Diddaa gabrummaa moo diddaa hiyyummaa?- Har'a Oromoon maaliirratti qabsaa'a?

Madda suuraa, SAMUEL HABTAB GEBRU
Kan Itoophiyaa gaggeessaa jiran, Ministirri Muummee Abiy Ahimed Saba Oromoo keessaa erga bahanii dargaggoonni Oromoo bosona jiraniifi ABO-WBOtti makaman maaliif har'as qabsoo hidhannoo gaggeessu?
----------------------------------------------------------------------------------------------------
Ol aantummaa bulchiinsa TPLF waggoota 27 booda diddaafi fincila Qeerroo Oromiyaa keessaafi naannolee kaaniin MM Abiy Ahimed bara 2018 paartiidhuma keessa turan Adda Warraaqsa Dimokiraatawaa Ummata Itoophiyaa (AWDUI) keessaa gara aangootti dhufan.
Kutaalee Oromiyaa hunda keessatti sagalee gammachuu guddaatu dhagahame. Ministira Muummee jalqabaa Oromoo keessaa filatame tahan.
Godinaalee Oromiyaa deeman keessatti uummanni kumaatamaan bahee isaan simate. 'Ilma Abbaa Gadaa' isaaniin jedhan. Daawwannaa jalqabaa isaaniin Tigiraay keessattillee simannaa guddaan godhameef.
Naannoo Amaaraatti 'Musee' Itoophiyaa ceesise jedhamuun faarfamaniiru.
Paartilee mormituu biyyaa baqatanii waggoota dheeraa turan akka ABO, Ginbot 7, Adda Bilisa Baasaa Uummata Ogaadeniifi kaanis biyyatti galchan.
Amma dirreen siyaasa Itoophiyaa banameera, dimokiraasii dhugaan Abiy jalatti dhufaa jira jedhame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaazexeesitoota dabalatee namoota siyaasaa hidhaa turan hiikan. Araara labsaniiru. Ertiraa waliin araara buusuu isaaniin Looreetii Nagaa Adunyaa jedhamuun Badhaasa Noobilii nagaa 2019 mo'achuun gaggeessaa jalqabaa Itoophiyaa tahan.
Dinagdee biyyattii irra caalaan mootummaan qabame abbootii qabeenyaa dhuunfaaf banaa gochuu jalqaban.
Gaggeesitoota duraanii malaammaltummaa gurguddaa raawwachuun shakkaman seeraan gaafachiisuu jalqaban. Yeroo kana biyyattii waggoota 27 oliif olaantummaa siyaasaa fudhachuun bulchaa kan ture TPLF irraa mormiin mudachuu jalqabe.
Suuta suuta garaagarummaa siyaasaa qabanis bal'achaa dhufe. MM Abiy Ahimed Paartii Badhaadhinaa hundeessuu ibsan. Paartileen AWDUI keessa turaniifi garuu paartileen naannolee akka Somaalee, Benishaangul, Gambeellaa sagalee guddaa hin qabnes amma Paartii Badhaadhinaatti makaman.
TPLF murtoo kana fudhachuu diduun wal dhabdeen asii jalqabe hanga waraana Kaaba Itoophiyaa lubbuu kuma dhibbaan galaafateetti fulla'e.
Dubbii keenyarratti, michuu MM Abiy Aimed kan tahan Obbo Lammaa Magarsaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa kana mormanii ture.
Garuu ergasii sagaleen nama siyaasaa akkaan leellifaman kanaa achumaan bade. Siyaasatti deebi'uu dhiisuu waan beekamellee hin jiru.
Naannoo Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo bosona Lixa Oromiyaafi Kibbaatti hafan humnoota nageenyaa mootummaa waliin walitti bu'insi dabalaa dhufe.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa hanga har'aatti hammaate godinaalee naannichaa hedduutti babal'ate.
Namoota nagaan ajjeefamuu, dhaabbileen adda addaa saamamuun, namootni nagaa ukkaamfamanii maallaqa guddaa gaafatamuun Oromiyaa keessatti waan baratame tahaa dhufe.
ABO-WBO Kumsaa [Marroo Dirribaa] hogganamu loltoota hedduu leenjisuu itti fufe.
Mootummaan garee kana shororkeessummaan galmeesse. Paartiin Badhaadhinaa MM Abiy Ahimediin gaggeeffamu gaaffiin siyaasaa Oromoon waggoota dheeraaf gaafataa ture amma deebi'eera jedha.
ABO-WBO ammoo ilaalacha siyaasaa kanarraa adda tahe qaba. Ammayyuu Oromoon 'bilisa hin baane' yaada jedhu kaasu.
Garuu gaaffiin Oromoo osoo hin deebi'iin hafee qabsoo hidhannoon akka deebi'u barbaadame maali?
Oromoon siyaasa Itoophiyaa keessaa ammas moggeeffameeraa? Gaaffii abbaa biyyummaa, mirga ofiin of bulchuu dhabe moo dinagdee biyyattii irraa fayyadamuu dadhabe?
Oromoon hin bilisoomnee?
Ummanni Oromoo uummata Itoophiyaa miliyoona 120 taha jedhamee tilmaamamu keessaa isa guddaadha.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti bara bulchiinsa Minilik, Haayile Sillaaseefi Dargii, akkasumas ADWUI keessa cunqurfamaa turuu himama.
Ummata Oromoo sirna cunqursaa siyaasaa yeroo sanaa jalaa bilisa baasuuf Paartiin jalqaba hundaa'uun qabsoo hidhannoo jalqabe ABOdha.
Ummata Oromoo cunqursaa jalaa baasuun bilisaan afaan isaan akka dubbatuufi Afaan Oromoo afaan guddaa waan taheef afaan hojii mootummaa akka tahu, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabichaa dhugoomsina, mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiisna jechuun mootummaa Dargii waliinis waraana gaggeessaa ture.
Dhugaadha Afaan Oromoodhaan dubbachuun sirnoota siyaasaa Itoophiyaa darban keessatti yeroo akka yakkaatti ilaalalamaa ture jira. Har'a garuu yakka miti, hin dhorkamus. Afaan miidiyaa gurguddaas taheera.
Gaaffileen kunneen waggoota 50 dura yeroo ABO hundaa'u haa ka'aniyyuu malee ammas ABO-WBO kan Marroo [Kumsaa] Dirribaan durfamu, gaaffileen kunneen ammayyuu deebii gahaa waan hin arganneef qabsoo hidhannoo gaggeessa jira jechuun yeroo adda addaatti BBCtti dubbataniiru.
Tibbana MM Abiy Ahimed gara magaalaa Naqamtee deemuun yoo dubbii taasisan ''ummanni keenya biyya abbaa isaa irratti akka lammii lammaffaatti ilaalamaa ture.
''Ummani keenya jaarraa tokkoof eenyummaan isaa sarbamee, afaan isaan akka hin gargaaramne godhamee, lafa isaa sarbamee, biyya kana dhiisee baqachuu sadarkaa hin dandeenyetti, biyya isaa keessatti hidhamee jaarraa tokkoof tureera.
''Bara akkasii qabsaa’uun, aarsaa kaffaluun, sirna diddaa garbummaaf aarsaa barbaachisu kaffaluun barbaachisa. Har’a garuu ummanni Wallaggaa beekuu kan qabu Oromoon bilisoomeera,'' jedhan.
Dubbiin ministira muummee kun kaaniif dhugaadha, kaaniif ammoo akka hin liqimfamne miidiyaa hawwaasaarrattis bal'inaan qoodamaa tureera.
Duubatti deebinee yoo ilaallu, mootummaan Dargii erga kufee AWDUI aangoo qabatee naannoleen sirna federaalizimiin akka sabaafi afaan dubbataniitti ijaaramaniiru.
Naannoleen sagal yeroo hundeeffamanis akkaataa Heera mootummaa Itoophiyaatti mirgi ofiin of bulchuu isaanii kabajamee pirezidaantii mataa isaaniin bulaa turan.
Naannoon Oromiyaas naannolee Itoophiyaa ofiin of bulchan keessaa tokko. Kun har'as itti fufeera.
Erga Abiy Ahimed aangoo qabatanii as naannoo Oromiyaa keessatti olaantummaa siyaasaa fudhachuun qaamni alaa dhufe dhiibbaa gochaa jiru jiraa?
Hayyuun Seeraafi siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan hordofu Dr. Henook Gabbisaa ammayyuu gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo hindeebine jedhu.
''Abbaa biyyummaa jechuun aangoo qabachuu jechuu miti. Haayilesillaaseen Oromoo of keessaa qaba; Dargiinis. Abiyis akkasuma. Abbaa biyyummaa jechuun mootummaa ofii filatanii ittin buluu jechuudha. Paartii Badhaadhinaa Oromoon filateera jechuun yoo danda’ame, OPDOnis mootummaa Oromoo ture jechuudha,'' jechuun deebisu.
Dabalataan ABO-WBO bulchiinsa MM Abiy jalatti dirreen siyaasaa dhiphateera, namootni siyaasaa hidhamaa, ajjeefamaa jiru, namootni nagaa ajjeefamaa waan jiraniif ummata Oromoo sirna kanarraa bilisa baasuuf qabsoo hidhannoo gaggeessaa jirra jedhee amana.
Namootni siyaasaa tokko tokko ammoo amma 'obbolaatu wal ajjeesaa jira' jedhu. Dur yeroo olaantummaan siyaasaa harka TPLF jala ture ummata Oromoo isaan jalaa baasuuf qabsoofna jedhama.
Har'a Oromoo bittaa eenyu jalaa bilisa baasu? kan jedhu ammas gaaffii wal falmisiisudha.
Xiinxalaa siyaasaafi aktivistii beekamaa Jawaar Mahaammad ofiis mana hidhaa turuun kan bahe, yeroo tokko 'uummanni garbummaa ormaa ni obsa, irrattis ni qabsaa'a. Garuu garbummaa nama [saba] isaa irraa itti dhufte danda'ee hin baatu,' jechuun dubbatee ture. Kun yeroo Dr Abiy Ahimed gara aangootti dhufanidha.
Gama biraan ammoo qeeqxonniifi xiinxaltootni siyaasaa Amaaraa ummata Oromoo kana ''Baale Gizee'' jechuun waamu.
Oromoon addatti faayidaa akka argateefi siyaasa biyyattii olaantummaan to'ateetti kanneen waaman jiru.
MM Abiy Ahimed Oromoon addatti aangoo hedduu waajjirri federaalaa itti qabate akka hin jirre himaniiru.
Garuu gama paartiilee Oromoodhaanis bulchinsi MM Abiy ni qeeqama.
Akka yaada 'finxaaleyyii' Amaaraa tokko tokkootti Oromootu aangoo biyyaa harkaa qaba.
Akka Paartilee mormituu Oromoo fi ABO-WBO kan qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiraachuu himuuf ammoo mirgi Oromoo ammayyuu bulchiinsa MM Abiy jalatti hin kabajamne. Kun biyyattii rakkoo siyaasaafi tasgabbii dhabuu keessa buuseera.
Dr Heenok Gabbisaa itti dabaluun, cunqursaan jiru akka sabaatti tahuu baatus gareen ifa argeeru jira jedhu.
''Garbummaa jalaa bahuuf kadhata illee ni barbaachisa. Bilisummaa kan nagaa irratti hundaa’e bifa kamiinuu argamuu qaba,'' jedhanii amanu.
Gaaffiin siyaasaa har'a jiru maali?

Madda suuraa, FUULA FEESBUUKII WAAJJIRA MM
Waggoota 100 oliif gaaffii ummata Oromoo kan ture keessaa muraasni afaan isaan [Afaan Oromoo] barachuufi gargaaramuudha.
Kan biraan ammoo mirgi abbaa biyyummaasaa akka kabajamuufi akka lammii jalqabaatti ilaalamuu akka qabu falmataa ture. Kana dhugoomsuuf qabsoon hidhannoos gaggeeffamaa tureera.
MM Abiy Ahimed torbee darbe yeroo gara Wallaggaa, magaala Naqamtee deeman haasaa isaanii keessatti har'a uummata Oromoof ''afaan isaan gargaaramuu waan jedhu gaaffii isaa miti. Gaaffiin isaa inni haaraan afaan kun afaan teeknoloojii, afaan misoomaa, afaan adunyaarratti beekamu haa tahu kan jedhudha malee gaaffii afaan kootiin gargaaramuu jedhu bira dabarree jirra,'' jedhan.
Waggoota 30 darbaniif Afaan Oromoodhaan barachuufi dubbachuun yerootti kabajameefi dhugoomedha.
Garuu afaanichi sadarkaa naannootti afaan hojii mootummaa tahus, afaan hojii mootummaa biyyaalessaa garuu hin taane.
Bara 2019 MM Abiy Ahimed yeroo Paartii Badhaadhinaa hundeessuu ibsan Afaan Oromoo dabalatee afaan Tigree, Afaar fi Somaalee afaan hojii Paartichaa akka tahan murteessuu himaniiru.
Duraan tahee kan hin beekne magaalaa Finfinnee keessa barjaaleen waajjiraalee mootummaa, manneen barnootaafi kaanillee afaan Amaaraa fi Afaan Oromoon wal biratti barraa'aa jiru.
Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisan banamiiru. Magaalicha aadaafi duudhaa Oromoo kan fakkaataniin ijaaruufi seenaa jallate qajeelchuun ni mul'ata.
MM Abiy Ahimed kanaaf tahuu mala gaaffii 'afaankoon nan dubbadha, baradha' kan jedhu bira dabarreerra kan jedhan.
Itti dabaluun, MM Abiy ''Oromoon gaaffii abbaa biyyummaa, gaaffii ofiin of bulchuu jedhu har’a hin qabu. Ijoollee kichuu itti kaffalee, aarsaa qaalii kaffalee, didee dhiiga isaafi lafee isaatiin gaaffii abba biyyummaasaa dhugoomsee jira. Gaaffii kanaaf hin qabsoofnu,'' jechuun istaadiyeemii Wallaggaatti ummata isaan simachuuf bahe fuulduratti dubbatan.
Dr Heenok yaada kana gabaabsanii yoo ibsan ''Oromoon aangoo siyaasaa hin qabannee. Oromoo keessaa gareen OPDOtu aangoo qabatee Oromoota kaan ajjeesaa jira,'' jechuun qeequ.
MM Abiy gaaffii ummanni Oromoo har'a qabu ''misoomuu qabna, ijoolleen keenya lafa keenya gurguruu hin qaban, tajaajila haqaa kennuu qabu kan jedhudha. Isammoo har’as qabna. Kanaaf ammoo du’uu nu hin barbaachisu,'' jedhan.
''Qabsoo kaleessaa karaa nagaatiin, yaada haaraa maddisiisanii mari’achuufi dorgomuu hin danda’amu waan taheef aarsaa qaalii kaffalleerra. Didneerra, qabsoofneerra, mormineerra, qabsoofneerra. Waaqa keenya qabannee mooneerra.
''Kan mo’e injifannoo tikfachuuf qabsaa’a malee injifannoo haaraaf hin qabsaa’u,'' jedhan.
Haatahu malee, Filannoo Itoophiyaan yeroo darbe gaggeesite irratti paartilee siyaasaa Oromoo akka ABO fi KFO hin hirmaanne.
Hoggantootniifi miseensonni isaanii jalaa hidhamuufi waajiraaleen isaanii jalaa cufamuu akka komiitti kaasuun filannicha keessaa hafan.
Kanaaf ammoo bulchiinsa MM Abiy jalatti dirreen siyaasaa akka dhiphate kaasu.
Qondaalonni ABO waggoota sadii dura mana hidhaa galan manni murtii bilisa baasus hanga har'aatti kan hin gadhiifamiin jiran jiru.
MM Abiy ammoo faallaa kanaan ''har’a tokkummaan saba keenyaa kan barbaachsiu, tokkummaa sabaafi sablammii tikfachuuf malee sabboonummaaf, Oromomummaafi Oromiyaa, afaaniifi ofiin of bulchuuf miti. Isaan kana ajandaa qabsoo goonee qabsoofna taanaan har’as kaleessa keessa jiraanna. Isa har’aafi isa boruu hubachaa hin jirruu jechuudha,'' jedhan.
Rakkoo nageenyaa lubbuu uummataa gaaga'e
MM Abiy Ahimed itti aanaa isaanii Obbo Tamasgeen Xurunaa, Af-Yaa'ii Paarlaamaa Itoophiyaa, Obbo Taaggasaa Caafoo dabalatee qondaalota federaalaafi naannoo Oromiyaa olaanoo waliin gara Naqamtee deeman.
Ebla 11 Bara 2019 yeroo Obbo Lmmaa Magrsaa pirezidaantii Oromiyaa tahan MM Abiy Ahimed ammoo MM Itoophiyaa tahuun gara Naqamtee deemanii ture.
Guyyaa kana Obbo Lammaa Magarsaa Istaadiyeemii Wallaggaa kanuma MM Abiy torban darbe keessatti haasaa taaisan kana keessatti kubba mijeessanii MM Abiy Ahimediif kennuun, MM Abiy Ahimed 'galchii lakkoofsisan'.
Hiikaan siyaasaa isaa Obbo Lammaan namoota MM Abiy akka MM tahan tumsaniifi waliin qabsaan keessaa tokko akka tahan akeeka. Sababni isaa DR Abiy Ahimed duraan Itti-aanaa pirezidaantii waan turaniif.
Haatahu malee, ergasii Obbo Lammaan kubba siyaasaa biraa mijeessanii kennan waan jiru miti. Sagaleen isaaniis dhabame.
MM Abiy garuu ergasii bara 2023 keessa Naqamte deemuun uummata waliin waa'ee rakkoo nageenyaa Lixa Oromiyaa dararaa jiruu irratti mari'ataniiru. Bara kana sji'oota 12 eeganii garas imaluun irra deebiin 'Wallagga lafa nagaati' jechuun labsaniiru.
Finxaaleyyiin Amaaraa Wallagga 'lafa dhiigaa' jechuun waamaa turan. Garuu dhugaan jiru uummata nagaa jaalatuufi sabaafi sablammii adda addaa keessa jiraatu tahuu isaati.
Kanaaf fakkaata MM Abiy akkas jedhan. ''Wallagga, Naqmaterraa labsiin har’a Onneerraa labsuu barbaadu ijoolleen Oromoo wal ajjeesuun, ijoolleen Oromoo teessee elaafi elaameen waliin mari’achuu dhabuun har’a dhaabbachuu qaba. Diinaan gowwoomuun, ajandaa diinaan wal qooduun nu haa gahu,'' jedhan.
''Nuti Oromoon waliin teenyee elaafi elaameen mari’achuuf ni rakkanna. Diina Oromoo waliin teenyee mari’achuuf, diina Oromoo waliin tarsiimoo baasuuf hin rakkannu. Oromummaan akkasii eessaa bahe? Waliin dubbachuu dadhabnee diinaan mari’achuun qaanii waan taheef seenaa irraa barannee uummata keenyaaf nagaa fiduu akak dandeenyuuf waraanni nu haa gahu,'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa ABO-WBO waliin nagaa buusuuf marsaa lama taanzaaniyaatti marii gaggeessee ture. Garuu wlaiigaltee lamee xumurame.
Dubbiin isaanii kun ammas marii araaraa biraaf qophii tahuu agarsiisuuf tahuu, akkuma barame 'koottaa galaa' ergaa jedhu dabarsuuf tahuu ifa miti.
Garuu tokkummaan uummata kanaa yoo cabe rakkoo hamaa keessa galuu akka danda'u akeekaniiru.
''Oromoon jaarraa tokko oliif maaliif garboome? Oromoon guddaa, bal’aa akka Afrikaatti lakkoofsaan saba Oromoo kan gahu bakka hin jirretti, gadheen maaliif jaarraa tokkoo ol nu gantee, nu ajjeestee, nu bittee abbaa biyyummaa keenya gante yoo jettan tokkummaa waan dhabneef.''
Dubbii MM Abiy Ahimed kun jabaa tahus saba ykn qaama kam akka jechuu barbaadan ifa miti.
Sirni Gadaa laafaa yoo deemu Oromoon tokkummaa dhabaa fi diinaaf saaxilamaa deemuu himan.
Booda kanahoo ijoolleen keenya qabsoo yeroo jalqaban, Baaroo Tumsaan, Haayilee fIdaa fi Sannaay Likkee osoo tokko tahanii jiraatan, tokko tokkoon diinaan hin nyaataman turan.
Tokko tahanii uummata isaanii qabatanii, elaa fi elaameen mari’ataniiy, mul’ata isaanii qabatanii waaqa isaanii qabatanii osoo waliin dhaabbatanii jiraatan qabsoon Oromoo kun waggaa 50 oliif duubatti hin deebi’u ture jedhan.
''Tokkummaan nu barbaachisa gaafa jennu humna guddaa waan taaneef, waraanuufis, misoomuuf, yaada gargaaraaf nu baraabchisa. Tokkummaa jechuun waan hundaan afaan tokko dubbachuu jechuu miti. Garaagarummaa yaadaa mudatu irratti mari’atanii yaada mo’ataa qabachuun ala wal ajjeesuu hin barbaachisu.''
Oromoon bosona keessatti gandatti wal qoodee wal ajjeesa. Walii abboomamuu dadhabee wal nyaata. Mootummaa waliin qofa miti kan wal ajjeesu. Aangorra baanees, bosona keessatti wal qoodnee uummata kana salphisuurra yoo nuuf gale tokkummaan dhaabannee waliin qabsaa’uu yoo tahuu baates, dachee bal’aa waan qabnuuf qonnee callisnee jiraachuu nuuf wayya.''
Oromoon yoo ka’u maal gochuu akka danda’u diinni beeka. Gaabbii dhalootaaf darbu, miidhama ijoollee keenyatti darbu fiduu dura dhaabbannee mari’annee tokkummaa keenya eeggachuu qabna.
Wal dhabdeen mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduu jiru osoo karaa nagaa hin hiikamiin ammas naannoo Oromiyaatti nagaa fi tasgabbii deebisuun ulfaachuu mala.
Godinaalee Lixa Oromiyaa keessatti bu'uuraalee misoomaa hojjechuu fi warra jalqabaman xumuruun rakkoo taheera.
Uummanni oomishatee jiraachuu qofa osoo hin taane nagaan bahee nagaan manatti galuun ulfaataa erga tahee bubbuleera.
Buna bilchaa'ete bu'achuu [funaanachuu] dadhabee kan bakkeetti jalaa bade hedduudha.
Itoophiyaan marii biyyaalessaa gaggeesuuf jettu keessa ammoo qaamoleen madda rakkoo dhabamuu nageenyaa tahan hin hammatamne.
Kanaaf ABO-WBO marii biyyaalessaa milkaa'aa gaggeessuuf qaamolee wal waraanan irraa jalqabuu qaba jedhe.
Mariin kun Itoophiyaaf aara galfii fida jedhamee itti abdatamus ammas paartileen akka KFO fi ABO Oromiyaa keessa socho'an maricha keessaa bahuu himaniiru.
Tibbana ammoo Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US, kan tahan Maayik Haamer mootummaa Itoophiyaa fi hoggantoota paartilee mormituu akka ABO fi KFO waliin dhimma rakkoo nageenya Itoophiyaa keessaa irratti Finfinneetti marii gaggeessaniiru.












