qabaachuu danda'a. Yeroo kana maatii waliin mari'achuunidha saala isaa kan murteessinu'' jedhan.
Yoo dhiira tahee akka guddatu yaadame tajaajila baqaqsanii yaaluutiin ovaariin akka citu godhama jedhan.
Saala isaa qofa osoo hin taane hormoonii dhiiraa fi dhalaa adda baasu kan maddisiisanis murteessoo tahuu himu.
Fedhii maatii irratti hundaa'uun isaafis akka yaaliin kennamu dubbatan.
Nigisti sababa ilaalcha boodatti hafaa hawwaasa keessa jiruun abjuu ishee karaatti akka dhaabbate dubbatti. Waggoota afurii as ammoo jireenyi ishee akka malee miidhamuu himte.
Yeroo baay'ee manatti kan dabarsitu Nigisti takka takka ijoollee horii tiksan bira deema jette. Miidhaa narra gahes waan hin beekneef waan sammuukoo miidhu natti hin dubbatan. Nama na kofalsiisu barbaada jette.
Barumsa ishee addaan kutuutti hedduu gadditeetti. Osoo baradhee xumuree bakka gaarii gahee qaama miidhamtootaa fi dubartoota nan gargaara ture jetti












