Itoophiyaan ibsi Embaasiin US kenne 'maqa-balleessiifi dogoggora qaba' jette

Madda suuraa, Ministeera DHimma Alaa Itoophiyaa
Ibsa Ambaasaadarri US Erviin Masiingaa haala nageenya Itoophiyaa keessa jiruufi marii ilaalchisuun kaleessa kennan Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa qeeqe.
Ibsi Ambaasadarichi kennan odeeffannoo gar-tokkee fi maqa balleessii kan of keessaa qabudha jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa galgala kana baaseen.
Dabalataan, mootummaan Itoophiyaa akkaataa itti qaamoleen hidhatanii biyyicha keessa socho’an itti ibsamanitti waan gammade miti.
Qaamoleen hidhatanii biyyicha keessa socho’anii ‘’humnaan mootummaa uummataan filame aangoorraa kaasuuf yaalan, maqaa balleessaan, namoota uukkaamsanii maallaqa gaafataniifi uummata shororkeessan’’ ilaalchisee Ameerikaan ibsa kennuun dura mootummaa irraa odeeffannoo gahaa akka hin fudhanne eera ibsichi.
Ibsi kenname odeeffannoo gahaa irratti kan hin hundoofne tahuu kan eeru ibsi mootummaa Itoophiyaa kun, dabalataan faallaa hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lameenii [Itoophiyaa fi Ameerikaa] akka tahe hime.
Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’an Erviin Masiingaa Roobii Caamsaa 15, 2024 dhimma mirgoota namoomaafi marii biyyaalessaa Itoophiyaatti gaggeeffamurratti 'dubbii imaammataa'(Policy speech) dhiyeessaniiru.
Lammileen nagaa biyyattii keessa jiran qaamolee gara garaan ajjeefamaafi gidiraan irra gahaa jirutti Ameerikaan baayyee akka gadditu kan ibsan Ambaasaaddar Masingaan, rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru karaa nagana akka furamuuf Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee qaamolee hidhatanii socho’aniifi mootummaatiif waamicha godhaniiru.
Hariiroo biyyoota lameenii waggoota dheeraaf ture jabaa tahuu kan himu ibsi kun ammas dhimmoota biyyaalessaa, naannoo fi idil-adunyaa irratti waliin hojjechuu fi mari’achuu akka itti fufan hime.
Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii, kabaja mirgoota namoomaa fi biyyattii keessatti dimokiraasii dagaagsuu irratti mootummaa Ameerikaa waliin hojjechuu qophii tahuuf himeera.
Imbaasii Ameerikaa Finfinnee jiru waliin tahuunis dogogorootni ibsicha keessa jiran akka sirrataniif akka hojjetu ibseera.
Dabalataan karaa fooyya’aa hariiroo dippilomaasiif mijataa tahanii fi nageenyaa fi dimokiraasii biyyattii irratti dhiibbaa hin qabne akka akeekanis ibseera.
Ibsi Ambaasadarri Ameeikaa Finfinneetti kennan maal jedha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’an Erviin Masiingaa Roobii Caamsaa 15, 2024 dhimma mirgoota namoomaafi marii biyyaalessaa Itoophiyaatti gaggeeffamurratti 'dubbii imaammataa'(Policy speech) dhiyeessaniiru.
Lammileen nagaa biyyattii keessa jiran qaamolee gara garaan ajjeefamaafi gidiraan irra gahaa jirutti Ameerikaan baayyee akka gadditu kan ibsan Ambaasaaddar Masingaan, rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru karaa nagana akka furamuuf Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee qaamolee hidhatanii socho’aniifi mootummaatiif waamicha godhaniiru.
Waamichi US kun ergamaan addaa bulchiinsa Baayidan Maayik Hamar gamaaggama raawwii waliigaltee Piriitooriyaa irratti hirmaachuun, hooggantoota siyaasaa naannoo Oromiyaa waliin mariyachuu isaanii booda dhagaahame.
Mariin hooggantoota dhaaba KFO fi ABO waliin Wiixata darbe gaggeefame Oromiyaan akkamitti nagaa argattee Itoophiyaan biyya tasgabbii qabdu ta'uu akka dandeessurratti kan xiyyeefate akka ta'e Dura Taa'aan KFO Piroofesaar Mararaa Guddinaa BBCtti himanii turan.
Ambaasaaddar Maasingaan ergaasaanii 'Policy Speech' kana keessatti naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti qaamolee hidhatanii socho'an maqaa dhahuun wanta irraa eegan dubbatan.
''Warri Oromiyaa keessa jirtan, Waraanni Bilisummaa Oromoo m (WBO), waltajjii marii Daaresalaamirratti waliigalteerra ga’uuf dhugaadhaan tattaaffii taasistaniittu. Ammas abdii hin kutinaa.
Wal amantaa uumuuf tattaaffii keessan jabeessaa. Nageenya deeggarsa uummata bal’aa qabu mirkaneessuuf kutannoon hojii keessan itti fufaa'' jedhan.
Lola Oromiyaa keessatti WBO fi mootummaa gidduu adeemaa jiruun namootni nagaan dararamaa jiraachuu ibsuun dararaan kun xumura akka argatu gaafatan.
Hidhattoota Faannoo naannaa Amaaraa keessatti socho'aniifis dhaamsa dabarsan.
''Warri naannoo Amaaraa keessatti lolatti jirtan, kan Faannoo jechuun of waamtan, adaraa marii diduun keessan isinumaafuu faayidaa hin qabu.
Akkuma kutaalee Itoophiyaa kaanii asittis uummata nagaatu dararamaa jira. Uummanni naannoo Amaaraa jiru hedduun nageenyi ni bu’a jedhanii guddoo haawu. Yoo akkas ta’e isinis hawwii kana karaa marii nagaan dhugoomsuuf dirqama qabdu'' ittiin jedhan.
''Kanneen Tigraay keessa jirtan, warri TPLF; lammiilee qe’eerraa buqqa’an bakkatti deebisuuf akkuma dhukaasi dhaabbatuu qabu, lafa daangaarra jiru qabachuuf humna fayyadamuu dhiistanii, marii adeemsaan taliigamu, kan hunda hammate akka gaggeessitanin isin akeekkachiisa.''
Dabaluunis TPLF Marii Biyyaalessaafi Haqa Ce’umsaa keessatti hirmaannaa guutuu taasisuun gahee guddoo akka qabu ibsan.
Ergaa mootummaa Itoophiyaaf dhaamaniin humna waraanaan rakkoo siyaasaa furuu akka hin danda'amne hubachiisan.
''Kanneen biyyattii, Itoophiyaa, bulchuuf dirqamni isin harka jiru, mootummaan as jiru, biyyattiin karaa nagaa fi tasgabbiin malee adda waraanarraa waan feetu hin argattu'' jedhan.
Qaamolee isa morman hidhuufi dararuu akka dhaabuun hidhamtoota siyaasaakka hiikus waamicha godhan.
''Humna waraanaa fayyadamuun rakkoo siyaasaa walitti bu’iinsa dhale hin hiiku. Kanneen mootummaa qeeqan hidhuufi dararuun rakkoo biyyattii keessa deemaa jiruuf furmaata hin ta’u.''
Ambaasaaddar Masiingaan Yeroo kamuu caala amma Itoophiyaaf yeroo sirrii marii siyaasaa gochuun itti jiru ta'uu dubbatan.












