Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduu Afrikaa Kibbaatti jalqabe

Madda suuraa, Getty Images
Mariin nagaa mootummaafi humnoota Tigraay gidduu guyyaa Kibxataa Afrikaa Kibbaatti jalqabe.
Erga waraanni waggaa lama dura Tigraayitti eegalee humnooti lamaan mariif ifatti yoo gadi taa’an kuni kan jalqabaati.
Dubbii Himaan mootummaa Afrikaa Kibbaa Vinsant Maagwenyaa akka miidiyaaleef guyyaa har’a ibsanitti mariin kuni guyyoota itti aanan jahaaf jechuunis hanga Onkololeessa bulti 30 ni tura.
Marii kana Gamtaan Afrikaa kan mijeesse yoo ta’u qondaaltonni sadii qindeessummaan irrati hirmaatu.
Kunneenis tokko Pirezidantii duraanii Naayijeeriyaafi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa kan ta’an Olusegon Obasaanjoodha.
Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaafi Pirezidantiin I/Aantuu duraanii Afrikaa Kibbaa kan ta’an Phumzile Mlambo-Ngcuka illee keessatti argamu.
Dubbii Himaan Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Maagwenyaan marii kanarraa abdiin akka eegamu ibsaniiru.
Mariin kuni yeroo mootummaan federaalaa Itoophiyaa magaalota haaraa humnoota Tigraay jalaa to'ataa jirutti jalqabe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
'Mala humna waraanuu TPLF laaffisuun magaalota ijoo to'achuun itti fufeera', jedheera mootummaan ibsa Wiixata baasen.
Haa ta'u malee, haleellaa mootummaa Itoophiyaafi Ertiraan lammiileen nagaa miidhamaa jiraachuu gabaasonni ni ibsu.
Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal waraanni torbanoota as dhiyoo keessa hammaate dhumaatii haaraa hordofsiisuu mala jechuun akeekkachiiseera.
Dhaabbatichi Fulbaana 5-12'tti humnootni Eertiraa magaalaa Shiraarootti godaantota Eertiraa dabalatee namoota nagaa yoo xiqqaate 40 ta'an murtee seeraa malee ajjeesani jedhe.
Qaamoleen waraana keessa hirmaatan marti badii jajjaboo raawwachuun himannaan irrati ka'a.
Waraanni waggaa lama dura eegale lammiilee kumaatama galaafate miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqiseera.
Kanneen qarqara beelaa jiranis kuma dhibbaan akka lakkaa'aman UN ibseera.
Yeroo dheeraaf waraanni dhaabatee rakkoon marin akka furamu waamichi taasifamaa turuun ni yaadatama.












