Ameerikaan Itoophiyaa bakka lolli deemaa jiru hundatti dhukaasni akka dhabbatu gaafatte

Madda suuraa, US EMBASSY
Mootummaan Ameerikaa waamicha dhukaasa dhaabuu qaamolee hidhatan hundaaf karaa embasiisaa Finfinnee jiruun dhiyeesse.
Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’an Erviin Masiingaa Roobii Caamsaa 15, 2024 dhimma mirgoota namoomaafi marii biyyaalessaa Itoophiyaatti gaggeeffamurratti 'dubbii imaammataa'(Policy speech) dhiyeessaniiru.
Lammileen nagaa biyyattii keessa jiran qaamolee gara garaan ajjeefamaafi gidiraan irra gahaa jirutti Ameerikaan baayyee akka gadditu kan ibsan Ambaasaaddar Masingaan, rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru karaa nagana akka furamuuf Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee qaamolee hidhatanii socho’aniifi mootummaatiif waamicha godhaniiru.
Waamichi US kun ergamaan addaa bulchiinsa Baayidan Maayik Hamar gamaaggama raawwii waliigaltee Piriitooriyaa irratti hirmaachuun, hooggantoota siyaasaa naannoo Oromiyaa waliin mariyachuu isaanii booda dhagaahame.
Mariin hooggantoota dhaaba KFO fi ABO waliin Wiixata darbe gaggeefame Oromiyaan akkamitti nagaa argattee Itoophiyaan biyya tasgabbii qabdu ta'uu akka dandeessurratti kan xiyyeefate akka ta'e Dura Taa'aan KFO Piroofesaar Mararaa Guddinaa BBCtti himanii turan.
Ambaasaaddar Maasingaan ergaasaanii 'Policy Speech' kana keessatti naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti qaamolee hidhatanii socho'an maqaa dhahuun wanta irraa eegan dubbatan.
''Warri Oromiyaa keessa jirtan, Waraanni Bilisummaa Oromoo m (WBO), waltajjii marii Daaresalaamirratti waliigalteerra ga’uuf dhugaadhaan tattaaffii taasistaniittu. Ammas abdii hin kutinaa.
Wal amantaa uumuuf tattaaffii keessan jabeessaa. Nageenya deeggarsa uummata bal’aa qabu mirkaneessuuf kutannoon hojii keessan itti fufaa'' jedhan.
Lola Oromiyaa keessatti WBO fi mootummaa gidduu adeemaa jiruun namootni nagaan dararamaa jiraachuu ibsuun dararaan kun xumura akka argatu gaafatan.
Hidhattoota Faannoo naannaa Amaaraa keessatti socho'aniifis dhaamsa dabarsan.
''Warri naannoo Amaaraa keessatti lolatti jirtan, kan Faannoo jechuun of waamtan, adaraa marii diduun keessan isinumaafuu faayidaa hin qabu.
Akkuma kutaalee Itoophiyaa kaanii asittis uummata nagaatu dararamaa jira. Uummanni naannoo Amaaraa jiru hedduun nageenyi ni bu’a jedhanii guddoo haawu. Yoo akkas ta’e isinis hawwii kana karaa marii nagaan dhugoomsuuf dirqama qabdu'' ittiin jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kanneen Tigraay keessa jirtan, warri TPLF; lammiilee qe’eerraa buqqa’an bakkatti deebisuuf akkuma dhukaasi dhaabbatuu qabu, lafa daangaarra jiru qabachuuf humna fayyadamuu dhiistanii, marii adeemsaan taliigamu, kan hunda hammate akka gaggeessitanin isin akeekkachiisa.''
Dabaluunis TPLF Marii Biyyaalessaafi Haqa Ce’umsaa keessatti hirmaannaa guutuu taasisuun gahee guddoo akka qabu ibsan.
''Nageenyaafi tasgabbii naannoo keessanii qofaaf osoo hin taane kan guutuu Itoophiyaaf murteessaadha'' ittiin jedhan.
Ergaa mootummaa Itoophiyaaf dhaamaniin humna waraanaan rakkoo siyaasaa furuu akka hin danda'amne hubachiisan.
''Kanneen biyyattii, Itoophiyaa, bulchuuf dirqamni isin harka jiru, mootummaan as jiru, biyyattiin karaa nagaa fi tasgabbiin malee adda waraanarraa waan feetu hin argattu'' jedhan.
Qaamolee isa morman hidhuufi dararuu akka dhaabuun hidhamtoota siyaasaakka hiikus waamicha godhan.
''Humna waraanaa fayyadamuun rakkoo siyaasaa walitti bu’iinsa dhale hin hiiku. Kanneen mootummaa qeeqan hidhuufi dararuun rakkoo biyyattii keessa deemaa jiruuf furmaata hin ta’u.''
Ambaasaaddar Masiingaan Yeroo kamuu caala amma Itoophiyaaf yeroo sirrii marii siyaasaa gochuun itti jiru ta'uu dubbatan.
Marii kanarratti ammoo ''kan morkattoonni siyaasaaa murteessoo ta’aniifi manneen hidhaa keessa jiran bahanii kan irratt hirmaatan ta’uu qaba'' jedhan.
Itoophiyaa keessatti dirree waraanaa keessatti mo’achuun yeroo gabaabaatti akka hin danda'amne kan dubbatan Ambaasaaddar Erviin Masiingaa, qaamoleen hidhatanis ta’e mootummaan yeroon itti marii gaggeessan amma ta’uu himan.
Kana milkeessuuf jalqabii gaarii kan ta’u guutummaa biyyattiitti waraana dhaabuu yeroof labsuudha jedhan.
''Biyyattii keessatti namoonni akka buqqa’an gochuu dabalatee gidiraa namoota nagaarra gahu keessatti qaamoleen hidhatan gahee mataasaanii qabu. Kun dhaabbachuu qaba. Manneen barnootaa, dhaabbileen fayyaa, bu’uuraalee bishaaniirratti haleellaan gaggeeffamu akka dhaabbatu deeggarsi namoomaa dhorkaa tokko malee namoota akka qaqqabuufan waamicha dhiyeessa.''
''Kunis guutummaa biyyattiitti waraana yeroodhaaf dhaabuu kan of keessaa qabatu ta’uu mala.''
Maasingaan wanti jala muranii dubbata dirree waraanaattii mo'ichi kan hin argamne ta'uudha.
''Kaayyoo ofii galmaan ga’achuuf waraanni akka itti fufu gochuun gidiraan ummata Itoophiyaa akka itti fufu gochuudha. Kanaafidha yeroon kun yeroo marii ta’uu kan qabu.''
Qaamoleen hunduu carraa mariin biyyaalessaa dhiyeessutti fayyadamuu akka qaban kan dhaaman Maasingaan adeemsichi ''rakkoo qabaatuu danda'us Garuu qaamolee hidhatan dabalatee, sagaleen hunduu akka dhaga’amu gochuuf banaadha'' jedhan.
Mootummaan isaanii adeemsa mariin godhamu akka deeggaruu akka itti fufus ibsan.












