Black hole: Hawaa keessaa bakka qorattoonni ga'uu hin dandeenyee fi yoo ga'anis deebiin hin jirre

Qarattoonni hawaa qaama black hole kana adda baasuuf meeshaalee teleskoppii hedduu fayyadamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qarattoonni hawaa qaama black hole kana adda baasuuf meeshaalee teleskoppii hedduu fayyadamaa jiru

Kutaa hawaa keessaa tokko kan ta'e 'black hole' yeroo hunda maqaansaa wayita ka'u jechoonni akka dinqisiisaa, raajii, iccitii, balaafamaa... waliin ka'u.

Waan homaa hin jirre fakkaata, homtuu hin mul'atu. Miira sodaa fi balaa hamaa namatti uuma.

Waan ofitti nu harkisee nu liqimsee hafu fakkaata.

Achitti yeroon homaa miti. Ogeeyyiin kutaa hawaa kanaan 'black hole' jedhaniin.

Wanti homaa keessaa namatti mul'achuu hin dandeenye kun akkaan murteessaadha, humna guddaa qaba.

Harkisi isaa akkaan cimaadha. Akka black kan harkisa jabaa balaafamaa qabu hin jiru.

Iddoon dhokataa fi iccitii 'black hole' maali? Qorattoota hawaa maaliif yaaddesse?

Bakk akkaan murteessaa fi humna jabaa qabu maaliif jedhame?

Black hole akkamiin uumama?

Black holes urjiilee du'anirraa kan uumamuudha
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaa hawaa keessaa bakki qorattoonni hawaa black holes jechuun moggaasan urjiiwwan barbadaa'an irraa uumamu.

Caccabaan urjiiwwanii akkaan xixiqqoo fi rukkina akkasumas ulfaatina guddaa qabantu 'black holes' uuma.

Hangi qaama urjiiwwanii murteessaan (core) hanga biiftuu dachaa sadi yoo ta'e humni harkisaa isaa humnoota kaan hunda caaluu danda'a.

Yeroo kana caccabaan waan kanaa kukkufuun bakka tokkotti qaama 'black hole' jedhamu uuma.

Black holes rukkina guddaa akkaan jabaa ta'e qaba. Hangi isaanii akkaan guddaa ta'uun guulli harkisaa (gravitational pull) cimaa akka ta'u taasisa.

Humni kun hanga ifa aduu liqimsuutti ga'a. Kanaaf baayyee gurraacha'a.

Ogeeyyiin hawaa gaalaaksiiwwan geengoo fi golboo ta'an hedduun handhuurasaanii irratti black holes qabu jedhanii amanu.

Black hole gosa saditu jira. Stellar-mass black hole kan jedhamu hangaan baayyee xiqqoodha. Kun hanga biiftuun yoo madaalamu yeroo tokkoo fi 100 ta'a.

Danaan urjii inni gidduu (handhuurri) erga caccabee booda dhohiinsa uumamurraati kan uumamu.

Black hole inni guddaan Supermassive black holes jedhamu hangi isaa kan biiftuu yeroo miiliyoonota yookiin biiliyoonota hedduu ta'a.

Gosti black hole kun gosoota kaan akkasumas urjiiwwan biroo harkisee ofitti dabaluun hangaa fi danaa guddaa qabaatee kan uumamuudha.

Gosti black hole sadaffaan Intermediate-mass black holes jedhama. Kun ammoo kan jalqabaa fi lammataa gidduutti kan argamudha.

Waa'een black hole gosa kanaas iccitiidha. Waan hedduu beekuun rakkisaadha.

Garuu ulfaatina aduun yoo madaalamu yeroo 100 fi kuma 100 gidduu akka ta'u tilmaaman qorattiinni hawaa.

Black holes maaliif barbaachisan?

Black holes

Madda suuraa, Getty Images

Black holes sochii jeeqamaa urjiiwwan hawaa keessatti taasisan hubachuun waan gaalaaksiin keenya itti jiru beekuun alatti saayintistootaaf barnoota fiiziksii guddoo kennaaf.

Tiyooriin birqamaa saayintistii beekamaa addunyaa Albart Ayinistaayin- Einstein's theory of general relativity jedhamu wantoonni haala bakkaa fi yeroon jijjiiramu jedha. Kun ammoo guula harkisaa (gravity) uuma.

Rukkina cimaa kan qaban black holes wantoota hanga guddaa qaban waan ta'aniif harkisa guddaas qabu.

Haalli kun tiyoorii Ayinistaayin qoruun waan oolu miti.

Fakkeenyaaf handhuura (walakkaa) black hole tokkoo yoo ilaalle akkaan walxaxaadha.

Humni achi jiru akkaan jabaa waan ta'eef wantoota erga ofitti harkisee maaltu akka itti aanu baruuf saayintistoonni ni rakkatu.

Akkaataan tiyoorii birqabaa Ayinistaayiniin yoo ilaalamu wantoonni gara black hole erga harkifamanii booda ni dhabamu.

Tiyooriin fiiziksii dhimma wantootaa fi ifaa ilaalu- quantum mechanics ammoo kun waan ta'u miti jedha.

Tiyooriiwwan lameen walitti araarsuuf black holes dirree akkaan murteessaa ta'edha.

Ogeeyyiin astiroo fiiziksii fi herregaa (astrophysicists and mathematicians) qorannoo bal'aa gaggeessuun gara tokkotti dhufuuf dirreen kun faayidaa guddaa qaba.

Black holes arguu dandeenyaa?

Black hole rukkina cimaa waan qabuuf bakkaa fi yeroo isaa baruun ni cima
Ibsa waa'ee suuraa, Black hole rukkina cimaa waan qabuuf bakkaa fi yeroo isaa baruun ni cima

Black holes guula harkisaa (gravitational pull) olaanaa waan qabuuf dandeettii salphaatti ifa liqimsuu qaba.

Kanaafuu kutaan akkaan gurraacha'u waan ta'uuf kallattiin arguun hin danda'amu.

Sababa kanatti qorattoonni hawaa teleskoppii leensii fi fullee fayyadamuun bakka ifi jiru irratti xiyyeeffatee argu fayyadamuurra teleskoppii dambalii fi carallaa giraavitii arguu danda'u fayyadamaa jiru.

Albart Eyinstaayin bara 1915 keessa wantoonni yeroo hawaa keessa socho'an dambalii isaan uuman irratti tiyoorii baasee ture.

Jaarraa tokko booda bara 2015 tiyooriinsaa kun sirrii ta'uun mirkanaa'e.

Qorattoonni jaarmiyaa Laser Interferometer Gravitational-Wave Observatory (LIGO) jedhamuu yeroo jalqabaaf dambalii guula harkisaa wayita adda baasan tiyooriin Eyinistaayin baase sun sirrii ta'uu dhugaa bahan.

Black holes wantoota naannawa isaanii jiran irratti dhiibbaa uumaniin eessa akka jiran baramu malee kallattiin hin mul'atan.

Gaazii, dhukkee fi urjiiwwan ofitti harkisuun erga liqimsanii booda akkaan ho'u. Isa booda carraa ho'aa cimaa ta'e gadhiisu, kanaan eessa akka jiran baramu.

Ebla 2019 suuraan black hole gaalaaksii Massier 87 jedhamee moggaafame gaadiddeessee argamee ture.

Gaalaaksiin kun qaama tuuta gaalaaksii Virgo jedhamanii yoo ta'u gaaddidduun black hole kan argamuu danda'e teleskoppii Event Horizon Telescope jedhamuun beekamuun argame.

Kun tuuta teleskoppii saddeet bakka tokko dhaabamanii black hole suuraa black hole argachuuf qofa hojjetamedha.

Suuraan bara 2019 argame sun kan black hole, hanga biiftuu yeroo biiliyoona 6.5 ta'uuti jedhame.

Dacheeraa ammoo bara ifaa miiliyoona 55 fagaata.

Suuraan argame sun ifa miidhagaa wayitti marfame fakkaata. Gaazii ho'etu dabali'ee daangaa black hole marsee mul'ata.

Black hole pilaaneetii itti dhihoo jiran gargar baqassuun ofitti liqimsuu danda'a
Ibsa waa'ee suuraa, Black hole pilaaneetii itti dhihoo jiran gargar baqassuun ofitti liqimsuu danda'a

Black hole keesatti yoo kufan maaltu ta'a?

Gaafii guddaan kana. Dhugumayyuu utuu black hole keessatti kufanii akkam ta'u?

Raagi waan kanaa hagas mara miti. Dhugaa jiru raaganii ibsuunis baayyee waan danda'amu miti.

Humni black hole garuu qaama namaa kana akka paastaa gochuu danda'a jedhan qorattoonni.

Humni harkisaa achi jiru qaama namaa gubbaa hanga godaatti ofitti maxxansuun gargar diddiiguu danda'a jedhan.

Gara kutaa hawaa maalummaansaa hin beekamnee- black hole kana deemuuf qaamni ija jabaatee as ba'e hin jiru.

Garuu yoo ta'eef imallisaa sarara daangaa pilaaneetotaa fi bakka kanaa- event horizon jedhamee beekamuurraa eegala.

Sarara sana dabarraan as deebiin hin jiru. Keessa teessee nama ala jiru arguu dandeessa, garuu kan ala jiru si arguu hin danda'u.