Dhimmoota ijoo marii nagaarratti mootummaafi humnoota Tigraay waldhabsiisuu danda’an

Madda suuraa, TIGRAY PRESIDENT'S OFFICE
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lama guutuuf guyyoota muraasa hafe mariin xumuruuf torban kana yeroo jalqabaaf mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay Afrikaa Kibbaatti marii eegalaniiru.
Qaamoleen waraana keessa qooda fudhatan marii kanarraa waan eegan qabu.
Haata’u malee, waraanni waliinii Itoophiyaa akka furmaata hin arganne wantoonni danqaa ta’uu malan jiru. Dhimmoonni qaamolee lamaan walitti fiduu danda’anoo kami?
Wantoota danqaa ta’uu malan irraa haa eegallu:
Dhimma Lixa Tigraay ykn Walqaayit
Bakki kuni humnoota Tigraayifis ta’e Amaaraas barbaachisaadha.
Humnoonni Tigraay bakka kana ‘Lixa Tigraay’ jechuun waamaniifi humnoonni Amaaraa ‘Walqaayit Xagadee’ jedhan faayidaan siyaasaafi dinagdee qabu olaanaadha.
Bakki kuni Itoophiyaa, Sudaaniifi Ertiraa daangessa.
Bakki qotisaaf mijataa ta’e kuni Saliixiin baay’inaan itti oomishama. Oomishi kuni bunatti aanee sharafa alaa biyyaaf kan argamsiisudha.
Humnoonni TPLF waraana dura bakki kuni daangaa Naannoo Tigraay akka ta’e eeruun bulchiinsa isaanii waraana dura turetti akka deebi’u morkatuu malu.
Humnoonni Amaaraa immoo bara bulchiinsa ADWUI, TPLF’n durfamu bakkicha Tigraay jala galuu dura ummati Amaaraa kan keessa jiraatu ta’u ibsuun falmuu malu.
Biyya tokkotti waraana lama?
Yeroo ammaa waraana kanarratti olaantummaa fudhachuun isaa kan ibsamuufi daandii Maqalee geessurra kan jiru waraanni federaalaa, humnoonni Tigraay waraana akka hiikkatan gaafachuu mala.
Aangawoonni mootummaa federaalaa fi deeggartoonni isaanii ‘biyya tokkotti waraanni lama jiraachuu hin danda’u?’ jechuun yeroo ibsan dhagahamaniiru.
Yeroo ammaa ‘raayyaa ittisaa Tigraay’ jechuun humna hidhaterraa loltoonni meeqa akka jiraniifi hammi meeshaa waraanaa jiru beekamu baatus, mootummaa federaalaaf balaa ta’e itti fufuun isaa waan hin oolle.
Sababa kanaaf Tigraay qaama mootummaa federaalaa ta’u ibsuun mootummaan meeshaa akka hiikkatan gaafachuu danda’a.
Dhimma kana garuu TPLF faallaan ilaala. Humnoota ‘diina’ jedhaniin marfamanii akka jiran ibsuun gaaffii meeshaa lafa kaa’aa jedhu salphaatti fudhachuu diduu malu.
Ertiraa
Ertiraan marii nagaa kanaan hin fayyadamu jettee yoo yaadde milkaa’inni marii kanaa gaaffii keessa galuu mala.
Fedhiin Ertiraa maal taanaani loltuu ishee gara Tigraay kan ergite?
Asmaraan jiraachuun TPLF nageenya kiyyaaf yaaddoodha jechaa turtettii. Rokeetiiwwan waraanni yeroo eegale TPLF gara Asmaraa dhukaase agarsiistuu ta’u danda’u.
Dabalataan garuu waldhibdee Ertiraan TPLF waliin qabdu sababa biraati jedhu xinxalaan siyaasaa Abduraahimaan Sayid.
Akkasumas TPLF siyaasa Itoophiyaa keessatti dhiibbaa uumee akka hin fufne Ertiraan barbaaddi.
Dhimmi biraa dhimma lafaati.

Waraana Itiyoo – Ertiraa booda lafa Ertiraaf murtaa’e bulchiinsi TPLF’n durfamu didee ture.
Sababa kanaaf fakkaata lolli Kaaba Itoophiyaatti yeroo eegale lafa kana dura waliigaltee Aljersiin murtaa’ef dabalatee lafa hedduu kan to’atte.
Fakkeenyaaf akkaataa waliigaltee Aljersiin Zaalaambassaan qaama Itoophiyaati. Amma garuu lafi kuniifi kaan daangaarraa jiran Ertiraa jala jira.
Sababa kanaaf lafi Ertiraafi Tigraay daangessu raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaan eegamuu qaba jechuun gama Ertiraatiin yaadi dhihaachuu danda’a.
Ertiraan osoo TPLF diina jettuu ‘hin dhabamsiisin’ akkasumas lafi kiyya jettu harka ishii jala galchuu osoo hin mirkaneessin Pirezidant Isaayyaas adeemsa mariin furuuf jedhu fudhachuu danda’uu?
Dhimmoota seeraa
Waraanni kuni akkuma eegaleen mootummaan oppireeshinii Tigraayitti eegale ‘’olaantummaa seeraa kabachiisuu’’ jechuun waama ture.
Kaayyoon ‘’olaantummaa seeraa kabachiisuu’’ miseensota TPLF seeraan barbaadaman to’annoo jala oolchuu ture.
TPLF tarree shororkeessummaan jala seenuun ala mootummaan dura taa’aa TPLF Dr Dabratsiyoon fi kaan dabalatee biyya ganuun himate ajaja hidhaa itti baaseera.
Namoonni mootummaan federaalaa yakka jabaan barbaadu hidhee mana murtii dhiheessamoo waraanichaaf furmaata siyaasaa barbaaduuf isaan waliin hojjeta?
Qaamoleen lamaan maaliin waliigaluu danda’u?
Waa’ee gargaarsa namoomaafi tajaajilota bu’uuraa
Mariin Kibxata eegale Dilbata yeroo xumuramu qaamoleen lamaan dhimmoota gargaarsa namoomaa dhiheessuufi tajaajiloota bu’uura bakkatti deebisurra waan haaraa jiraachuu mala.
Ajandaan kuni kan TPLF qofa osoo hin taane ajandaa jalqabaa biyyoota Lixaatis. Mootummaan federaalaas lammiilee Tigraay keessa jiraniif deeggarsa dhiheessuun ‘waan mariif dhihaatu miti’ jedheera.
Guyyaa mariin eegale MM Abiy Ahimad waliin bilbilaan kan haasa’an Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Biliinkan walitti bu’iinsa atattamaan dhaabuun deeggarsa namoomaa danqaa hin qabne akka jiraatu gaafataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa baasen bakkeewwan Tigraay keessa to’atetti deeggarsa namoomaa dhiheessuuf akka dalagaa jiru ibseera.
Haa ta’u malee, mootummaan bakkee TPLF to’ate jirutti tajaajiloota bu’uuraa ni gadhiisaa? Hin beekamu.
Yakkawwan waraanaa seeraan gaafachuu
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman waraana Kaaba Itoophiyaan yakki yakka waraanaan qixxaatu raawwatu hin oolle jedhaniiru.
Ajjeechaan jumlaa, bu’uura seeraa malee ajjeesu, haleellaa saalaa, dararaa, hidhaa, saamicha akkasumas qabeenya ummataa mancaasun yakkawwan waraana kanaan dalagamanidha.
Yakkawwan waraanaan raawwatamaniif akkamiin seeraan gaafatamuu danda’u? Eenyu dhimmicha qorata?
Akkamiinis hojiirra oola kan jedhu gaaffii ta’us qaamoleen lamaan sadarkaa qajeelfamaan seera duratti dhiheessuuf waliigaluu danda’u.












