Addeessarratti buufata nukilaraa ijaaruun dorgommii siyaasaatimoo dhuguma misoomaaf?

Yaadrimeen suuraa pirojektii annisaa nukilaraa Addeessarratti yaadamee kana fakkaata

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Yaadrimeen suuraa pirojektii annisaa nukilaraa Addeessarratti yaadamee kana fakkaata

Ameerikaan Addeessarra ri'aaktara nukilaraa dhaabuuf karoorsiteetti. Karoora kana hanga bara 2030tti milkeessuuf kan dhiheeffate ejensii hawaa biyyattii Nasa ta'uu miidiyaaleen US gabaasaniiru.

Kun qaama karoora Ameerikaan Addeessa iddoo jireenyaa dhaabbataa dhala namaaf gochuuf qabatteeti.

Dhaabbati miidiyaa Politico jedhamu akka gabaasetti qondaalli Nasa biyyoota karoora walfakkaataa qaban lameen- Chaayinaa fi Raashiyaa maqaa kaasuun karoora qaban ibsan.

Qondaalli Nasa kun biyyoonni lameen Addeessarratti ''bakka namoonni ga'uu hin qabne jedhanii daangaa sararuu danda'u,'' jedhan.

Garuu milkaa'ina karoora kanaa fi yeroo karoorfame keessatti hojiirra ooluu isaarratti gaaffiin ka'aa jira.

Yaaddoo fi gaaffiin kun hanqina baajataa yeroo ammaa Nasa mudatee jirurraa madda.

Saayintistoonni gariin ammoo karoora kana duuba galma siyaasa daangaatu jira jedhu.

Biyyoonni addunyaa kanaa kanneen akka US, Chaayinaa, Raashiyaa, Indiyaa fi Jappaan Addeessa to'achuuf wal dorgomu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaansaanii dhala namaaf qubsuma dhaabbataa Addeessarratti tolchuuf karoora qabu.

Ministirri geejjibaa US kan dhiheenya Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroof hoogganaa Nasa gochuun muudan Siyaan Daafii akkas jechuun waan dhaabbatichi gochuu qabu barreessan.

''Teeknooloojii kana xiyyeeffannaa addaan hojiitti hiikuun gara fuulduraatti misooma Addeessarratti hojjetamu tumsuuf akkasumas Maarsii irratti anniisaa maddisiisuuf walumaagala hawaa keessatti nageenya biyyaalessaa keenya mirkaneessuuf dhaabbati kun saffisaan fuulduratti deemuun dirqama ta'a.''

Qondaalli Nasa kun kaampaaniiwwan humna maallaqaa qaban ri'aaktara nukilaraa yoo xiqqaate anniisaa kiiloowaatii 100 maddisiisu Addeessarratti dhaabuuf akka karoora wixinee dhiheeffatan waamicha taasisaniiru.

Anniisaan kun birqabaan baayyee xiqqoodha. Garuu Addeessarratti misoomsuutu cima.

Addeessarratti ri'aaktara nukilaraa akka madda anniisaatti ijaaruu wanti jedhu kun yaadi isaa haaraa miti.

Bara 2022 Nasan kaampaaniiwwan sadi ri'aaktara kana akka ijaaraniif kontiraata doolaara miliyoona shanii kennee ture.

Baruma kana ji'a Caamsaa keessa ammoo Chaayinaa fi Raashiyaan hanga bara 2035tti buufata anniisaa nukilaraa ijaaruuf karoorfachuu ibsaniiru.

Saayintistoonni hedduun Addeessarra anniisaan akka jiraatuuf filannoon jiru kana qofa akka ta'e irratti waliigalu.

Yaada filatamaadhas jedhu.

Addeessarratti guyyaan tokko lafarratti torban afuriin walqixa. Torban lama ifa aduu qulqulluu walitti fufiinsaan qaba. Torban lama ammoo dukkana. Haala kanaan guyyaan tokko darba Addeessarratti.

Kun ammoo anniisaa argachuuf sirna soolaarii ykn ifa aduurratti hirkachuun qormaata guddaa akka ta'e mul'isa.

Chaayinaan bara 2020 ergama gara hawaa- Chang'e-5 jedhamu wayita raawwattu alaabaashee Addeessarra dhaabde

Madda suuraa, CNSA/CLEP

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan bara 2020 ergama gara hawaa- Chang'e-5 jedhamu wayita raawwattu alaabaashee Addeessarra dhaabde

Ingilaand, Yuniversitii Surrey jedhamutti barsiisaa fi qorataa hawaa kan ta'e Dr Sungwoo Lim ''Addeessarratti qe'ee garee muraasa qabatullee yoo hundeessite anniisaa sadarkaa meegaawaatiin lakkkaa'amu barbaachisa. Soolaarii fi baatiriin fedhii kana guutuu hin danda'u,'' yaada jedhu kenne.

''Anniisaan nukilaraa sadarkaa fedhii qofatti kan hafu miti, waan hin oolle ykn dirqama,'' jedhe saayintistiin hawaa kun.

Yuniversitii Lencaster jedhmautti pirofeesara saayinsii dachee fi hawaa kan ta'e Liyooneel Wiilson ''maallaqa barbaachisu dhiheessuuf kutannoon waan jiruuf,'' hanga bara 2030tti ri'aaktaroota Addeessarra dhaabuun waanuma danda'amudha jedha.

Ri'aaktaroonni xixiqqoon ammumallee dizaayiniin isaanii qophaa'eera jedhe.

Nasan sagantaa Artemis jedhamuun ogeeyyii fi meeshaalee barbaachisoo gara Addeessaa erguuf karoora qaba.

''Xiyyaarota samiiwwan sagantaa Artemis heddummeessuu qofatu barbaachisa. Balaliin kun heddummaannaan meeshaaleen ijaarsaa heddumminaan Addeessarra ni qaqqabu,'' jedhe Pirofeesar Wiilson.

Ammoo gama nageenyummaatiin ammas gaaffiin ka'aa jira.

Open Yuniversitiitti ispeeshaalistii saayinsii pilaaneetotaa kan ta'e Dr Siimiyoon Barber ''meeshaalee carallaa qaban (raadiyoo aktiiv ta'an) baqqaana qilleensaa dachee keessa dabarsuun balaa qaba. Kana gochuuf eeyyama addaa barbaachisa, nageenyummaan waan kanaa sirriitti mirkanaa'uu qaba. Garuu to'achuun ammoo inuma danda'ama,'' jedhe.

Qondaalli Nasa Siyaan Daafii, Pirezidant Tiraamp bara 2026 bajata Nasa irraa dhibbeentaa 24 hir'isuuf akka deeman labsuu hordofee dhaabbatichi wayita yaaddoo keessa galee jirutti karoora kana ibsan.

Saayintistoonni gariin karoorri aanga'aan Nasa yeroo kanatti dhiheessan kun galma siyaasaa kan of keessaa qabuu fi dorgommii addunyaan Addeessa to'achuuf taasisaa jirtu keessaati yaada jedhu qabu.

''Jalqaba wayita hawaa abuuruun jalqabu guyyoota dorgommiin turetti waan deebine natti fakkaata. Kun ammoo gama saayinsiin yoo ilaallu fudhatama hin qabu, yaaddessaadhas,'' jedha Dr Barber.

''Dorgommiin argannoo haaraa saffisiisuu danda'a. Garuu dandataa biyya ofii qofa kan dursan yoo ta'e, of qofaaf dhuunfachuuf kan fiigan yoo ta'e galma hawaa abuuruu fi sanaan duuba jiru irraa fagaachaa deemna,'' jedhe.

Aangawaan Nasa Daafiin Chaayinaa fi Raashiyaan ''addeessa daangeffachuu danda'u'' yaada jedhu wayita kaasan waliigaltee kanaan dura irra ga'an kan Artemis accords jedhamu wabeeffachuuni.

Bara 2020 biyyoonni torba akkamiin Addeessarratti sochii akka taasisan irratti biyyoonni maal gochuu akka qabanirratti waliigalteerra ga'anii turan.

Waliigalteen kun biyyoonni Addeessarratti sochii eegalan dhiheenya bakka hojiisaaniitti akkamiin ollaa nageenya qabu akka hundeeffatanii fi qabeenyasaanii akkamiin akka sochoosan ykn qubsiifatan of keessaa qaba.

''Ri'aakatara nukilaraa ykn buufata ta'e yoo Addeessarratti ijaarratan bakka sana akka qaamni biraa hin geenye falmachuu jalqabu. Meeshaa eeggannoo barbaachisu achii qabu waan ta'eef,'' jedhe Dr Barber.

''Biyyoonni gariin yeroon itti kutaa Addeessaa qooddatan amma ta'uu ibsatu. Bakki kun keenya, asirratti nutu hojjeta, ati as ga'uu hin dandeessu waliin jechuu eegalu.''

Dr Barber ri'aakatara gara nukilaraa geessuu dura dhimmoonni sirrachuu fi irratti hojjetamuu qaban hedduu akka ta'an dubbata.

Sagantaan Nasa Artemis 3 jedhamu bara 2027tti dhala namaa gara Addeessaa erguuf karoorfateera.

Garuu qormaati hedduun isa mudateera, keessattuu gama maallaqaan.

''Yoo buufata nukilaraa ijaarrattee garuu uummata achi qubsiisuu hin dandeenye kun bu'aa homaatuu hin qabu,'' jedhe.

''Ammatti karoorri kun waan qindaa'e ykn waan gurmaa'e hin fakkaatu.''