Biyyoonni Afrikaa saatalaayitii gara hawaatti ergatan eenyufaadha?

Saatalaayitiin Senegaal jalqabaa meeshaa saatalaayitii gara hawaa ergu SpaceX dhaan Hagayya darbe gara hawaa ergamte

Madda suuraa, SpaceX

Ibsa waa'ee suuraa, Saatalaayitiin Senegaal jalqabaa meeshaa saatalaayitii gara hawaa ergu SpaceX dhaan Hagayya darbe gara hawaa ergamte

Hagayya 16 saatalaayitiiwwan 116 teeknooloojii saatalaayitii gara hawaa furguggisuun imala eegalan, hedduunsaanii kanneen biyyootaa fi kubbaaniyyaawwan lixaan hojjetamaniidha.

Saatalaayitiin tokko garuu isaan keessaa adda. Saatalaayitii yeroo jalqabaaf Afrikaa keessaa Senegaaliin hojjetamtedha.

Saatalaayitii xiqqoon GaindeSAT-1A jedhamuun moggaafamte kun gubbaarraa dachee to'achuu fi tajaajila kominikeeshiniif gargaarti.

Pirezidantiin Senegaal tarkaanfii guddaa ''gama birmadummaa teeknooloojiin'' fudhatamedha jedhan.

Itoophiyaanis Muddee 20, 2019 Chaayinaa waliin ta'uudhaan saatalaayitii jalqabaa Ethiopian Remote Sensing Satellite - 01 (ETRSS – 01) jedhamtu hawaaatti erguun milkoofteetti.

Saatalaayitiin Itoophiyaan gara hawaa ergite kun buufata saatalaayitii Chaayinaa magaalaa guddoo biyyattii Beejingirraa kiiloomeetira 400 fagaatu irraa dhukaafame.

Saatalaayitiin kun hojii qonnaa, albuudaa, eegumsa naannoo, jijjiirama haala qilleensaa, tekinooloojiiwwan odeeffanootiif tajaajila odeeffannoo dhiyeessuu kan dandeessudha jedhameera.

Saatalaayitii kanarraa odeeffannoon kan fudhatamu Buufata To'annoo Saatalaayitiifi Odeeffannoo Fudhachuu Inxooxxootti argamurraati.

Itoophiyaan saatalaayitii kana erguuf dolaara miliyoona 10 baaste, kana keessaa miliyoonni ja'a mootummaa Chaayinaarraa kan argamedha.

Erga saatalaayitiin kun furguggifamtee waggaa tokko booda saatalaayitiin biroo tajaajila wal fakkaataa kennitu, ET-Smart-RSS, ergamuu gabaafamee ture.

Bara 2023 ammoo Saatalaayitoonni Itoophiyaan dacheerraa odeeffannoo akka funaanan hawaatti ergite hojii dhaabuu isaanii Inistitiyuutiin Ji’oo Ispaashaaliifi Saayinsii Ispeesii Itoophiyaa beeksisee ture.

Saatalaayitii Itoophiyaan Chaayinaarraa ergite

Madda suuraa, Girum Chala

Ibsa waa'ee suuraa, Saatalaayitii Itoophiyaan Chaayinaarraa ergite
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota dhihoo kana gatiin saatalaayitiin gara hawaatti erguu hir'ataa dhufeera.

Kwaku Sumah hundeessaa fi daarektara dhaabbata gorsaa dhimma hawaa Afrikaa- Spacehubs Africa jedhamuuti.

''Baasiin saatalaayitiin gara hawaatti ittiin ergan hir'achuun carraa hedduu baneera. Biyyoonni xixiqqoon teeknoojii kana keessatti hirmaachuuf carraa argataniiru,'' jedhe.

Yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa 17 ta'an saatalaatiiwwan 60 caalan orbitiirra galchaniiru.

Senegaal, Jibuutii fi Zimbaabween ammoo ji'oota 12 darban saatalaayitiiwwansaanii hojii eegalsiisaniiru.

Biyyoonni Afrikaa hedduun waggoota dhufan keessatti saatalaayitii isaanii orbitiirra galchuuf qophiitti jiru.

Garuu ammallee ardiin Afrikaa meeshaa saatalaayitii gara hawaatti ergu hin qabdu.

Ammoo biyyoonni addunyaa humna qaban gama sagantaa hawaan jalqabbii biyyoonni Afrikaa eegalan akka carraatti fayyadamuun hariiroosaanii cimsuu eegalaniiru.

Olaantummaa gama teeknooloojii hawaan qaban akka carraatti fayyadamuun biyyoota Afrikaa to'achuuf hojiitti jiru.

''Biyyoota Afrikaaf saatalaayitii mataasaanii qabaachuun murteessaadha,'' kan jedhu Aab Sumah, yoo akkas godhan qofa teeknooloojii kanatti madaquu fi ragaa saatalaayitii kan mataasaanii qooddachuu danda'u jedhe.

Biyyoonni Afrikaa saatalaayitii mataasaanii yoo qabaatan odeeffannoo waa'ee oomishaa argachuuf, balaawwan uumamaa as adeeman kanneen akka balaa lolaa dursanii baruu akkasumas iddoowwan giddugala biyyaarraa fageenyarratti argamaniin tajaajila telekominikeeshinii ga'uuf humna godhatu.

Jessie Ndaba hundeessituu fi hooggantuuu dhaabbata hawaa Afrikaa Kibbaa kan saatalaayitii hojjetu Astrofica Technology jedhamuuti.

Akka isheen jettutti Afrikaa keessatti imalli gara hawaa ''hojii beektota qofaaf kennamedha.''

Rakkoolee sababa jijjiirama qilleensaa Afrikaa keessatti mudataa jiraniif furmaata kaa'uuf teeknooloojii hawaarratti xiyyeeffachuun murteessaadha jetti.

Oomisha ooyiruurra jiru, haala qilleensaa fi qabeenya uumamaa to'achuuf saatalaayitiin murteessaadha.

Biyyoonni Afrikaa gara addeessaa yookiin Maarsiitti imaluuf waldorgomuu caalaa saatalaayitii gara hawaa erguun misoomaaf itti fayyadamuuf dursa kennuu qabu jetti ogeettiin dhimma hawaa kun.

''Akka Afrikaatti rakkoon nuti qabnu maali jennee adda baasuun sanaaf furmaata barbaaduurratti xiyyeeffachuu qabna.''

Dhaabbata Raaga Haala qilleensaa Keenyaa irraa kan taate Saaraa Kimaanii saatalaayitiin rakkoo haala qilleensaa hamaa adda baasuuf akka ishee fi waahillanshee gargaare himte.

Ragaa saatalaayitii fayyadamuun ''kallattii bubbee dhukkee baatee deemuu hubannee of eeggannoo dursaa kennineerra,'' jechuun faayidaa saatalaayitii ibsite.

Biyyishee Keeniyaan saatalaayitii gubbaarraa gadi dachee to'attu bara darbe gara orbitii kan ergite yoo ta'u, fuulduratti biyyattiin saatalaayitii mataasheerraa akka fayyadamtu abdii guddaa akka qabdu ibsite.

Keeniyaan saatalaayitii mataasheerraa fayyadamuu akka eegaltu abdii qabaachuu ibsite Saaraa Kimaanii

Madda suuraa, Sarah Kimani

Yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa hedduun sagantaa qorannoo hawaa qabaatanis garuu teeknooloojii fi ogeeyyii biyyoota alaarratti hirkatanii jiru jedha Temidayo Oniosun.

Aab Oniosun dhaabbata Hawaa Afrikaa, qorannoo gabaa fi gorsaa kaampaaniitti hoogganaadha.

Biyyoonni gariin barattoota fi injinaroota isaanii gara alaatti erguun beekumsa saayinsii hawaa akka gonfatan taasisaa jiru.

''Rakkoon garuu namoonni kunneen wayita gara biyyaatti deebi'an laaboraatooriin hin jiru, meeshaan teeknooloojii ittiin shaakalan homaa hin jiru,'' jedha Aab Osiosun.

Saatalaayitiin Senegaal haarofti ogeeyyii biyyattiin hojjetamte. Warri Senegaal qophaasaanii saatalaayitii kana hojjetanii gara hawaatti hin ergine, garuu adeemsa ture hunda keessatti ga'eensaanii olaanaadha.

Hojii saatalaayitii kanaa Yuniversitii biyya Faransaay waliin ta'uun xumuran. Saatalaayitiin kun Kaalifoorniyaarraa gara hawaatti ergamte. Kan erge ammoo SpaceX Falcon 9 jedhama.

Itoophiyaan sagantaan hawaa ishee hojii qonnaa fooyyessuu fi gogiinsaaf fala kaa'uuf akka ishee gargaaru abdatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan sagantaan hawaa ishee hojii qonnaa fooyyessuu fi gogiinsaaf fala kaa'uuf akka ishee gargaaru abdatti

Awurooppaa, Chaayinaa fi US sagantaawwan hawaa biyyoota Afrikaa hedduu keessa harka galfachuun beekamu.

Kun dhugaatti saatalaayitoonni biyyoota Afrikaa gara orbitii akka seenan gargaareera. Akkasumas akka meeshaa dippiloomaasiittis gargaareera jedha Aab Oniosun.

Haalli kun hanga tokko akka isa yaaddessusu hin haalle.

Kanneen waa'ee sagantaa hawaa Afrikaa hordofan sagantaan hawaa biyyoota Afrikaa qorannoo hawaatti seensisuu qofa miti jedhu.

Bakk itti biyyoonni addunyaa humna qaban wal dorgomaniidhas jedhan.

Aab Sumah isa biyyoonni gama teeknooloojii hawaan humna qaban sagantaa hawaa Afrikaatti seenuun tumsan akka gaariitti ilaala.

''Biyyoota humna qaban kunneen waliin hojjechuun waa hedduu irraa fayyadamuu dandeenya,'' jedha.

Qondaaltonni US fi Chaayinaa sagantaa hawaa biyyoota Afrikaa keessatti hirmaachuu akka tarsimootti ilaalu jette Yuniversitii Delaware irraa kan taate Julie Klinger.

Garuu biyyoonni Afrikaa osoo tokko ta'anii hojjetan carraa guddaas qabu. Giddugalli irraa saatalaayitii gara hawaa ergan kan naannolee ikuwaatooriyaal jiranii boba'aa xiqqoodhaan kan hojjetudha.

Kun yoo mijate waggoota kurna dhufan keessatti dorgommiin biyyoonni Afrikaa saatalaayitii gara hawaa erguuf taasisan daran heddummaata jetti Julie Klinger.

Fakkeenyaaf giddugalli saatalaayitii Luigi Broglio Space Center jedhamu kan Xaaliyaaniin qarqara galaanaa Keeniyaatti ijaartee turte guyyaa tokko osoo tajaajila kennuutti deebi'ee kun biyyoota Afrikaaf carraa guddaadha.

Giddugala kanarraa yeroo dhumaaf saatalaayitiin gara hawaatti kan ergame bara 1980oota keessa ture.