Haala jireenyaa jiraattonni Naannoo Tigraay waggoota lamaan keessa darban

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni waggoota lama lakkoofsise namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman galaafatee, namoota miliyoonaan lakkaa’aman ammoo qe’eef qabeenya isaaniirra buqqiseera.
Humnoota Tigiraayi fi mootummaa Federaalaa gidduutti waraanni hammaate naaannicha hubeera.
Waraana kana hordofuun tajaajiloonni bu’uuraa addaan cite.
Baruuf barsiisuun adda citeera, tajaajilli ibsaa, bilbilaa fi dhiyeessin boba’aalle addan cite.
Kaa qofayyuu miti bu’uuraaleen misoomaa iddoowwan kaanitti badeera.
Hojiin qonnaa, tajaajilli fayyaa fi mootummaan kennu ni gufate.
Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman beelaaf saaaxilaman. Dawaa dhabuun namoonni wal’aansa dhabanii du’uutti akka jiran ogeeyyiin himaniiru.
Tajaajiloonni bu’uuraa adda cituu hordofee jiraattoonni rakkoof saaxilamuuf dirqaman.
Sarbaminsa mirga namoomaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa lama dura, ji’a Sadaasaa 24 wal-waraansa eegalameen sarbamiinsi mirga namoomaa’’dhageettiif hin tolle’’ raawwatamaniiru.
Torban tokko dura Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Koreen Mirga Namoomaatiin hundaa’ee fi Komishinii sarbamiinsa mirga Namoomaa Kaaba Itoophiyaa qoratu gabaasni baase yakkoonni waraana fi yakki farra-namoomaa raawwatamuu mul’ise.
Deeggarsi namoomaa gufachiisuu fi guddeeddii akka meeshaa waraanatti ooleera jedha jedha gabaasichi.
Haleellaan saalaafi gudeeddiin raawwatamuu kan akeeke gabaasichi, haleellaan kun iddoo waraanni ka’e hundatti kan qaqqabe yoo ta’u, Tigiraayitti garuu miidhaan qaqqabe caalatti gara-jabumaan raawwatame jedheera.
Haleellaawwan sun raayyaa ittisa biyyaa Tigiraayi wayita to’ateetti kan qaqqabe yoo ta’u, waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa akkasuma mseensonni Faannoo miidha qaqqabsisu gabaasichi ifoomse.
Gabaasichi Lixa Tigiraayitti gudeeddii fi miidhaan saalaa itti fufeera jedhe.
Haaluma kanaan walfakkaatuun, humnoonni Tigiraayi iddoowwan to’atanitti gudeeddii fi miidhaa saalaa iddoowwan to’atanitti qaqqabsiisuu gabaasichi eere.
Mootummaan Itoophiyaa garuu gabaasicha kuffisuun’’maqaa qorannootiin ibsa siyaasa kenname’’jechuun fudhatama dhabsiise.
Waraanni erga eegalee ji’oota jaha booda Ministirri Muummeee Itoophiyaa Abiyi Ahimad sarbamiinsi mirgaa raawwatamuu Paarlaamaaf ibsan kennanirratti amanuun garuu, ’’holola guddaatu jira’’ jedhan.
‘’Loltuu garasitti kan ergineef yakkamaa akka to’atuuf malee akka gudeeddi raawwatuuf miti, loltuun yakkicha raawwate seeraan gaafatama’’ jedhan.
Kanaan alatti waraanni Itoophiyaafi Ertiraa, akkasuma deeeggartoonni isaanii nyaata, manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaa bal’inaan mancaasan jechuun Komishiniin Koree Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin hundaa’e gabaase ture.
Kun haala kanaan otoo jiruu, sarbamiinsi mirga namoomaa fi duulli dhalattoota Tigiraay Dhiha Tigiraayi keessaa dhabamsiisu ykn ’’ ethnic cleansing’’ raawwatamuusaa dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa lama bara darbe gabaasa baasanii turan.
Aminasti Intarnaashinaali fi Hiyuuman Raayitis Wooch gabaasni baasan, qaamoleen nageenyaa fi qondaaltonni naannoo Amaaraa dhalattoota Tigiraayi naannicha qulleessaa turuu agarsiisan.
Haleellaawwan kun yakka namoomaa fi yakka waraanati jedhe gabaasichi.
Mootummaan Federaalaa fi Naannoo Amaaraa garuu gabaasicha fudhachuu didaniiru.
Aminasti Intarnaashinaal A.L.I bara 2013tti addatti gabaasa baaaseen, ji’oota sadii keessatti gudeeddiin 1288 raawwatamuun, miidhamtoonni dhaabbilee fayyaatti gabaasu ibse.
Lakkoofsi kun dubartoota yeroo sanatti Tigiraayitti gudeeddamanii guutuu hin akeeku.
Gabaasichi dabalataan akka eeretti dubartoonni Tigiraayi daboon gudeeedamu, meeshaa biraa qaama saalaa isaanii keessa kaa’u fi dhibee HIV’-AIDS’n kanneen qabaman jiraachu eere.
Sarbamiinsi mirgaa naannoo biroottis raawwatameera.
Waraana kana hordofee magaalaa Finfinnee dabalatee, kutaalee biyyattii biroottis dhalattoonni Tigiraayi eenyummaa isaaniif hidhamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi jaarmiyaaleen mirga namoomaan idil-addunyaa mirkaneessun akka dhaabatu gaafatan.
Qondaaltoonni Itoophiyaa akkuma fedhanitti dhalattoota Tigiraayi hidhuu, dhabamsiisuu fi miidhaawwan biroo irraan gahuu gabaasni Hiyuuma Raayitis Wooch kan hubachise.
Humnoonni Tigiraayi iddoowwan garaa garaa to’achuun gara magaalaa Finfinneetti wayita qajeeluu horodofee wayita absiin yeroo muddamaa labsame dhalattoonni Tigiraayi hidhamaa turu gabaasaleen bahaniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii lbsiin yeroo muddamaa yeroo labsametti, dhalattoonni Tigiraayi 15,000 ol ta’an hidhamaniiru jedhe.
Rooyitarsi dhalattoota Tigiraayi haasofsisee, akkasuma suura saatalayiitii xiinxaluun lakkoofsi hidhamtoota kan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii baaase dachaa sadiin akka caalu gabaase.
Labsiin muddamaa ragga’uu hordofee iddoo hojii, mana jireenya isaaniitii fi karaa gubbaarra qabamanii namoonni hidhamuu Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.
Buufatalee Poolisii muraasa keessatti nyaata fi uffata hidhamtoota gahuun rakkisaa akka ture, miseensonni maatii gaafachuuf akka rakkatan fa’aa himatanii turan.
Dhalattoonni Tigiraayi kumtaaman lakkaa’aman magaalaa daangaa naannoo Affaari fi Tigiraayitti argamtu Aba’aala keessaa qabamanii gara magaalaa Samaraa erga geeffamanii booda iddoo tajaajila bu’uuraa gahaa hin qabne tursiifamuun gabaafame ture.
Yeroo sanatti BBCtti namoonni dawoo tursiisa keessa tursiifaman akka himanitti namoonni iddoo tursiisanitti du’anillee jiraachu eeran jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo sanatti rakkoo fayyaa naannichatti uumame
Waraanicha hordofee tajaajilli bu’uura naannoo Tigiraayi dhabamuun tajaajila fayyaa kennamu hubeera.
Naannichi uggura keessa jiraachu hordofee, hanqinni qorichaa dhukkubsattoota lubbusaanii dabarsaa jira.
Torban darbe talaallii, qorichoota dhukkubbii wayyeessan fi insuuliniin naannicha keessa ture muraasni guutummaatti dhumuu Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa beeksiseera.
Dhukkubsattootni yaalii argatanii fayyuu danda’an sababa hanqina qorichaan du’aa jiran akka malee dabalaa jiraachuus ibseera.
Sababa dhorkaa kaa’amee tureef qorichaa fi meeshaalee yaalii galchuu akka hin dandeenye kan hime dhaabbatichi yeroo dhukaasni dhaabatee turetti qorichaa fi meeshaalee muraasa galchuu ibseera.
Daarikterri WHO ofiis dhalootaan Tigiraay tahan Dr Teediroos Adaanoom naannicha keessaa buufataaleen fayyaa hojiirra jiran %9 qofa akka tahan ibsaniiru.
WHOtti gaggeesituun garee Itoophiyaa Ellihaam Abdullaay Nuur naannoo Tigiraayitti daa’imman wagga shanii gadii hanqina nyaata madaalamaan rakkachaa jiran ‘’nama rifaasisa’’ jedhan.
Dr Teediroos ammoo hawwaasni adunyaa rakkoo fayyaa naannoo Tigiraayiif xiyyeeffannoo akka kennan gaafachuun ‘’amma duguuggaa sanyii hanbisuuf carraan jiru dhiphaadha,’’ jedhan.
Dhaabbilee yaalaa Tigraayitti argaman 106 erga ilaalee booda MSF ibsa baaseen harka afur keessaa sadii saamamuu ibseera. Saamichi raawwatame tokko tokkos loltootaan raawwatamuus himaniiru.
Dhaabbilee fayyaa inni taajjabe keessaa harka 13 qofatu tajaajila irraa eegamu ba’ataa akka jiru ibse.
Dhaabbilee fayyaa MSF Tigraayitti taajjabe keessaa dhibbeentaan 65 guutumatti tajaajila kennaa kan hin jirre yoo tahu, dabalataan ogeessota kan hin qabne ta’uu ibseera.
''Haleellaan dhaabbilee fayyaa Tigraay irratti raawwatamaa jiru ummata irratti miidhaa geessisaa jira,'' jedhan daayreektarri olaanaa MSF Oliivar Been yaada ibsa kennaniin.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sababa hanqina nyaataa hamaa Tigraay keessatti mudateen daa'imman guyyaa guyyaan du'uu beeksise.
Hospitaalli Ayider magaalaa Mekele jirus hanqina qorichaa fi meeshaalee yaala fayyaan tajaajila yaalaa bu'uuraa dhaabuuf dirqamee jira.
Tigraay keessatti dhukkubsattootni sukkaaraa gara kuma 27 ta’an kiniinii afaaniin fudhatamuun ykn qoricha lilmootiin kennamuun lubbuun akka jiraatan daayreektarri fayyaa hospitaalichaa Dr Kibrom Gebreslaase BBC’tti himaniiru.
Isaan keessaa kuma 8 ol kan ta’an umuriin isaanii waggaa 14 gadi ta’uu ibsameera.
Kanarraa kan ka’e torbanitti hanga namoonni 12 du’u.
Sababa waraana Kaaba biyyattii Kanaan miidhaa cimaan kan irra gahe keessaa daa’imman isaan jalqabaati.
Akka ragaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Tigraay irraa argametti, bara kana lakkoofsi daa’imman naannichatti talaallii fudhatan dhibbeentaa 10 gadi gadi bu’eera.
Kana irraa kan ka’e daa’imman dhukkuboota akka weerara busaa, dhukkuba gifiraa fi kaaniif saaxilamuu ibseera.
Dhukkubni Titanes jedhamu waggoota afur dura naannichatti zeeroo irra gahee kan ture amma daa’imman 25 irratti akka argame itti gaafatamichi himaniiru.
Gama biraatiin, ragaan BBCn Biiroo Eegumsa Fayyaa Tigraay irraa argate akka agarsiisutti, waggoota lamaan darbanitti lakkoofsi daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadii sababa hanqina nyaataatiin du’anii osoo waraanichi hin jalqabiin ji’oota afur duraan wali biratti yoo madaalamu, dhibbeentaa 1,533 dabaleera.
Adoolessa bara 2013 hanga July 2014tti [A.L.Ttti] daa'imman kuma 2 fi 450 hospitaala keessatti du'aniiru.
Rakkoo geejjibaa fi hanqina dhiyeessii humna ibsaa dabalatee sababoota adda addaatiin ragaa walitti qabuun naannichaaf rakkisaa ta’eera. Kanarraa kan ka’e lakkoofsi kun dhugaa lafarra jirurraa fagoo ta’uu ni amanama.
Gama biraatiin waraanni erga ka’ee booda naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti dhaabbileen fayyaa kuma 1 fi 500 ol humnoota TPLF’n saamamuu fi barbadaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Beelaa fi Hanqina nyaataa naannoo Tigiraayitti
Tigiraay keessatti waraanni fi uggurri kun hanqina nyaataa fi beela hamaa fideera. Kanarraa kan ka’e, BBC’n hakiimotaafi narsoota hanga nyaata kadhachuutti ga’an dubbiseera.
Kunis sababa hojiin qonnaa naannichaa addaan citee fi gargaarsa namoomaa addaan cituu isaa irraa kan ka’edha.
Tigiraay keessatti sababa beelaaf namoonni fi bineensonni du’aa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa Dr Atenkut BBC’tti himaniiru.
Waraanni erga jalqabee gara ji'a 8 booda Sagantaan Nyaataa Addunyaa fi UNICEF ibsa baaseen uummata Tigraay keessaa dhibbeentaan 90 ol gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadu.
Haala naannoo Tigraay ilaalchisee, Dhaabbatichi ibsa baaseen ‘’waggoota kurnan keessatti beela hamaa adunyaa mudate akka ittifamu yoo barbaadame namootni miliyoona 5.2 tahan deeggarsa hatatamaa barbaadu,’’ jedhe.
Qindeessaa gargaarsa yeroo muddamaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan ta'an Maark Loowkook ''Tigraay keessatti hongeen mudatee jira'' jedhan.
Qindeessaan kun akka jedhanitti Tigraay keessatti namoonni gara kuma 353 ta’an rakkoo suukaneessaa sadarkaa shanaffaa (catastrophe) jedhamu keessa jiru.
Dabalataan namoonni miiliyoona 1.7 ol tahan gargaarsa hatattamaa akka barbaadan eeraniiru.
Gabaasni Komishinii Dhiittaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka agarsiisutti, Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa fi Eertiraa akkasumas humnootni isaan waliin lolaa turan kaan Tigraay keessatti loon ajjeesuu fi nyaata barbadeessuu isaanii ibseera.
Gama biraatiin, Manni Maree Nageenyaa UN, ji’a Waxabajji bara 2013 [A.L.I] walgahii cufaa Tigraay ilaalchisee taa’een, Tigraay keessatti beelli akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa tureera jedhee ture.
Haa ta'u malee, mootummaan federaalaa kana hin fudhatu. Yeroo filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa bara 2013 gaggeeffamee MM Abiy Ahimed, BBCtti akka himanitti "Tigraay keessa beelli hin jiru" jedhan.
Hagayya darbe sababa waraanni deebi’ee ka’een gargaarsi namoomaa addaan cituus, kenniinsa gargaarsa namoomaa naannichatti daangeffamee ture fooyya’ee ture.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa muddama kana hunda Tigraay keessatti fide erga jalqabee waggaa lama ta'eera.
Waggoota kanneen keessatti namoonni qulqulluun ajjeefamanii, sarbamni mirga namoomaa suukanneessaan raawwatameera, namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru, sirni fayyaa naannichaa akka malee miidhameera.
Mariin nagaa amma itti jiran waraana kanatti xumura godhamoo kana boodas namootni nagana dararamuun itti fufa?












