Miseensota humnoota Tigraay 274,000 ol ta'an hidhannoo hiikkatu- Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa

Miseensota TDF

Madda suuraa, AFP

Miseensota humna Tigraay (TDF) hidhannoo hiikkachiisuuf, gaggeessuufi hawaasatti akka makaman gochuuf mariin akkaataa hojiirra oolmaasaa ilaallatu Maqaleetti gaggeeffame.

Marii jalqaba torban kanarra taa',amerratti bakka buutonni mootummaa Federaalaa, aanga’oonni bulchiinsa yeroo Tigraay, akkasumas miseensonni koree hordoffii Gamtaa Afrikaa argamuu isaanii Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xilaahun fuula X isaaniirratti beeksisan.

Marii Pirezidantonni itti aanoo Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay, akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu gara garaa bakka argamanitti, loltoota Tigraay diiguufi bifa guutuu ta’een hawaasatti makuudhaaf sagantaa, pirojektoota qopheessuu, akkasumas karoora hojiirra oolmaa isa jalqabaarratti mariin akka gaggeeffamu eeramee ture.

Marichaafi dhimmoota walfakkaatanirratti Komishinii Haaromsa Biyyaalessaarraa itti-anaan komishinaraa Obbo Tasfaalem Yihidegoo waliin BBC'n turtii taasiseera.

BBC: Humnoonni Tigraayiifi ajajoonni olaanoo mootummaa Federaalaa humnoonni Tigraay hidhannoo hiikkachuu, gaggeeffamuufi deebisanii dadamachiisuuf waliigalteen Naayiroobii erga mallatteeffamee wagga tokkoofi ji’a ja’a guuteera. Wanti akka turu taasisan maalidha?

Obbo Tasfaalem: Dhimmi kun akka boodatti harkifatuuf sababoonni jiru. Sababiin tokko waliigaltee Piritooriyaa dura mariin siyaasaa kamiyyu gaggeeffamuu dhabuusaati.

Lamaffaan, miseensota humna Tigraay hawaasatti makamaniif kallattiidhaan bajata barbaachisaaf. Bajanni isaa xiqqaa miti. Baajata guddaa gaafata. Bajanni kun ammoo humna biyya keessaa qofaatiin kan haguugamu miti.

Deeggarsa idil-addunyaa barbaachisa. Haala kanaan biyyoonniifi qaamoleen waadaa galanii turan yeroosaatti galii gochuu dhiisuu isaniiitiin rakkoon uumame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qabeenya barbaachisu yeroosaatti argachuurratti qaawwatu ture. Kanaaf, hanqinni galtee waan tureef turuu danda’eera.

Ammas mootummaan Federaala hunda ta’uu baatus marsaa afuriin bajata [ofiisaatiin] gaggeessuudhaaf kaka’umsa horateera. Hoggantoonni mootummaa Tigraay fi humnoota Tigraay kanuma hojiirra oolchuudhaaf qophiidha. Boordiin Rifoormii Biyyaalessaa kallattii kaa’ee koree hundeessuun galtee sassaabuu danda’eera.

Fakkeenyaaf, mootummaan Kanaadaa dolaara miliyoona14 kennuudhaaf waadaa galeera. Kanaaf, harkifachuudhaaf sababiin guddaan hanqina qabeenyaati.

BBC: Sagantaa kana deeggaruudhaaf biyyoonni waadaa galan eenyufaadha?

Obbo Tasfaalem: Biyyoonni waadaa galan baayyeedha. Biyyoota waadaa galan kessatti Ameerikaa, Jaappaan, jarmaniifi kanneen biroo ni argamu.

BBC: Sagantaa kana hjiirra oolchuudhaaf waliialatti baajeta hangam barbaachisa?

Obbo Tasfaalem: Baajanni barbachisu guddaadha. Baajanni barbaachisu qophaa’eera. Haata’u malee, yeroo raggaasifamuufi ifa ta’un ibsa.

BBC: Sababii harkifachuusaatiin hoggantoota Tigraayiifi mootummaa Federaalaa gidduutti waliigaltee dhabuun uumamera. Wal amantaan dhibuunis aanga'oota Tigraayiin ibsamee ture. Kun rakkoo baajatatiin ol mitii?

Obbo Tasfaalem: Kun harkifachuu baajatatiif sababa ta'uu danda'a. Sababiin isaas mootummaan Federaalaa ejensii hundeesseera. Fakkeenyaaf, Jeneraal Taasdiqaan Gabre-Tinsaa'en miseensa Boordii Komishinii Haaromsaati.

Kanaaf, wanti mootummaan Federaala ahojjechaa jiru waan gaariidha. Waa'ee waldhabdee gidduusaanii jiru odeeffannoo tokkoyyu hin qabu. Haata'u malee, marii siyaasaa guutummaan guutuutti wal amanuun hin turre jiraachuu nan beeka.

BBC: Humnoota Tigraay hidhannoo hiikkachiisuu, gaggeessuufi hawaasatti makuu yeroo jedhamu maal of kessatti qabata?

Obbo Tasfaalem: Tokkoffaan hidhannoo hiikachiisuudha. Kanaan dura gurguddaa, giddu-galeessafi salphaa jedhamanii qoqqoodamanii kan galchan jira. Dabalataan, mootummaan Tigraay miseensota humnoota Tigraay 50,000 'Dimobilaayiz' godheera. Kanaaf, yeroo gaggeeffaman leenjii, gaggeessituufi waan ittiin dandamatan kennameeraaf.

Waajjiraalee naannoofi Federaalaa isaan ilaallaturraa leenjii, liqiifi bakka hojii haala ittiin argachuu danda'an mijeeffamefi guutummaan guutuutti karaa ittiin jireneyasaaniitti deebi'an uumuudhaaf carraaaqqiin ni taasifama. Kana jechuun ammoo waan irra ahafee ta'etu kennameef jechuu miti.

Haata'u malee, humna biyyattii amma jiru bu'uura godhachuudhaan gara ogummaasaaniitti deebiyanii... akka qaama Tigraayiin debisanii dhaabuu tokkootti fudhatamee karaan ittiin dandamatan ni uumama.

BBC: Loltoonni kun waraana hamaa keessa darbuun miidhaa sammuu (trauma) guddaa argan, leenjiin kun maalirratti xiyyeeffata? Loltoonni kun mooraa waraanaa mootummaa Federaalaa ni seenuu?

Obbo Tasfaalam: Lolli kun Tigraayitti miidhaaa gama saayikoloojii, diinagdee, hawaasummaa, qaamaa, lubbuu namaa fi miidhaa saalaa qaqqabsiiseera.

Kun ta'eera, loltoota kanaaf leenjiin ni kennama.

Ministeerri Fayyaa sanada sadarkaa idil-addunyaa eeggate qopheessee Komishinii Riifoormii Biyyaalessaa waliin waliigaltee mallatteesse.

Rakkoolee xiinsammuu yeroo waraanaa fi waraana booda isaan mudatan akkamitti akka dandamatan, wal’aansa akkamitti akka ittifufanii fi jireenya siiviilii fi seera hariiroo hawaasummaa eeganii akkamitti akka jiraatan leenjiin 'psychosocial' ni kennamaaf.

Leenjiwwan kana mooraa waraanaa Tigraayitti ni fudhattu.

BBC: Miseensa loltootaa kanaa tokkoon tokkoo isaaniif maallaqni kennamu hangamitu kennama?

Obbo Tesfaalam: Hanga ammaatti hin murtoofne.

BBC: Sagantaa kanaaf yeroon murtaa’eraa? Yoom hojiirra oola?

Obbo Tasfaalam - Waliigaltee yeroo dhiyootti hojitti hiikuuf waliigalmeera. Bulchiinsa yeroo Tigraay fi hoggansa waraana Tigraay waliin haasa'aa jirra. Deebisaa mootummaa Federaalaaf dhiheessina. Karoora erga ifoomsine booda dafee hojiitti akka hiikamu barbaanna.

BBC: Ammaa miseensonni humnoota Tigraay hidhannoo hiikkatanii hawaasatti makamu jedhamee eegamu hangami?

Obbo Tasfaalam: Humnoonni Tigraay Ajaja gubbaa hanga jalaatti gurmaa’eera.

Kana bu’uura godhachuun, erga waliigaltee Keeniyaa booda humnoota nageenyaa Tigraay fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti wal hubannoo cimaan jira.

Miseensonni humnoota Tigraay 274,800 hidhannoo hiikkatu.

BBC: Raayyaa Ittisa Itoophiyaatti kan makaman jiruu?

Obbo Tesfaalam : Waliigaltee Piritooriyaa keessatti eerameera, kanaaf jiru.

Miseensonni humnota Tigraay gara hojii mootummaa naannoo fi federaalaa, qaamolee nageenyaa Federaalaatti deebi'an ni jiraatu.

BBC: Sanadni raawwii waliigaltee Piritooriyaa fi Naayiroobii yeroo humnoonni biyya alaa fi humnoonni nageenyaa federaalaa hin taanee Tigraay keessaa yeroo bahanitti humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa jajjaboo akka hiikkatan ibsa. Humnoonni kun Tigraay gadhiisanii waan ba'aniif marii kana gaggeessaanii?

Obbo Tasfaalam- Sana qaama biraatu raawwata. Waliigaltee Piriitooriyaa keessatti ifatti kaa’ame.

Mariisistoonni gartuu lamaanii yeroo yerootti walga'aa jiru. Kun gaaffii hawaasa Tigraay keessa jiraatu hundaati. Kanaafuu akka nama dhuunfaatti akkaataa Waliigaltee Piritooriyaatiin hojiirra oola jedheen eega. Garuu akka dhimma dhuunfa kootti deebii kennuu hin danda'u.

BBC: Gaaffii kana kanan gaafadhe Waliigaltee Piriitooriyaa keessatti humni biyya alaa Tigiraay keessaa wayita bahu yeroo walfakkaatutti akka raawwatamu keeyyanni ibsu waan jiruufi?

Obbo Tasfaalam- Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsi yeroo Tigraay lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisuuf adeemsarra akka jiran odeeffannoo qabna.

Kibba Tigraay keessatti waanti eegale jira. Pirezedantii ittaanaan naaannooTigraay ibsa bal’aa dhimmicharratti kennan.

Jeneraal Taaddasan irraa addatti waantin ibsu hin jiru. Kallattiin hojii koos miti. Garuu akka qaama hooggansa mootummaatti gaaffichaaf deebii kan ta’u waanta Jeneraal Taaddasaan ibsani.

BBC: Jeneraal Taaddasa Warredee, lammileen Kibbaa fi Lixa Tigraayirraa buqqa’an hanga ji’a Waxabajjiitti deebisanii qubsiisuu malee, waa’een bakkeewwan Tigraay waraana Eertiraa jala jiruu, waa’ee waraanni Eertiraa naanicha keessaa ba’uu wanti dubbatame hin jiru.

Kanaafin gaaffii kana kaase.

Obbo Tasfaalam: Waliigaltee Piritooriyaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa alatti naannoo Tigraay keessaa qaamoleen hidhatan kamiyyuu bahuu akka qaban ibse.

Kanaaf kun hojiitti hiikamuu qaba. Kun hojiirra oola jedheen eega. Carraan argame hundaan hojiirra ooluu qaba jedheen yaada dhiyeessa.

Mootummaan Federaalaa, Bulchiinsi Yeroo Tigraay, Gamtaan Afriikaa fi miseensonni qaamolee hawaasa addunyaa biroo Eertiraa fi Raayyaa Ittisa Itoophiyaatiin alatti qaamoleen hidhatan biroo akka ba’aniif ejjano qabu. Mootummaan Tigraayis waliigaltee kanatti ni amana. Waliigalteerrattis eerameera.

BBC: Mootummaan Federaalaa bulchiinsa naannoo Amaaraa to’atame caasaan bulchiinsaa keessatti ijaarame malee, waa’ee iddoo waraana Eertiraatiin qabamee hanga ammaatti ifatti dubbachuun ejjennoosaa hin ibsine, Sababa dhiibbaan hin jiraanne? Akka Komishiniitti kanarratti maal hojjettan?

Obbo Tasfaalam: Raayyaa Itoophiyaa malee humna hidhatan biroo ergamni baasu nutti hin kennamneef.

Fuulduratti waan asitti hojjannu hin qabnu. Hojii keenya irratti gufuun jiru, fkn qabsaa'nni gara Zalambassaatti 'demobilized' ta'an jiru.

Isaan kun akkam ta’u? Kanneen bakka qaban eessa turu? kan jedhu ni gaafanna.

Garuu kana kan murteessu mootummaa Federaalaa fi Bulchiinsa Yeroo Tigraay.

Amma Tigraay erga dhaqne waa tokko hubanneerra. Kaleessa warra hidhannoo hiikkatanii kaampii keessaa qaama miidhamtoota dubbisuu dhaqnee, dubartii Zalambesa irraa dhufte fi namni Humaara dhufe fi miillisaa cite biraa 'Eessa deemna?' jedhanii gaafatan.

Namoonni kun akkam ta’uu akka qaban qaamolee hunda waliin ni mari'anna.

Garuu loltoota kana iddoo sanaa baasuun ergama keenya miti.

BBC: Mootummaan federaalaa dhimma waraana Eertiraarratti ejjennoo sabni qabaaneef maali jettu?

Obbo Tasfaalam : Mootummaan Federaalaa ejjennoo qabaachuu fi dhiisuu ani ragaa hin qabu.

Mootummaan Federaalaa waliigaltee kan mallatteesse ejjennoo qabateetin jedha.

Hanga waiigaltee mallatteessetti ejjennoo qaba natti fakkaata. Hojiirra ooleera moo hin oolle kan jedhuuf? Hanga ammaatti hojiirra hin oolle.

Hawaasni kana dubbataa jira, waraana keessaas namoonni kaasan jiru. Hojiirra hin oolle. Fuulduratti akkamiin hojiirra ooluu qaba? Isa jedhu akka gaaffiittin fudha.

BBC: Komishiniin Riifoormii Biyyaalessaa naannolee torba keessatti ‘’qabsaa’ota duraanii’ 371,971 bayyanachiisuuf doolaarri miiliyoona 760 ol akka barbaachisu ji’oota muraasa dura beeksisee ture.

Naannoleen kam fa’aatu qaama hojiirra oolmaa kanaa ta’a?

Obbo Tasfaalam: Naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiraatu. Haaluma wal fakkaatuun humnoota mootummaa Itoophiyaa morma turanii, kanneen gaaffiin isaaanii karaa nagaa deebii argatu amananii gara nagaati deebi’an biyyattii keessaa jiran hunda ilaallata.

BBC: Galatoomaa.

Obbo Tasfaalam: Isinis galatoomaa.