“Abjuu Tiraamp waa’ee Ulaa Hormuuz qabu yeroo dhiyootti sirreesina,” Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz “kutaa bulchiinsa haaraa Ameerikaati” jechuu isaa hordofee ministirri dhimma alaa Iraan Kaazim Gaaribaabaadii “abjuudha” jechuun Tiraampiin qeeqe.
“Doonaald Tiraamp akkuma Galoo Galaanaa Peershiyaa sirriitti barreessuu barate, waa’ee Ulaa Hormuuz abjuu inni qabu yeroo dhiyootti ni sirreessina,” jechuun barreesse.
Tiraamp fakkii miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social jedhurratti Ulaa Hormuuz itti maree “Kutaa bulchiinsa haaraa Ameerikaa” jechuun barreesseera.
Ministirri itti aanaa dhimma alaa Iraan fakkii kana irra deebiin qoodeera.
Gama kaaniin afayaa’iin paarlaamaa Mahaammad Bagaar Galibaaf gamasatiin Ameerikaan waliigaltee Iraan waliin taasifte hojiirra oolchuu baannaan Ulaan Hormuuz akka hin banamne beeksiseera.
Odeeffannoo biroo dabalataa kana waliin deeman:




